SBO MUDDE 16,2018. Oduu, Ibsa ABO fi Marii barattoota Oromoo Yunversitii Jijjigaa waliin taasisne kutaa lammaffaa fi isa dhumaa

Aside

Raayyaan Ittisa Biyyaa Silaa Nageenya Ummataaf Gaachana Malee Yaaddoo Tahuu Hin Malle

Aside

(Ibsa ABO – Mudde 15, 2018) Guyyoota 6 dabraniif Kibba Oromiyaa naannoo magaalaa Moyaaleetti lola hidhattoota Somaalee kanneen meeshaa lolaa gurguddaa hidhachiifamaniin Ummata Oromoo naannoo sanaa irratti gaggeeffamaa jiruun gaaga’ama guddaatu lubbuu fi qabeenya Ummataa irra irra gahaa jira.

Akka jiraattota naannichaa irraa hubachuun danda’ametti hidhattootni Somaalotaa kun meeshaalee lolaa gurguddoo fagootti waa rukutuu danda’anitti fayyadamuudhaan manneen barnootaa, baankiilee, manneen amantii, manneen daldalaa fi manneen jireenyaa ummataa, akkasumas, buufata poolisii rukutuudhaan barbadeessaa fi ummata fixaa jiru. Lola kana ummata irraa ittisuun dandeeytii milishootaa fi poolisoota Naannootii ol tahaa jiraachuus jiraattotni naannoo himachaa jiru.

Haala kana keessatti Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa (Ethiopian Defense Force) yeroo kaan callisee taa’ee walitti ilaaluu fi yeroo milishootaa fi poolisootni Oromiyaa humna Somaalotaa kana of irraa dhiibuu argu ammoo Somaalotaaf baabsuudhaan Oromoo irratti dhukaasaa jiraachuun baramee jira. Akka kanaan lola guyyoota 6 dabraniif gaggeeffamaa jiru keessatti Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa yeroo sadii hidhattoota Somaalotaaf tumsee kan Oromootti dhukaasuudhaan 15 ajjeesee 19 ammoo madeessuu jiraattota naannichaa irraa hubachuun danda’amee jira.

Kana malees humnumti Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa kun manneen jireenyaa Ummataa irra naanna’uudhaan namoota meesha-maleeyyii 3 ajjeesee jira. Gochaan Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa gama biraatiif tumsee Oromoo irratti dhukaasuu fi ajjeesuu kun isa jalqabaa osoo hin taane amma duras bakkaa fi yeroo adda addaatti deddeebi’ee raaw’atamaa akka ture jiraattotni naannoo gara garaa miidiyaaleedhaaf ibsaa turuun ni yaadatama. Haalli akkasii deddeebi’ee mul’achuun (keessattuu haala yeroo ammaa kan akka adeemsa jijjiiramaa fi yeroo cehumsaatti ibsamaa jiru kana keessatti) Ummata keenyaaf hedduu yaaddessaa fi rifaasisaa dha. Raayyaan Ittisa Biyyaa silaa nageenya Ummataaf gaachana tahuu kan qabu malee yaaddoo tahuu hin malle.

Lola naannoo Moyaalee kanaan hanga ammaatti lubbuun namoota 36 dabree namootni 100 gahan ammoo madaawuun beekamee jira. Kana irraa kan ka’e yeroo ammaa ummatni naannichaa sodaa nageenyaatiif gara biyya ollaa (Keeniyaa)tti baqachuu eegalee jira.

Hidhattootuma Somaalee kanaan lolli karaa Baha Oromiyaa Ummata Oromoo irratti gaggeeffamus akkuma itti fufetti jira. Akka kanaan, keessattuu Cinaagsanii fi naannoo sanatti lubbuu fi qabeenya Ummataa irra miidhaan gahuun mudannoo guyyuu tahaa dhufee jira. Ajjeechaan kun Ummata keenya irraa akka dhaabbatu gaafachuufis hiriirri bakkoota adda addaatti bahamaa jira.

Gama Mootummaa Itoophiyaatiin miidhamaa fi gaaffii Ummataa kanaaf gurra kennuun mul’achaa hin jiru. Inumaa iyyuu Mootummaan Itoophiyaa kan dhimmi isaa waliigaltee fi karaa nagaatiin akka xumuramuuf irratti hojjetamaa jiru (Waraana Bilisummaa Oromoo) humnaan dhabamsiisuuf naannoo Waraanni kun jirutti loltoota isaa fi meeshaa lolaa guurrachaa jiraachuutu bal’inaan mul’achaa jira.

