Monthly Archives: January 2019
Olaantummaan seeraa mirga namoomaa keenya sarbuutiin hinmirkanaa’u!
Aside
(Amajji 10,2019 Finfinnee Oromiyaa) Qabsoo karaa nagaatiin waraana uummata keenya Oromootti bobbaa’ee humna halagaan waggoota dheeraaf ajjeechaa, ukkaamsaa, reebichaa fi hidhaa dabalatee saamichaaf wantoota dhibii nurraan gahaa ture afaan rasaasaa jala dhaabbachuun faashina Qawween uummata bituu, faashina Qawween biyya tokko bulchuu, faashina Qawween biyyatti keessaa dimokiraasii balleessanii abbaa irrummaan waggoota dheeraa jiraachuuf hawwuu fashalsuun akka dandaa’amu agarsiisnee jirra.Qaamni “Abbaa Irreen ta’a!” jedhee dhaadatu yoo jiraates karaa nagaatiin qabsoofnee akka nurratti abbaa irree ta’uun hindandaa’amne agarsiisuuf qophiidha.
Qabsoon keenya humnoota qabsoo uummataa gaggeessaniis ta’ee, humnoota akka garbaatti sirna tokko suphuuf maqaa jaarmiyaan jiran kan ajaja qaama biraa fudhatanii uummata isaanii hacuucuuf ijaaraman jabeessuutiin rogeessinee isinis humna isaaniin gaggeessuu, humna isaaniin ajajuu, humna isaaniin bulchuu qabdu jechuutiin isaaniinuu dammaqsinee mogolee ta’uufiitiin, halagaas irraa jifataa aangoo bulchiinsaa olaanootti ol fiduun keenya, akkasuma paartilee mormituuf afuura aara galfii ta’uutiin ofii aarsaa qaamaa qalbii, aarsaa dhiiga dhangalaa’uu, lubbuu darbuu, qaamaa hir’achuu kaffallee humnoota cunqurfamoo impaayeera biyyattiif uummata cunqurfamoof ifaaf bilisatti riqicha ceesisu dimokiraasii haqaa ta’uu Qeerroon Bilisummaa Oromoo mirkaneessinee jirra.
Gatiin aarsaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo hidhaarraa gara hidhaatti darbuuf dararama irraa gara dararamaatti, du’arraa gara du’aatti dabarsuun mirga paartii siyyaasaa barbaade dhorkamuuf sobaan yakkamaa taasifamee adamsamuu ta’uun guddoo nama gaddisiisa nu onnachiisee humna abdataa turreerraa abdii nu kuchisiisees jira. Har’a maqaa olaantummaa seeraa jedhuun jaarmiiyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi miseensota ABO qabanii hidhuun olaantummaa seeraa utuu hintaane, olaantummaa abbaa irrummaa ta’uu Qeerroon Bilisummaa Oromoo nii amana. Olaantummaan seeraa uummata nagaatti dhukaasanii ajjeesuutiin, Abbootii Gadaa hidhanii dararuun, maanguddoo hidhanii mankaraarsuun, hoggantoota paartii mormituu hidhanii hiraarsuun, Nu Qeerroo Bilisummaa Oromoo hidhanii jeequmsa maddisuun nagaa hongeessanii mirkana’a utuu hintaane olaantummaan seeraa, heeraaf seera biyyattii mootummaan akka mootummaatti kabajee, mirga uummataaf mirga paartilee mormituus tiksee kan mirkaanaa’u malee mirga paartilee mormituu sarbaa olaantummaa seeraatu mirkanaa’e utuu hintaane olaantumaa seeraatu cabe jennee amanna akkasidhas. Biyyattiin ammoo lafa jaarmiyaan mootummaa humnoota waraanaa mootuummaa irraa qabanii qaamotni tikaaf kanneen biroon olaantummaa seeraa cabsanii jiranitti, humna olaantummaa seeraa cabseen Olaantummaan seeraa hinmirkanaa’u. Qaamotni kun nagaa uummataa waan booreessaniif nagaa argattee jirti biyyi, nagaa argachuuf jirtis jechuun hindada’amu.
Gochaa mootummaan maqaa olaantummaa seeraa jedhuun maanguddoota keenya, Abbootii Gadaa keenya dabalatee nu Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi miseensotaaf deggartoota ABO akkasuma hoggantoota ABO irratti fuulleffatee hidhaa raawwataa jiru Olaantummaa Seeraa kabachiisuu utuu hintaane; Olaantummaa seeraa cabsanii, Oromummaa balleessuuf Adda Bilisummaa Oromoo ABO dhabamsiisuuf kan hojjetaa jiru ta’uu hubachuudhaan uummatnis kana akka hubatu Qeerroo Bilisummaa Oromoo nii hubachiisa.
