Abidda Bor Dhohee Oromoo Balleessuuf Deemu Kan Mootummaan Har’a Awwaalaa Jiru Nii Balaaleffanna!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 2,2019
Addunyaa kanarratti haleellaan summii dhaabbatee jiraachuun beekamaadha. Kunis balaa dhalaa dhalootatti fidu hanbisuu irraa kan ka’e biyyi kamuu balaa summiin wal rukutuu, wal waraanuu daangaa itti gootee akka jirtu nii hubatama. Kun akka addunyaatti balaaleffatamuudhaan uummatas ta’e waraana kamuu summiin haleelanii qilleensa biyyattii fi bishaan biyyattii faaluun dhaloota duubaan dhufan qaama hir’uu waan taasisuuf yakka olaanaa daguuggaa sanyii ta’uu qoratamuu irraa haleellaan summii fi balaan aggaammii summiin waraana gaggeessuu akka addunyaatti dhaabbatee jira.
Akka addunyaatti yakki balaaleffatamaan kun garuu; Oromiyaa keessatti irra deddeebiin gaafa raawwatamu argaa jirra kun ammoo hedduu nu mufachiisee egeree uummata keenyaaf abdii qabnu kutee jira. Mootummaan EPRDF maqaa sakattaa WBO jedhuun gargaarsa biyyoota alaa irraa argateen Bitootesssa 14, bara 2019 dhukaasa summii Lixa Oromiyaa Qellem Wallaggaa Aanaa Anfilloo keessatti raawwatee gaaga’ama lubbuu fi faalama qilleensaaf bishaan dhugaatii uummata mudateen ilmaan Oromoo irraa namni 2 summii kanaan ajjeefameera. Continue reading



