Aside

Australian Oromo community stages solidarity Rally in Melbourne

(Advocacy4Oromia, Melbourne, 17 February 2020) Melbourne’s Oromo community rallied on February 17 as part of a world-wide action in solidarity with the Oromo people.

Australian Oromo community stages solidarity Rally in Melbourne, 17 February 2020

 

Continue reading

Aside

Waajjirri ABO Ona Adaabbaa Magaalaa Adaabbaatti Banamee Ooleera.

Aside

Waajjirri ABO Godina Jimmaatti baname! Dhiibbaa guddaanis irratti godhame!

[Image may contain: 11 people, people smiling, people standing and outdoorSQ, Gurraandhala 16,2020] Waajjirri adda Bilisummaa Oromoo godina Jimmaa magaalaa Jimmaatti guyyaa har’aa Gurraandhala 16,2020 banamee jira.

Waajjirri guddichi godinichaa kun kanaan dura yeroo garaagaraatti yaalii banamuuf taasisaa ture hundaan milkaa’uu dadhabuun hanga guyyaa har’aatti dhiibbaa qaama mootummaa isa mudataa tureen, takkaa miseensota Waajjirichaa hidhuu fi takkas caccabsuuf doorsisa hamaa hogganoota waajjirichaa irra gahaa ture damdamatee guyyaa har’aa haala onnachiisaan banamuu danda’e. Continue reading

Gur.16/2020 Waajjiirri ABO Aanaa Jalduu Magaalaa Goojjoo Akka Cufamu Poolisii Ona(Aanaa)Jalduu Irraa Akeekkachiisi Kenname.

Aside

Image may contain: 3 people, people standing, crowd and outdoor Gur.16/2020 Waajjiirri ABO Aanaa Jalduu Magaalaa Goojjoo Akka Cufamu Poolisii Ona(Aanaa)Jalduu Irraa Akeekkachiisi Kenname.
Akka Odeessa Nu Dhaqqabeetti Nama Waajjira ABO Ona Jalduu Magaalaa Goojjootti Argamu ABOf Kireessaniifii fi Itti Gaafatamaa Waajjira ABO Ona Kanaa Obb.Waasee Waaqoo Pooliisiin Magaalichaa Waajjiratti Waamuun Waajjira ABO Goojjootti Argamu Akka Cufan Akeekkachiiseera.
Dubartiin Waajjira ABOtti Kireessite Hidhaa Bultee Har’a Wabii Kuma 25(25,000)n Doorsiisa Irra Gaheen Tole Keessayin Baasa Jettee Akka Baates Beekameera.

Aside

Yaaliin ajjeechaa jaal Kennasaa Ayyaanaa irratti har’a yaalame uummata Oromoo bakkichaan qolatameera. Rasaasa irratti dhuka’een lubbuu qaalii dargaggeessa tokkoo uummati dhabee jira. Baay’ee namatti dhagaa’ama.

Hundaan ol ABO’n dhaaba du’aaf ajjeechaa baqatee hidhaa baqatee Oromoo qabsaa’uu dhiisu akka hintaane diinnis firris beekuu qaba.

Image may contain: 1 person, outdoor

Aside

Dhaamsa Artist Ilfineesh Qannoo Ummata Oromoo bal’aaf dhaammate qalbii nama tuqa kan namummaa qabuuf.

Gochaa sukkaneessaa Haadharraa Ilmootti darbe sirnuma kanaan argaa jirra.

Aside

ጠ/ሚ ዶ/ር አብይ አህመድ ለቀድመው ጠ/ሚ መለስ ዜናዊ የገጠሙት ግጥም “እጅ እንነሳለን” | ABIY AHMED POAM TO FORMER PM MELES ZENAWI

Prison Conditions and killings in Ethiopia under the Regime of the Nobel Peace Prize Laureate Abiy Ahmed

Aside

http://ayyaantuu.org/

Prison Conditions and killings in Ethiopia under the Regime of the Nobel Peace Prize Laureate Abiy Ahmed

  1. Continue reading

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Afaan Qawwee jalatti nagaan hinyaadamu, hinargamus!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala 1,2020

Uummata deettiin/jumulaan ajjeesuu, hidhuu fi shamaraaf dubartii Oromoo gudeeduu dabalatee yakki sussukanneessaan uummata quunnamtiin hawwaasaa marti irraa cite irratti baatii tokkoo oliif deemaa jira. Bosonni Lixa Oromiyaa guyyaaf halkan walitti gubataa jira. Bineensotni Oromiyaa gadhiisanii godaansaaf saaxilamaa jiru. Akka amantaa Qeerroo Bilisummaa Oromootti gochi akkanaa gocha abbaa irreeti.

Uummata nagaa irratti irree isaa agarsiisuudhaaf biyyoota keessaaf biyya alaa irraa gargaarsa meeshaa waraanaaf loojistikii garaagaraa kadhatee mootummaan Ethiophia (EPRDF) uummata nagaa irratti waraana banee jiru kana akka hatattamaan dhaabu gaafatna. Uummatni keenya Oromoonis gocha hammeenyaa obbolaa isaa irratti, maatii isaa irratti raawwataa jiru kana akka bakka maraa balaaleffatu kabajamaa uummata Oromoof dhaamna. Continue reading

Aside

Ajjeechaa ilmaan Oromoo Lixaa irratti raawwateen daataa Oromoo Lixa Oromiyaa Wallaggatti ajjeefamanii Amajji 20 asitti muraasa kan maqaa isaanii arganne.

(SQ- Guraandhala 1/2020)

cropped-qeerroo11.jpgQeerroo Bilisummaa Oromootiin

1. Gabre Aallesenyi, Qellem Wallaggaa ona Anfilloo magaalaa Muggii Amajji 26,2020

2. Bokkobaa Oliiqaa, Qellem Wallaggaa ona Anfilloo magaalaa Muggii Amajji 26,2020

3. Shaanqoo, Qellem Wallaggaa ona Anfilloo magaalaa Muggii Amajji 26,2020

4. Waaggaarii, Qellem Wallaggaa ona Anfilloo magaalaa Muggii Amajji 26,2020

5. Phaawuloos Shifarraa, Qellem Wallaggaa ona Anfilloo magaalaa Muggii Amajji 26,2020

6. Abbutti erga quba shan irraa ciranii booda rasaasaan ajjeesan, Qellem Wallaggaa ona Anfilloo magaalaa Muggii Amajji 26,2020

7. Taakkalee kanneen ajjeefamaniidha. Achi buuteen kan dhabame ammoo Qellem Wallaggaa ona Anfilloo magaalaa Muggii Amajji 26,2020 Continue reading