Waan ta’eef maqaa Olaantummaa Seeraa dhahachuun, dahoo olaantummaa seeraa jala gugatanii akkuma waggoota 27 hidhaaf hiraarsaa nurratti adeemsisaa turan humna kaleessaa nu basaasaa ture tika mootummaa EPRDF kaleessaa nutti bobbaasanii badiisaa kaleessaaf gaafachuunuu hafee, waraana kaleessa nu ajjeesaa ture nutti bobbaasanii badiisaa kaleessaaf seerri gaafachuu dhabe, nu qabsaa’ota karaa nagaa yakkamaa taasisuu hindanda’u; akkasuma gochaan sobaan yakkanii adamsanii ni hidhuu mirgoota namoomaa keenya sarbuu ta’uu hubachuutiin doorsisaaf hidhaa akka nurraa dhaaban ammas gadjabeessinee mootummaa nii gaafanna.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo yeroo sirni EPRDF kallattiin Qawween dhaadataa tureyyuu karaa nagaa qabsaa’aa ture, har’as karaa nagaa qabsaa’aa utuu jirruu adamsanii nu hidhuutti fuulleffachuun yakka qofa utuu hintaane Olaantummaa Seeraa cabsuu waan ta’eef mootummaanis ta’ee qaamotni mirga sochii keenyaaf mirga lubbuun jiraachuu keenya dhorkuuf hidhannoon nutti bobbaafamanii mana jireenyaa keenyatti nutti dhufanii doorsisaaf hidhaa nurraan gahaa jiran akka nurraa dhaabbatan gaafanna.
Kana ta’uu hubatuutiin uummatni keenya, uummatni nuti aarsaa kaffalleefii isa waliin kufnee kaanee, ajjeefamaa gidirfamaa sadarkaa abdatamu kanarraan geessifne firii fuulduraas akka argatuuf qaama nu adamsuutiin akka isaaf (uummataaf) hindubbanne nu godhuuf bobba’eef qaama nageenya keenya booreessuf nu hidhuutti fuulleffate kana nu cina hiriiree akka balaaleffachuu qabu cimsinee gaafanna.
Injifannoon Uummata Oromoof
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Amajji 10,2019
Finfinnee Oromiyaa
SBO Amajjii 09,2019. Oduu, Ibsa ABO fi Miidhaa waraanni mootummaa EPRDF Lixa Wallaggaa magaalaa Mandii fi Goorii keessatti ummata irraan gahaa jiru irratti marii jiraattota waliin taasisame
Aside
SBO AMAJJII 06,2019. Oduu, Yakka waraanaa mootummaan EPRDF jiraattota Godina Gujjii Bahaa fi Godina Qellem Wallaggaa magaalaa D.Doolloo irratti raawwataa jiru ilaalchisuun marii jiraattota waliin goone
Aside
SBO AMAJJII 06,2019. Oduu, Yakkoota waraanaa Godina Qellem Wallaggaa magaalaa D.Doolloo fi Godina Gujii Bahaa keessatti waraana sirna EPRDFn ummata nagaa irratti raawwatamaa jiran irratti marii jiraattota waliin taasisame
Aside
Uummata nagaa hidhaadhaan gidirsuun jeequmsa babal’isuudha.
Aside
Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
(Qeerroo, Finfinnee, Amajji 02, 2018) Sirna EPRDF waggoota 27 keessatti miliyoonaan hidhaa turuun kan yaadatamu ta’ee, hidhaadhaan aangoorra turuun akka hindandaa’amne aarsaa kaffallee afaan Qawwee gombiisuutiin agarsiisaa guyyaa har’aa geenyee jirra. Boqonnaa haaraatti ceene jennee kan abdanne, ilmaan Oromoo hidhaman qabsoon Oromoo dirquutiin paartiin ODP dirqamaan mana hiraarsaa baasuu jaqabuusaaf ajjeechaatti daangaa goona jechuun waadaa qilleensaarraa galameerra dhaabbannee turre.
Jijjiirama dhufe jennee kan abdanneefis Doonii gidirsaarraa buunee, markaba gidirsaa yaabna jennee osoo hintaane, kanaan booda gidirfamuun ajjeefamuun nurraa dhaabbatinnaa jennee afuura tasgabbii keessa seenuun Qeerroo Bilisummaa Oromoo diinaafis firaafis ifaadha.
Rakkinni kun akka huuruu Harreetti bifallee osoo hinjijjiiratin baatii muraasatti nutti deebi’a jennee yaaduu baannus, hidhaan bifa fokkisaadhaan deebi’ee kumootaan hidhamuutti ce’uun keenya yaaddoo nageenya biyya keenyaa yaaddoo du’a daangaarraa Oromoo irra gahaa jirutti dabalee yaaddoo nuu dhaluu dandaa’eera.
Hidhaa madda furmaataa godhee sirni EPRDF waggaa 27 milkaa’uu dhabuusaarraa barnoota argateera karaa nagaa sichi rakkoo keenya fura jennee yeroo abdannetti kun nutti dhufuunsaa miira biraa kan nuu dhalaa jiru ta’uu hubachiisna. Ammas taanaan hidhaadhaan furmaata arganna jedhamee hojii itti jiramu kana mootummaan dhaabuu baannaan balaa kanaan qabatee dhaqqabuuf gaafatama jalaa kan hinbaane ta’uu cimsinee hubachiifna!
Akkasuma ilmaan Oromoo tokkummaadhaan duula bifa haaraan nutti banamee jiru walirraa qolachuuf carraa qabnutti gargaaramuun hidhaan mana mana utuu nu hinseenin afuura waldhageettii fi naamusa qabuun addunyaatti iyyaachuunis ta’ee wal cina akka dhaabbachuu qabnu Qeerroo Bilisummaa Oromoo nii hubachiisa!
Injifannoon Uummata Oromoof
Ibsa Gababaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa