(Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Amajji 14,2019)Daguuggaa sanyii uummata keenya Oromoo irratti raawwataa jiru utuu arginuu, utuu dhageenyuu callisuu hindandeenyu. Mootummaan rakkoo Adda Bilisummaa Oromoo waliin qabu karaa nagaa furuu didee waraanaan ABO balleessuu irratti hojii hojjetaa jiru cimsinee balaaleffanna. Nuti kan qabsaa’aa turreef nagaan Oromoo akka deebi’uuf malee, araddaan Oromoo xiyyaara waraanaan akka barbadaa’uuf miti.
Hoggana EPRDF afaan Qawween rasaasaan nu ajjeesu bakkaa kaafnee, hoggana Elekoopteraan daguuggaa sanyii raawwatu ofirra bulchuufis qabsoon goone hinjiru. Kun ta’ee utuu jiru mootummaan akkuma “yoo dogoggora raawwatne dhiifama gaafanne beenyaa kaffalla” jedhee dhaadatetti lubbuu lammilee keenyaa guyyaa kaleessaa Qellem Wallaggaa keessatti Xiyyaaraan Boonbii rafarafuudhaan akeeka jallataa, garajabummaan raawwateen ilmaan Oromoo nagaa lakkoofsi itti hinbahin barbadeesse. Kana biratti manneen Barnootaa guutummaatti bakkoota addaa addaatti Elekoopteraan rukuutuudhaan barbadeessee jira. Akeekni akkanaa uummata irratti raawwachuun barnootaan ala Oromoo taasisuuf kan adeemaa jiruuf yaalaa dhabanii uummatni akka dhuman gochuun akeeka Daguuggaa sanyii keessaa tokko ta’uu hubanna. Gochaa kana eenyuun olitti, sirna Oromoo hacuucaa tureen olitti waan nurra geessisaa jiruuf kan balaaleffannu ta’uu Qeerroo Bilisummaa Oromoo nii hubachiisa.
Akkasuma saamichi dhaabbilee hawwaasaa kanneen akka mana Qorichaa fi manneen Baankii irratti adeemsifamaa jiran, utuu waraanni mootummaa uummata daguugaa jiranii saamicha dabalee raawwatamaa jiru cimsinee balaaleffanna. Hidhaan lammilee nagaa Oromoo irra bakka maratti raawwataa jiru mootummaan halduree tokko malee dhaabu akka qabu Oromoon bakka maraa nu cina dhaabbatee gaafaachuu akka qabu dhaamna!
Kanaaf bakka maraa waliif dirmachuutiin Oromoo waan qabuun akka wal bira dhaabbachuu qabnu, mootummaa uummata nagaatti Boonbii Xiyyaaraan roobsaa jiru yakka suukaneessaa raawwataa jiruu irraa akka of qusatuuf qaamotni daguuggaa sanyii raawwataa jiranis gaafatama akka fudhachuu qabaniif addunyaatti gama danda’u maraan uummatni Oromoo akka lallabee himatu gaafanna.
Injifannoon uummata Oromoof
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Amajji 14,2019