Doorsisaa fi Hidhaan Mootummaan Itoophiyaa Miseensotaa fi Hoogganoota ABO Irratti Gaggeessu Hatattamaan Akka Dhaabbatu Gaafanna !

Aside

(Ibsa ABO – Amajjii 19, 2019) Jimaata kaleessaa (Amajjii 18, 2019) Hoogganoota ol’aanoo ABO keessaa tokko kan tahan Miseensa Shanee Gumii fi Gaafatamaa Damee Siyaasaa ABO Jaal Jabeessaa Gabbisaa, akkasumas, Jaal Amaan Filee, Dr. Bulii Ejjetaa, Dambii Tashoomaa, Galgaloo Waariyoo fi Iddoosaa Taaddasee kan keessatti argaman Miseensotni fi deggertootni ABO humnoota tikaa Mootummaa Itoophiyaatiin qabamanii hanga ammaatti tohannoo Mootummaa EPRDF jala jiru.

 Guyyaa sana duraas (Amajjii 17, 2019) Coloneel Gammachuu Ayyaanaa fi hiriyaan isaa Obbo Faqqadaa jedhaman haaluma wal fakkaataadhaan qabamanii hanga ammaatti gadi hin lakkifamne. Kana malees guutuu Oromiyaa keessatti namootni miseensotaa fi deggertoota ABO tahuutti shakkaman dhibbootaan qabamanii manneen hidhaatti guuramaa jiru.

Doorsisaa fi hidhaadhaan sodaachisanii namoota ilaalcha siyaasaa kan Paartii biyya bulchuu irraa adda tahe qaban humnaan ukkaamsanii bulchuuf yaaliin waggoota 27 dabraniif EPRDF taasise wareegama lubbuu ilmaan biyyaa kumootaan lakkaawamuu fi barbadaawinsa qabeenyaa herregaaf hin salphanne dhaqqabsiisuu malee bu’aan inni argamsiise hin jiru. Har’as EPRDF kan dabre irraa barachuu dadhabee, waadaa jijjiirama argamsiisuuf Ummataaf seenes diigee doorsisa, hidhaa fi ajjeechaadhaan ilaalcha siyaasaa kan isaa irraa adda tahe humnaan ukkaamsuu hanga itti fufetti nagaa fi tasgabbiin barbaadamu argamuu hin danda’u. Abdiin jijjiiramaa wareegama qaalii ilmaan Ummatootaan argame kunis adeemsa akkanaatiin dhugoomuu hin danda’u

Ummatni keenya hacuuccaa siyaasaa, saamicha dinagdee fi dhiitta mirga namoomaa Mootummoota Itoophiyaatiin isa irra geessifaman of irraa dhaabuuf qabsoo hadhaawaa baroota dheeraaf gaggeesseen carraa jijjiiramaa amma mul’atu kana wareegama ilmaan isaatiin argamsiise. Har’a garuu maqaa “ol’aantummaa seeraa kabajsiisuu” jedhuun kanneen ari’atamaa, doorsifamaa, hidhaatti guuramaa fi ajjeefamaa jiran warruma kaleessa haala ture sana jijjiiruuf wareegama baasaa turan sana tahuun waan hedduu ummata keenya gaddisiisaa fi garaa hammeessaa jiru dha. Kun ammoo jijjiirama eegalame kana ni gufachiisa malee hin milkeessu. Waan taheef, Mootummaan EPRDF (Bulchiinsi Dr. Abiy) waadaa ummataaf seene kabajee, sochii gama duubaa eegale kana irraa dhaabbatee, haqa jallachuutti jiru kana sirreessuudhaan boqonnaa jijjiiramaa kan wareegama qaalii ummatoota biyya kanaatiin banamee jiru kana milkiidhaan xumursiisuuf fuul-duratti deemuudhaan gahee isaa akka bahatu gaafanna.

