Gochaan ajjeechaa fi lafa irraa buqqaatinsaa akkasuma gochaan saamichaa Oromoo irraa dhaabbachuu qaba!

(Ibsa Qeerroo Bisummaa Oromoo, Mudde 01,2018 Finfinnee Oromiyaa) Gochaan ajjeechaa gara jabinaa fi lafarraa buqqaatinsaa dabalataan saamichi qaama kamiinuu Oromoo irratti raawwachuun dhaabbachuu qaba.

Nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo Qabsoo waggoottan dheeraaf karaa nagaa gochaa turreen nagaan uummataa akka murkanaa’uuf ajjeechaan akka Oromoo irraa dhaabbatu dararamni akka uummata keenyarraa dhaabbatu gaafachaa turre gaafachaas jirra. Hanga nageenyi uummataa mirkanaa’utti qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoo itti fufuu akka qabus ejjennoo Qeerroo Bilisummaa Oromooti.

Uummata Oromoo daangaa Oromiyaa irra jiraatanirra waggoota dheeraaf: lolli adeemaa, Saamichi raawwataa, dararamni dabalaa jira. Addatti Oromoota Baha Oromiyaa, Kaabaa fi Kibba Baha Oromiyaa akkasuma Oromoota Lixa Oromiyaa jiraatanirra ajjeechaa qindaawaan humna hidhateen raawwataa jira. Ajjeechaan kun guyyaa gara guyyaatti ol guddataa adeemuun ala furmaata waaraa maseenee, jeequmsa dhalaa oolee jeequmsa Oromoof dhalaa bulaa jira. Ajjeechaa Oromoota daangaarratti raawwatu bifa gurraaf ijaafillee hintolletti ol guddatuun hanga Oromoo qalanii reeffa Oromoo gubanitti gochaan qaanfachiisaan nurratti raawwataa jiru nagaa xiinsammuu Oromoof illee balaa ta’uun isaa hubatamaadha.

Gochaa gara jabinaan raawwateen Naannoo Benishaangul Gumuz keessatti Sadaasa 21,2018 guyyaa facaasaa irra Oromootni 30 ol billaan qalamanii lubbuun darban. Gidduma sana naga eegsiistootni foolisoonni Kora Bittinneessaa Oromiyaa ajjeechaa humna hidhannoo jabaaf leenjii guddaa qabuun irratti fudhatameen lubbuun nama 17 darbuusaa kaan ammoo ajjeefamanii reeffi dhabamuullee quba qabna. Akkasuma Naannoo dhuma Benishaangil Gumuz keessatti ilma Oromoo ajjeesanii reeffasaa gubuun maatii irraa reeffa isinii laanna jechuun maallaqa fudhatanii maallaqas reeffas dhorkatanii jiru.

Torbanootuma sana keessa nannoo Baha Oromiyaa Hararge Cinaaksan keessatti ilmaan Oromoo 10 lubbuun dhabamuu 20 ammoo madeeffamanii jiru. Ajjeechaan kun walitti fufiinsan raawwatuurraa naannoo Benishaangul Gumuz keessatti ilmaan Oromoo 35 ta’an torban kana keessa billaan qalamanii lubbuun darban. Hanga ammaatti Lixa Oromiyaa Gandootni 7 araddaasaanii lakkisanii buqqaa’anii jiru. Akkasuma guyyaa gaafa sadaasa 29,2018 Baha Oromiyaa Hararge Bahaa Araddaa Gammachiis keessaa sa’atii 5:00 ykn 11:00 (lakkoofsa Habashaatti) keessa Oromoota maqaan isaanii Abdii Sheekaa fi Yasuuf Yaasin jedhaman duraa Liyyuu Ayiliin Loowwan 25 saamaniiru.

Uummatni bahee nagaan galuu erga dhabee, hojjetee qabeenyasaatti fayyadamaa ta’uu dhabee shiftoota daangaarraan saamama erga ta’ee biyyattiin nagaa molqamteetti jennee fudhanna. Nagaa uummataa eeguuf dirqamni olaanan mootummaa ta’ee odoo jiruu mootummaan gaafa kumootaan duunu callisaa, gaafa miliyoonaan buqqaanus callisaa uummataaf hojjeta jechuu hindandeenyu.

Kanaafuu; Uummatni gama kamiinuu of kabachiisuuf dirqama qabaachuusaa beekuun akkasuma mirga of kabachiisuu isaatti fayyadamuun wal cina dhaabbatee bifa of eeggannoo qabuun mirga namaa osoo hinxuqin karaa nagaan tokkummaan gaaffii isaa dhiyeeffachaa akkuma jiru, hanga nagaa waaraan uummata Oromoof argamutti cimsee wal bira dhaabbachuu akka qabu Qeerroon Bilisummaa Oromoo cimsee jajjabeessa. Gaaffii karaa nagaa nageenya uummatasaa akka murkanaa’uuf taasisu hanga furmaata waaraa argatutti uummatasaa waliin ta’uun rakkoo uummatasaa karaa nagaan gaafachuu kan itti fufee jiru ta’uus Qeerroo Bilisummaa Oromoo nii hubachiisa!

Qeerroon Bilisummaa Oromoo qaamoni Oromoo kamuu karaa dabaan Oromummaa isaa qofaaf balaaleffatamee ajjeefamuu fi jibbamuu hinqabu ejjennoo jedhu jajiabeessatee qabsoo isaa hanga Oromoo irraa ajjeechaan dhaabatutti, lafarraa buqqa’uun dhaabbatutti kan itti fufee jiru ta’uu nii hubachiisa!

Injifannoon uummata Oromoof
Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mudde 01,2018 Finfinnee Oromiyaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s