Walgahiilee adda addaa irratti Adda Bilisummaa Oromoo maqaa xureessuu fi kan nagaa hin barbaadne fakkeessuuf ololli gama qaamota Mootummaatiin ABO irratti oofamus babal’achaa dhufee jira. Adeemsi Mootummaa kun yoo akkanumaan kan itti fufu tahe nageenya Ummataa fi biyyaa balaa guddaa irra kan buusu malee abdii jijjiiramaa kan wareegama qaaliidhaan har’a argame kana fiixaan baasuu keessatti gumaacha kan hin qabne tahuu gadi jabeessinee hubachiisuu feena.

Maayyii irratti daangaa Oromiyaa hundaan (Dhihaan, Bahaan, Kibbaan, Kaabaan fi Kibba-Bahaa irraan) ajjeechaan Ummata Oromoo irratti gaggeeffamu dhaabbatee Ummatni Oromoos tahe Ummatootni hundi nageenyi isaanii akka mirkanaawuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi kan Federaalaas gaafatama isaanii akka bahatan Addi Bilisummaa Oromoo cimsee gaafata. Jijjiiramni haala siyaasaa kan qabsoo hadhaawaa fi wareegama ulfaataa Ummata keenyaatiin argame kun akka hin gufanne gochuun gaafatama hunda keenyaa tahuu qaba. Adeemsi jijjiiramaa eegale fiixaan bahee, Ummanti Oromoos tahe Ummatootni kaan biyya, qe’ee fi qabeenya ofii irratti yaaddoo fi sodaa nageenyaa tokko malee Bilisummaadhaan jiraachuu haalli itti danda’an akka uumamuuf ABOn dirqama isa irraa eegamu hunda bahachuu obsaan kan itti fufu tahuu hundaaf mirkaneessina.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Mudde 15, 2018

SBO MUDDE 14,2018. Oduu, Ibsa ABO, Haala Mooyyalee irratti gaaffii fi deebii jiraataa naannoo waliin akkasumas marii barattoota Yunversitii Jijjigaa waliin kutaa 2ffaa

Aside

Kaleessas ta’ee har’a, uummatni keenya nageenyisaa hongaa’uu caalaa kan nu mufachiisu hinjiru!

Aside

(Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Mudde 13,2018, Finfinnee Oromiyaa) Yeroo garaa garaatti nagaan uummata Oromoo deebi’ee, mirgi namoomaa uummata Oromoo fi saboota cunqurfamoo impaayera Xoophiyaa akka kabajamuuf karaa nagaa sagalee dhageessisuun gaafachaa turree ittis jirra.

Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo akeeka uummata Oromoo utuu hinsharafamin qabee kan jiru ABO dhaan hogganamnee qabsoon gochaa turre karaa nagaa rakkoon Oromoo fi saboota Cunqurfamoo impaayera biyyattii akka furamuuf gaafachuu ture.

Akeeka nagaa booreessuu, jeequmsaa fi goolii garaa garaa uumaanii biyya hokkora maayii hinbaafne keessa galchuu qaama qabatee adeemu kamiin dura dhaabbachuudhaan, bifa haqaaf seeraan qaamni dirqama qabu nagaa uummataa akka bakkatti eeguuf gaafachuu ammas itti fufnee jiraachuu keenya ibsina!

Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo kaleessas ta’ee har’as wanti nagaa caalu hinjiru jennee amanna, boriifis nagaan bu’uura jiruuf jireenya saba tokkoo ta’uutti Qeerroon Bilisummaa Oromoo nii amana. Qaama nagaa uummata isaa nagaa uummata Oromoo booreessuuf ammoo dhiifama tokko gochuuf akeekas ta’e ajandaa qabatee hinbeeku. Uummatarratti lola labsuunis ta’ee, saboota daangaa walitti buusanii bu’aa siyyaasaa argachuuf qaamootni haloolamanis ta’e qaamotni hojiitti jiran kamuu hatattamaan dhaabbachuu qabu. Uummatni keenya kallattii maraan jeeqamuun irra hinjiraatu! Ajjeechaan nurraa haa dhaabbatu! jennee kan gaafannuuf deebiin ajjeechaa babal’isuufii jeequmsa heddummeessuu ta’ee bakka jirutti, biyyattii hokkora hinbarbaachifne keessa galchuun kisaaraa hammaataaf saaxiluu ta’uutti cimsinee amanna jechaa turre ammas irra deebiin jenna. Nagaa boora’eef gafatama kan qabu qaama nagaa booreessaa jiru kan lola kallattii afuriin uummatarratti banamee jiru callisee ilaaleef, waraana uummatatti banee jiru ta’uu uummata hubachiifna!