Maayyii irratti, doorsisaa fi hidhaa Hoogganootaa fi miseensota, akkasumas, deggertoota keenya irratti Mootummaa Itoophiyaatiin ba’inaan gaggeeffamaa jiru kana cimsinee balaalleffachaa, gochaan kun dhaabbatee, (Jaal Jabeessaa Gabbisaa fi hiriyoota isaa dabalatee) kanneen guutuu Oromiyaa keessatti hidhamanis haal-duree tokko malee hatattamaan akka gadi lakkifaman gaafanna. Ummanti keenyas (keessattuu Qeerroon) osoo ilaallee agarruu qaanqeen jijjiiramaa wareegama keenyaan qabsiisne deebitee akka hin dhaamnee fi qabsoon keenya duubatti akka hin deebineef akkuma kaleessaa bakka jirru hundaa tokkummaadhaan kaanee boqonnaa qabsoo karaa nagaa jalqabne kana akka fiixaan baasnu ABO yaamicha isaa haaromsa.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Amajjii 19, 2019

BECAUSE THEY ARE OROMO: HIDHAA fi AJJEECHAA OROMIYAA

Aside

(QB, 19 Amajjii 2019)  Hoggantoota, Miseensotaa fi Deegagrtoota ABO Ajjeesuu fi Hidhuun Oromiyaa keessatti itti fufe.
======================
1. J.Jabeessaa Gabbisaa MSGABO*
2. J.Amaan Filee BBWABO NAQAMTEE
3. J.Bulii Ejjeetaa BBKSABO*
4. J.Galgaloo Waariyoo
5. J.Dambii Tashoomaa
6. J.Iddoosaa Taaddasaa
7. Obbo Balaay Yaadataa Gimbii
8. Koloneel Gammachuu Ayyaanaa*
9. Faqqadaa Raggasaa
10. Obbo Getaachoo Bayyanaa (abbooti qabeenyaaf jaarsoolii biyyaa)
11. Obbo Qanaatee Ayyaanaa (abbooti qabeenyaaf jaarsoolii biyyaa)
12. Obboo Getaachoo Tolasaa (Shaanqoo) abbaa qabeenyaa.
13. Obbo Dastaa Lataa abbaa qabeenyaa
14. Obbo Awaluu Nagaadraas abbaa qabeenyaa
15. Obbo Nuuruu Baqqalaa abbaa qabeenyaa
16. Obbo Margaa Fayisaa hojeetaa Mot.
17. Anuumaa Darajjee Qeerroo
18. Guutamaa Gaaromaa Qeerroo
19. Dastaa Moosisaa Qeerroo
20. Mootummaa Gabayyoo barataa
21. Darajjee Guddataa barataa
22. Ababa Raggaasaa barata
23. Obbo Fiqiruu Nagaasaa,
24. Aadde Aagee Tarfaa,
25. Raguueel Hayiluu,
26. Henook yohannis,
27. Burqaa Biraanu,
28. Isiyaaq Zalalem fi
29. Solomon Shaanqoo
30. J/ Abbilee Dheeree /Buttaa Odaa/ (Miseensa #WBO)
31. Dajjaamach Bayyanaa (Shaambuu)
32. Lookoo Guutamaa Manguddoo waggaa 65 (Wallaggaa Lixa Jaarsoo)
33. Dawiit Qajeelaa Abbaa Gadaa Jaarsoo (Wallaggaa Lixa Jaarsoo)
34. Dabala Fiqiruu (Wallaggaa Lixa Jaarsoo)
35. Diinqaa Adamuu (Wallaggaa Lixa Jaarsoo)
36. Fiqiruu Tadasaa barsisa (Wallaggaa Lixa Jaarsoo)
37. Cuuccaa Mulgeeta (Wallaggaa Lixa Jaarsoo)
38. Barsiisaa Akiliiluu Hordofaa (Dambi Doolloo)
39. Barataa Burqaa Yaaloo (yuunversiitii Walqixxee)
40. Naahiil Ababaa (Barsisaa Universty Amboo)
41. Dargaggoo Dukkallee Holotaa, Ona Qarcaa ganda Lamii Hirphaatti waraana EPRDFn ajjeesame
42. Turee Uddeessaa, Ona Qarcaa ganda Lamii Hirphaatti rasaasaan mataa keessa dhahamee amma Hospitaala Bulee Horaatti waldhaanamaa jira
