Aside

Marii ABO
Dhalattoota Finfinnee Fi Naannoo Waliin.
Finfinnee.

Aside

Nageenya Oromoof Oromiyaa caalaa waan nu yaaddessu hinqabnu!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala 20,2020

cropped-logo-qeerroo-oromiyaa3-5.jpgNagaan bu’uura jireenya saba tokkoo ta’uu nii amanna. Saba nagaa qabutu, bilisummaa argata; saba bilisummaa qabutu hiree isaa murteeffata. Kanaaf nagaan Oromoo waan hundaan olitti itti yaadamuuf bakki olaanaan kan kennamuuf ta’uu Qeerroon Bilisummaa Oromoo nii amana. Sabni keenya nagaan isaa mancaa’uun, jireenyi isaa golgolaa’uu caalaa waan nutti dhagaa’amuuf nu mufachiisu hinjiru. Qaamoleen nageenya saba keenyaa hunkuran, kanneen gaafa nuti karaa nagaa gaaffii sirnaaf gaaffii seeraa gaafannu Qawween yakka ajjeechaaf miidhama qaama nurratti raawwatan irra deddeebiin uummata keenya cunqursuu akkasuma haaloo qabatanii uummata meesha maleeyyii irratti tarkaanfii haaloo fudhatan biyyattii gara jeequmsa hamaa fi rakkoo wal xaxaa bahuun ulfaatu keessa galchuutti akka jiran hubatanii akka daddaffiin of qusatan gaafanna. Continue reading

Aside

Faaruu Warraaqsaa Qeerraamsoo Dirree

Ummanni Adduunyaa Hedduutu Gabroome,

Qabsoo Malee Taa’ee Meeqatu Bilisoomee?

Aside

“Yeroo hiriyaankee mana aarfattu mana gubdi seetee?” Jedha Oromoon.

Qalbeessaa Dhangayaatiin

Image may contain: outdoor biyyi Impaayera Xoophiyaa bulchinsa akkaan jibbamaa kaleessaa, bulchiinsa Dargiif Hayilasillaasee sanatti deebiteetti. Wanti Oromiyaa jedhuu fi Oromoo jedhe sirna OPDO ammaa kana keessa hinjiru. Wanti Oromoo jedhus hinjiru. Biyya tokkoof afaan tokko qofa jedhan. Afaan isaan jedhan afaan Amaaraati. Barnootas afaan Amaaraan baratta. Biyyakee ammoo Xoophiyaa jetta malee Oromiyaan dhaadachuun, Oromiyaa leellisuun hindamda’amu. Kun bulchiinsa OPDO ammaa kanattidha. Continue reading

Aside

Itti Fufa Bulchiinisa TPLF Kan Ta’e Loltooti Koloneel Abiyyi Ahimad Deggertoota ABO Adamsee Reebisisaa Jira.

Aside

TV Gumii Gayoo:- Gaaffii fi Deebii miidhamaa Obbo Masgabuu Guutaa fi Maatii isaanii waliin taassifame guutuu isaa.

Aside

Jila ABO fi Gaazexeessitoota OImage may contain: 1 person, standingNN Dafaa Gadhiisaa.

Hojiif gara baha Oromiyaatti kan bobba’an Gaazexeessaa Baarentuu Gadaa, ogeessa Kaameeraa Jaallataa Abdiisaa fi konkolaachisaan ONN Bilisummaa H/B, aanaa Habroo seensa magaalaa Galamsootti poolisii Oromiyaatiin ugguramanii jiru.

Gaazexeessaa Baarentuu Gadaa achirraa bilbilaan akka gabaasetti, waraqaa hayyama magaalaa seenaa jedhu bulchiinsa godinaa ykn magaalarraa fiduu qabdu jedhamaniitu kan qabaman. Waraqaa gaazexeessummaa qaban itti argisiifnaan hin ta’u jedhamani. Gochi Kuni deeggarsa seeraa kan hin qabneefi mirga Gaazexeessaan seeraan qabu kan cabse dha.
Kanaaf Poolisiin aanaa Habroofi magaalaa Galamsoo gaazexeessitoota, konkolaachisaafi konkolaataa ONN qabdanii jirtan hatattamaan hiikaa.

Gaafa 15/02/2020s Sh/B aanaa Boosat, magaalaa Warjiitti gaazexeessitoota ONN irratti poolisiin dhukaasa banuun ni yaadatama. Baakkoottis ogeessa Kaameeraa ONN poolisiitiin reebamee ture.

Aside

Barreessaa olaanaa KFO fi Hayyuu Seeraa Obboo #Dajanee_Xaafaa Nama umurii Mootummaa EPRDF (EPP) waggaa 28 oliif Qabsoo Bilisummaa Oromoo irraatti cichee Oromoof falmaa har’a ga’ee Dabballeen Afuuftuun #bilginnaa Cinaa isaa teessee dubbachuuf haamilee hin qabdu.

Aside

Interview Artists Hawi qanani f comedy lij yared midha hamatuu irra gahe waan jedhan

https://youtu.be/hZlMueZkueg

Aside

Ethiopian Ummata Miliona 12 qofa qabdii.
Milionni 12 sun Eenyuu isaan?
Anaaf atii Ummata Ethiopia miliona 100 olitti beekna.

Kol. Gammachu Ayyaana maal jedha.