Abidda Bor Dhohee Oromoo Balleessuuf Deemu Kan Mootummaan Har’a Awwaalaa Jiru Nii Balaaleffanna!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 2,2019
Addunyaa kanarratti haleellaan summii dhaabbatee jiraachuun beekamaadha. Kunis balaa dhalaa dhalootatti fidu hanbisuu irraa kan ka’e biyyi kamuu balaa summiin wal rukutuu, wal waraanuu daangaa itti gootee akka jirtu nii hubatama. Kun akka addunyaatti balaaleffatamuudhaan uummatas ta’e waraana kamuu summiin haleelanii qilleensa biyyattii fi bishaan biyyattii faaluun dhaloota duubaan dhufan qaama hir’uu waan taasisuuf yakka olaanaa daguuggaa sanyii ta’uu qoratamuu irraa haleellaan summii fi balaan aggaammii summiin waraana gaggeessuu akka addunyaatti dhaabbatee jira.
Akka addunyaatti yakki balaaleffatamaan kun garuu; Oromiyaa keessatti irra deddeebiin gaafa raawwatamu argaa jirra kun ammoo hedduu nu mufachiisee egeree uummata keenyaaf abdii qabnu kutee jira. Mootummaan EPRDF maqaa sakattaa WBO jedhuun gargaarsa biyyoota alaa irraa argateen Bitootesssa 14, bara 2019 dhukaasa summii Lixa Oromiyaa Qellem Wallaggaa Aanaa Anfilloo keessatti raawwatee gaaga’ama lubbuu fi faalama qilleensaaf bishaan dhugaatii uummata mudateen ilmaan Oromoo irraa namni 2 summii kanaan ajjeefameera.
Yakkootni kun bara kana Oromiyaa Lixaa keessatti waraana raayyaa ittisa biyyaan raawwatamaa jira. Har’as Waxabajji 2,2019 Lixa Oromiyaa Qilxu Kaarraatti waraanni mootummaa Raayyaan Ittisa Biyyaa dhukaasa summii raawwatee jira. Nuti akka Qeerroo Bilisummaa Oromootti waraanni mootummaa kan baabsu utuu hintaane kan uummataaf dhaabbatee uummataaf biyya sana tiksu, hawwaasa balaa irraa eegu biyyattiif akka ijaaramu hawwina dimokiraasiin akkasiin dagaaga ejjennoo jedhu irra dhaabbannee, akkuma maqaasaa ta’uun hafee waraanni mootummaa kun (Raayyaan Ittisa Biyyaa) yakka dhukaasa summaa’aa uummata keenya Oromoo irratti raawwateen gaaga’ama guddaan dhaqqabee namnis bineensotni bosonaas summii sanaan ajjeefamuu uummatni dubbataa jira.
Summiin Mootummaan dhukaase egeree dhaloota boodaan biyyattii keessatti dhalatuu miidhuu danda’a yaaddoo jedhu irra dhaabbachuudhaan mootummaan abidda bor dhuka’ee uummata keenya gubee barbadeessu awwaale jennee fudhanna akkasidhas. Balaan kun qilleensa kan faaluu fi bishaan naannichaa kan faaludha. Kun ammoo ilmaan Oromoo naannichaa qaama hir’uu ta’anii akka dhalatan godha jennee yaaddoo egeree hormaata Oromoo naannoo dhukaasi Summii kun itti biifamee nu seenee jira. Yakka fokkisaa dhukaasa summii kana adda durummaan Qeerroon Bilisummaa Oromoo yakka daguuggaa sanyii (Genocide) ta’uu hubatudhaan cimsee kan balaaleffatu ta’uu uummata keenya Oromoonis yakka kana bahee akka balaaleffatu waamicha Oromummaa nii goona.
Gama biraan mootummaan maquma sakattaa WBO jedhuun Amajji 12 fi Amajji 13 bara 2019 Lixa Oromiyaa godina Qellem Wallaggaa Ona Gidaamii jedhamtu keessatti haleellaa Elekooteraa uummata keenya irratti guyyaa lama fudhateen lubbuun namaa darbuu fii bosonnis barbadaa’ee jira. Mootummaan uummata bulchu haala kanaan daguuggaa sanyii irratti raawwata jennee waan hinyaadneef gochaa mootummaan biyya keenya Oromiyaa bakkoota garaagaraatti raawwataa jiru nu Qeerroo Bilisummaa Oromoo hedduu nu gaddisiisee qabsoottis nu onnachiisee jiraachuu ibsina. Haaluma wal fakkaatuun maqaa ABO deggarta jedhuun Kibba Oromiyaa godina Gujii Bahaa Gumii Eldalloo keessatti manneen uummata nagaa 250 ol baruma kana gubate. Kana biratti yakki hedduu haamilee nu cabsee fi mootummaan biyya bulchaa jiru waraana isaatti gargaaramee raawwate manaaf nama Godina gujii keessatti gubee jira. Yakki jibbisiisaan akkanaa akka dhaabbatuuf yeroo uummatni irree tokkoon ba’ee wal cina dhaabbachuudhaan falmatu amma ta’uu Qeerroo Bilisummaa Oromoo nii hubachiisa.
Maqaa waraana ABN dahatee lolli daangaa Oromiyaa giddu gala Oromiyaa Ona Salaalee, Karraayyuu, Kaaba Oromiyaa Walloo fi Oromiyaa kutaa magaalaa garaagaraa keessatti sochiin Habashootni lafa Oromoo saamuuf taasisaa jiran yeroon akka dhaabbatuu qabuuf gurmuun wal cina hiriirree gaafachuun yeroon isaa amma ta’uus hubachiisna.
Walumaa gala gochaan uummata keenya Oromoo irratti maqaa sakattaa WBO jedhuun dhukaasi summaa’aa gaggeeffamaa jiru abidda uummata keessa dibamaa jiru kan bor boba’ee Oromoo daguugee lafarraa dhabasiisu waan ta’eef daddaffiin mootummaan irreesaa irree ittiin summii baatu kana akka deeffatuuf uummatni Oromoo bakka maraa uummata isaa balaa kanaan miidhamaa jiruuf akka birmatu Qeerroo Bilisummaa Oromoo gadjabeessee dhaammata.
Injifannoon Uummata Oromoof
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Waxabajji 2, 2019