Jeequmsi uummataa, karaa Bahaa Oromiyaa maqaa Liyyuu Hayilii Sumaaleen, Karaa Lixaa Oromiyaa maqaa Liyyuu Hayilii Gumuziif uummata Gumuziin, Karaa Kaaba Oromiyaa maqaa humna hidhatee jiru Affaariin, akkasuma karaa Kibbaa uummatoota sabaaf sablammii daangaarraan, duuchaatti saboota naannoo Oromiyaa daangeessan mara uummata nagaa Oromootti duulchisanii araddaa fi qe’ee keenya mancaasanii biyya keenya Oromiyaa boolla badiisaatti darbachuu caalaa wanti Qeerroo Bilisummaa Oromoo mufachiisu hinjiru. Maqaa adamoo Waraana Bilisummaa Oromoo WBO jedhuun uummata nagaatti raayyaa ittisa biyyaa bobbaasanii waraana uummatarratti banuun kallattii maraan sochiin godhamaa jiru hattamaan haa dhaabbatu. Qeerroo Bilisummaa Oromoo akeka nagaa buusuu fi qaama mirga namoomaa fi mirgoota dimokiraasii akkasuma mirgoota uumamaan qabnu nurkaa sarbu dura dhaabbachuu ammas taanan itti fufee jiraachuu uummatasaa bal’aaf nii ibsa!

Nuti Qeerroon; qaamootni ajjeechaa gara jabinaa raawwataa jiran seeratti akka dhiyaatan gaafachaa akkuma turre yakkamaan seeraaf heera biiyyattiin akka gaafatamuu qabu gaafachuu cimsinee itti fufnee jirra. Ajjeechaa uummata isaa Oromoo irra gahu balaaleffachuuf dirqama Oromummaa, ilma/intala uummatichaa kan jilba abbaa Oromoo fi gadameessa haadha Oromoo keessaa bahe bahachuuf eenyuun olitti gaddi itti dhagaa’amuufi daangaa gaddaa fi bohichaa Oromiyaatti gochuuf kan duriin olitti of ijaaree warraaquuf, nagaa fi tasgabbii biyyattii keessatti karaa nagaa fi naamusa qabuun fiduuf qabsoo jabaa gochuuf akka muratee jiru Qeerroo Bilisummaa Oromoo ni ibsata!

Waan ta’eef qaamota nagaa fi tasgabbii uummataa hunkuranii ajjeechaa fi dararama uummata isaa Oromoo fi saboota cunqurfamoo irraan gahan cimsee hadheeffata, nii balaaleeffatas. Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo kaleessas akkuma uummatni keenya nageenyisaa hongaa’uun nu mufachiise, har’as boris nagaan uummataa boora’uun eenyuun olitti kan nu dhukkubsu ta’uu uummata keenya kabajamaa Oromoofis diinaafis himuu feena. Nageenyi uummataa mirkanaa’ee yakkamaan seeraaf akka laatamus daddaballee gaafanna!

Injifannoon uummata Oromoof
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mudde 13,2018
Finfinnee Oromiyaa.

SBO MUDDE 12,2018. Oduu fi Rakkoo Yunversitiilee D.Marqoosii fi Jijjigaa keessatti barattoota Oromoo mudatee jiru irratti gaaffii fi deebii barattoota Oromoo waliin taasisame

Aside

SBO MUDDE 09,2018. Oduu fi Gaaffii fi deebii Itti Aanaa Hayyu-Duree ABO Jaal Araarsoo Biqilaa kutaa 5ffaa fi isa xumuraa

Aside

SBO MUDDE 09,2018. Oduu fi Gaaffii fi deebii I.A. H.D ABO Jaal Araarsoo Biqilaa waliin kutaa 5ffaa fi isa xumuraa

Aside

icon_10_generic_list.pngSBO09122018.mp3x_8px.png

SBO: Muddee 7, 2018. Oduu, Gabaasa Saamicha Godina Addaa Naannawa Finfinnee Ona Walmaraatti Gaggeeffamu ilaallatuu fi Hiriira Mormii Magaalaa Adaamaatti Adeemsifame.

Aside

SBO MUDDE 05,2018. Oduu, Haala yeroo irratti ibsa ABO fi Gimbii, Haroo Sabbuu fi naannoo Gaara Mul’ataatti hiriirota geggeeffaman irratti marii hirmaattota waliin taasisame

Aside

Gochaan ajjeechaa fi lafa irraa buqqaatinsaa akkasuma gochaan saamichaa Oromoo irraa dhaabbachuu qaba!

Aside

(Ibsa Qeerroo Bisummaa Oromoo, Mudde 01,2018 Finfinnee Oromiyaa) Gochaan ajjeechaa gara jabinaa fi lafarraa buqqaatinsaa dabalataan saamichi qaama kamiinuu Oromoo irratti raawwachuun dhaabbachuu qaba.

Nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo Qabsoo waggoottan dheeraaf karaa nagaa gochaa turreen nagaan uummataa akka murkanaa’uuf ajjeechaan akka Oromoo irraa dhaabbatu dararamni akka uummata keenyarraa dhaabbatu gaafachaa turre gaafachaas jirra. Hanga nageenyi uummataa mirkanaa’utti qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoo itti fufuu akka qabus ejjennoo Qeerroo Bilisummaa Oromooti.