43. Mijuu Birbirsaa, Ona Qarcaa magaalaa Qarcaa ganda 01tti ajjeesame
44. Abarraa Duuloo, magaalaa Qarcaa ganda 01tti ajjeesame
45. Taarikuu Elemaa, magaalaa Qarcaa ganda 02tti ajjeesame
46. Milkeessaa Galgaloo, magaalaa Qarcaa ganda 02tti ajjeesame
47. Tasfaayee Wubee, konkolaachisaa Ambulaansii magaala Qarcaa ganda 01tti ajjeesame
48. Alamuu Waddeessaa, magaala Qarcaa ganda 01tti ajjeesame
49. Roobalee Gammadee, ganda Lamii Qarcaatti ajjeesame
50. Guyyee Boggaalee, magaalaa Garbaa ganda 01tti ajjeesame
51. Lammii Hoxxeessaa, ganda Lamii Qarcaatti ajjeesame
52. Bariisoo Quruuxaa, maanguddoo ganna 80 ganda Lamii Hirphaa iddoo addaa Kellaa Fayyaa jedhamutti ajjeesaman.
53. Aadde Dukkee Shaggee maanguddoo ganna 70 Ona Qarcaa ganda Boorottuutti ajjeesaman.
54. Girmaa Dastaa jedhama. Lixa Shaggar Kaachisiirraa humna waraanaa mootummaa Itoophiyaatiin qabamee hidhame.
55. Baaccuu Margaa
56. Obbo Lookoo Guutamaa maanguddoo 65 (Wallagga Lixaa aanaa Jaarsootti)
57. Obbo Isaayyaas Mulugeeetaa Guutee hojjetaa humna Ibsaa Itoophiyaa damee Gimbii 15/01/2019 ) magaalaa Gimbii keessaa waraanni Itoophiyaan qabame.
58. Boontuu Waaqooyyaa Amboo irraa
59. Manguddoo Abbaabaa Maammoo Leeqaa irraa ‘
60. Abdataa Abarraa-Boojjii Dirmajjii magaala Biilaa
61. Damee Darajjee jedhama. Amajjii 3 bara 2019 Hoolotaa
62. Haagee Hambisaa Mudde 31 bara 2018
63. Laggasaa Abeetuu, Barsiiaa Rifty valley, Naqamtee
64. Nagaasaa Abarraa kan magaalaa Burraayyuu keessaa Amajjii 4 bara 2018 hidhame
65. Samuel Margaa
66. Obbo Girmaa Shawaa ( Jaarsa Biyyaa ) Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
67. Obbo Girmaa Turaa (Manguddoo) Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
68. Barsiisaa Dajanee Fiqaaduu -Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
69. Obbo Taganuu Hordofaa -Hojjetaa Mootummaa Shawaa Kaabaa Dagam, deeggaraa ABO
70. Obbo Alamaayyoo Addunnaa -Q/bulaa, Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
71. Obbo Warquu Raggaasaa -Bulchaa Gandaa, Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
72. Barsiisaa Yirgaalam Pheexiroos , Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
73. Muluu Xaafaa, Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
74. Barsiisaa Lammaa Fayyisaa, Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
75. Barattuu Hayimaanot Lammaa, Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
76. Qeerroo Hayiluu Dabalee, Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
77. Obbo Ashannaafii Hayilu – Hojjetaa Mootummaa, Shawaa Kaabaa Dagam, deeggaraa ABO
78. Mimi Dawut and many other are now in prison.
 
*Dr. Buli Edjeta, and OLF executive committee member, *Jabessa Gabbissa, a high ranking OLF military official,
*Colonel Gamachu Ayana,
 
Free all Oromo Political Prisoners!