Waajjirri ABO Godina Jimmaatti baname! Dhiibbaa guddaanis irratti godhame!
[SQ, Gurraandhala 16,2020] Waajjirri adda Bilisummaa Oromoo godina Jimmaa magaalaa Jimmaatti guyyaa har’aa Gurraandhala 16,2020 banamee jira.
Waajjirri guddichi godinichaa kun kanaan dura yeroo garaagaraatti yaalii banamuuf taasisaa ture hundaan milkaa’uu dadhabuun hanga guyyaa har’aatti dhiibbaa qaama mootummaa isa mudataa tureen, takkaa miseensota Waajjirichaa hidhuu fi takkas caccabsuuf doorsisa hamaa hogganoota waajjirichaa irra gahaa ture damdamatee guyyaa har’aa haala onnachiisaan banamuu danda’e.
Baniinsa waajjira ABO kana irratti uummati Oromoo kumootaan lakkaa’aman kan argaman yoo ta’u, hogganootiin olaanoo ABO itti aanaa Hayyu Duree ABO jaal Araarsoo Biqilaa akkasuma miseensotni Shanee Gumii Gumii Sabaa ABO: Jaal Ibsaa Nagawoo fi Jaal Toleeraa Adabaa dabalataan miseentiin gumii sabaa ABO’s bakka sanatti argamanii waajjiricha eebbisiisanii jiru. Dabalataan paartilee siyyaasaa Oromoo keessaa tokko kan ta’an paartiin kongreensii Oromoo (KFO’n) sagantaa kana irraa qooda fudhatanii jiru. Wellistoonni Baandii Gadaa, Akkasuma jaal Suutee Baarentoo miseensa Hawwisoo WBO fi kaanis sagantaa kana irratti argamuun qooda fudhatanii jiran. Miidiyaan Oromoo ONN fi raadiyoo Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo bakka kanatti argameera.
Sagantaan kun eebba maanguddoon erga eegalee booda “Hiree Oromiyaa alagaan akka murteessu hin hayyamnu.” Kan jedhan gaafatamtuu waajjira ABO godina Jimmaa, akkasuma miseensa gumii sabaa ABO jaal Faaxumaa Adam haasaa baniinsaa taasisanii jiru. Itti fufanii uummataaf kan himan jaal Faaxumaan “Hunda caalaa kan nagaa biyya kanaa jaallatuufi hawwu Adda Bilisummaa Oromoodha. Mariifi konkolaachisaan keenya uummata keenyadha. Karaan gara bilisummaatti geessu xurree gootowwan keenya irratti kufan karaa ABOti” kan jedhan dhaamsa uummataa himaniin “Bakka quphanan argannaan, bakka ciisaniif bakka itti diriirfatan abbaatu bal’ifata.” Kan jedhan gaafatamtuun waajjira godina Jimmaa Jaal Faaxumaa Adam MGS ABO akka uummati qabsoodhaan waan kanaan olitti dagaagfatu dhaammatan.
“Amma ifa xiqqoo arganne. Jabaannee qabsoofnaan ifa kana ballifanna, laaffannan ammoo dukkanaan dhuunfatamna” yaada jedhu uummataa kan hiran Itti aanaan HD ABO jaal Araarsoo Biqilaa, uummati Oromoo tokkummaa isaa dagaagfatee qabsoo isaa galmaan akka gahu uummatatti himan. Tokkummaa Oromoo jechuun Bilisoomnus garboomnus walumatti, waliif dirmachuu fi waliin qabsaa’uun murteessaa ta’uu dubbatani jaal Araarsoon “humnoota tokkummaa uummataa diiguuf tattaafatan mormannas” jedhan.
“Nuti federaiziimii kan jaallaannuuf hiree Oromiyaa guutuutti Oromoon akka dhuunfatuu fi Xoophiyaa bulchuu keessattis Oromoon qooda akka qabaatu kan deggarutu federaliziimii waan ta’eefidha. Kanneen hiree kana jibban Federaalizimii balleessuutti jiru. Isa kana hinfudhannus” jedhan jaal Araarsoo Biqilaa Itti Aanaan Hayyu Duree ABO
Dargaggootaaf dhaamsa dhaamaniin “Qeerroo garaaf dantaaf bitamu utuu hintaane qeerroo dhugaaf bitamu nu barbaachisa. Qeerroo dhugaadhaaf bitamu ta’aas” kan jedhan jaal Araarsoo Biqilaati. Dhimma filannoon wal qabatee wayiita yeroon isaa gahe irratti haasofnas jedhan jaal Araaarsoon. “Nuti Oromiyaa nii fottoksina kan jedhu heera keenya irraa hinqabnu. Hiree isaa uummati haa murteeffatu. Waan isaa ta’u uummatni haa murteeffatu jenne. Warreen akka waan ABO’n biyya diiguutti lallaban dubbii ‘Oromiyaa fottooksuufi’ jedhu eessaa akka fidan hinbeeknus” jedhan waltajjii kana irratti Itti aanaan HD ABO jaal Araarsoo Biqilaa
Bakka baniinsa waajjira ABO kanatti kan argaman hoggana ABO olaanaa keessaa tokko MSHG-GS ABO jaal Ibsaa Nagawoo “Fira baayifachuuf malee diina baayisuuf qabsoo hingoonu. Isinis fira baayifachuu irratti hojjedhaa!” Jechuudhaan Oromoo yaaddoo saboota kaanii salphisuuf nageenyaan sabaaf sablammoota cunqurfamoo akka ofitti qabuuf dhaamani, gamnaaf bilchaatoo ta’uu akka qabnus irra deddeebiin dubbatan.