Uummata Oromoo daangaa Oromiyaa irra jiraatanirra waggoota dheeraaf: lolli adeemaa, Saamichi raawwataa, dararamni dabalaa jira. Addatti Oromoota Baha Oromiyaa, Kaabaa fi Kibba Baha Oromiyaa akkasuma Oromoota Lixa Oromiyaa jiraatanirra ajjeechaa qindaawaan humna hidhateen raawwataa jira. Ajjeechaan kun guyyaa gara guyyaatti ol guddataa adeemuun ala furmaata waaraa maseenee, jeequmsa dhalaa oolee jeequmsa Oromoof dhalaa bulaa jira. Ajjeechaa Oromoota daangaarratti raawwatu bifa gurraaf ijaafillee hintolletti ol guddatuun hanga Oromoo qalanii reeffa Oromoo gubanitti gochaan qaanfachiisaan nurratti raawwataa jiru nagaa xiinsammuu Oromoof illee balaa ta’uun isaa hubatamaadha.

Gochaa gara jabinaan raawwateen Naannoo Benishaangul Gumuz keessatti Sadaasa 21,2018 guyyaa facaasaa irra Oromootni 30 ol billaan qalamanii lubbuun darban. Gidduma sana naga eegsiistootni foolisoonni Kora Bittinneessaa Oromiyaa ajjeechaa humna hidhannoo jabaaf leenjii guddaa qabuun irratti fudhatameen lubbuun nama 17 darbuusaa kaan ammoo ajjeefamanii reeffi dhabamuullee quba qabna. Akkasuma Naannoo dhuma Benishaangil Gumuz keessatti ilma Oromoo ajjeesanii reeffasaa gubuun maatii irraa reeffa isinii laanna jechuun maallaqa fudhatanii maallaqas reeffas dhorkatanii jiru.

Torbanootuma sana keessa nannoo Baha Oromiyaa Hararge Cinaaksan keessatti ilmaan Oromoo 10 lubbuun dhabamuu 20 ammoo madeeffamanii jiru. Ajjeechaan kun walitti fufiinsan raawwatuurraa naannoo Benishaangul Gumuz keessatti ilmaan Oromoo 35 ta’an torban kana keessa billaan qalamanii lubbuun darban. Hanga ammaatti Lixa Oromiyaa Gandootni 7 araddaasaanii lakkisanii buqqaa’anii jiru. Akkasuma guyyaa gaafa sadaasa 29,2018 Baha Oromiyaa Hararge Bahaa Araddaa Gammachiis keessaa sa’atii 5:00 ykn 11:00 (lakkoofsa Habashaatti) keessa Oromoota maqaan isaanii Abdii Sheekaa fi Yasuuf Yaasin jedhaman duraa Liyyuu Ayiliin Loowwan 25 saamaniiru.

Uummatni bahee nagaan galuu erga dhabee, hojjetee qabeenyasaatti fayyadamaa ta’uu dhabee shiftoota daangaarraan saamama erga ta’ee biyyattiin nagaa molqamteetti jennee fudhanna. Nagaa uummataa eeguuf dirqamni olaanan mootummaa ta’ee odoo jiruu mootummaan gaafa kumootaan duunu callisaa, gaafa miliyoonaan buqqaanus callisaa uummataaf hojjeta jechuu hindandeenyu.

Kanaafuu; Uummatni gama kamiinuu of kabachiisuuf dirqama qabaachuusaa beekuun akkasuma mirga of kabachiisuu isaatti fayyadamuun wal cina dhaabbatee bifa of eeggannoo qabuun mirga namaa osoo hinxuqin karaa nagaan tokkummaan gaaffii isaa dhiyeeffachaa akkuma jiru, hanga nagaa waaraan uummata Oromoof argamutti cimsee wal bira dhaabbachuu akka qabu Qeerroon Bilisummaa Oromoo cimsee jajjabeessa. Gaaffii karaa nagaa nageenya uummatasaa akka murkanaa’uuf taasisu hanga furmaata waaraa argatutti uummatasaa waliin ta’uun rakkoo uummatasaa karaa nagaan gaafachuu kan itti fufee jiru ta’uus Qeerroo Bilisummaa Oromoo nii hubachiisa!

Qeerroon Bilisummaa Oromoo qaamoni Oromoo kamuu karaa dabaan Oromummaa isaa qofaaf balaaleffatamee ajjeefamuu fi jibbamuu hinqabu ejjennoo jedhu jajiabeessatee qabsoo isaa hanga Oromoo irraa ajjeechaan dhaabatutti, lafarraa buqqa’uun dhaabbatutti kan itti fufee jiru ta’uu nii hubachiisa!

Injifannoon uummata Oromoof
Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mudde 01,2018 Finfinnee Oromiyaa