Akkasuma barataa Oromoo ilaalchisees “Barattoonni Oromoo gaafa addi bilisummaa Oromoo mo’e, miilli isaanii Oromiyaa keessaa hinba’u! Kanaafuu barataan keenya uummata keenya nuu dammaksaa” jechuudhaan barataan akka Oromoon ABO waliin hiriiruuf gahee isaa bahachuu akka qabu dhaaman
Dhimmaa paartilee Oromoo irratti kan dubbatan jaal Ibsaan “Barcumni Oromoo 178 paarlamaa keessa jiru akka qaama biraaf hinlaatamneef dhaabbilee Oromoo waliin mariitti jirra. Mariin kun hinxumuramne” Jedhan
“Gufuu nu mudataa jiru ilaalchisee, akkamiin bira dabarra kan jedhuuf Oromoon sammuudhaan cimee socho’uu qaba. Waldorgommii diina waliin goona; malee walitti deebinee wal qoccoluun hinfeesisu” kan jedhanis jaal Ibsaa Nagawooti.
Aangoon kan uummataa ta’uu kan mirkaneessu yaadni Jaal Ibsaa Nagawoo “Uummatni Oromoo aangoon isaa quba isaa irra jiraachuu beekuu qaba. Oromoon humnoomuu qaba. Uummata keenya waan humneessuu danda’u irrattis nii hojjenna!” Jedhan. “Mootummaan uummata keenya irratti gufuu ta’uu hinqabu. Gufuu ta’a taanaan of irratti gufuu ta’uu isaa beekuu qaba.” Kan jedhan miseensi shanee gumii gumii sabaa ABO jaal Ibsaa Nagawoo Dhumarratti “Oromiyaan haa jiraattu, Oromiyaan nii jiraatti! Tokkummaan Oromoo nii jabaatas” jedhanii jiranu.
Haasaa isaanii keessatti kan yaadatan keessaa goota Jimmaan biqilchee qabsoo Bilisummaa irratti wareegame Suuraa Maahhammad Xaayib maatiin gooticha kanaa jaal Ibsaa Nagawoo laatanii jiran. Maatiin kun suuraa kana kan kennaniif kaayyoof akeeka Maahhammad Xayib irratti kufe galmaan nuu gahaa kan jedhu akka ta’e waltajjii bal’aa kana irratti ibsatan. “Mohaammad hinduune jira” dhaadannoo jedhus maatiin kun lallabatan.
KFO’n dubbii isaan har’a baniinsa waajjira ABO godina Jimmaa ilaalchisuun “Dhabbileen Oromoo waan waliin dhabne malee waan irratti wal dhabne hinqabnu. Dhaabni Oromoo ABO’n hangafa dhaabbilee siyyaasaa Oromooti” kan jedhan hogganooti KFO bakkichatti argaman; “Aarsaa gurguddaa kaffallee as geenye.” Jechuun “Waajjirri ABO banamuu isaaf gammachuu guddaa qabna. Baga gammaddan baga gammadne” jedhanii gammachuu qabaniif himan. Jabeessan hoggannoonni KFO kun yaada bu’uuraa isaan dubbatan, “waajjirri kun kan waloo keenyaati mana keenya waan ta’eef baga gammadne jenna malee baga gammaddan hinjennus” jedhan.
Caasaan ABO Godina Jimmaa ona Limmuu Kossaa Jaal Faaxee hoggantuu waajjira ABO godichaaf suuraa gootiitti Aster Gannoo laatanii jiran. Asteer Gannoo shamarran warraaqsa afaan Oromoo dagaagsuu keessatti qooda bahataanii darban keessaa tokko.
Akkasuma suuraa Daraaree Kumarraa barattuu kutaa 12ffaa Godina Jimmaa ona Saqqaa Coqorsaatti Fincila Diddaa Garbummaa irratti wareegamtee! Kennaa waajjira ABO godina Jimmaa ta’uudhaan jaal Faaxeetti laatameera.
Dabalataan kennaan hogganoota olaanoo dhaaba keenyaa itti aanaa HD ABO jaal Araarsoo Biqilaa, MSHG-GS ABO jaal Toleeraa Adabaa, MSHG-GS ABO jaal Ibsaa Nagawoo fi miidiyaa uummataa ONN’f bullukkoon kennamee jira.
Baniinsa waajjira kanaa irratti rakkooleen baay’inaan mudatan akkuma godinicha keessatti caasaa ABO irra dhiibbaan gahaa ture kan hindhaabbanne, barattoota Yuunibarsiitii Jimmaa sagantaa kana akka hinirmaanneef caasaan mootummaaf bulchiinsi Yuunibarsiitii Jimmaa walii galee barataatti balbala cufanii akka gadi hinbaane dhorkaniiru. Kana malees onoota magaalaa Jimmaa jala jiran keessaa uummati imala taasisee waraana mootummaan dhorkamee of irra deebi’uus sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo odeeffateera.
Gabaasi kan Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromooti.




