Hirirri Mormii ammaa maaliif barbaachise? Kutaalee Oromiyaa bakkoota haalichi bitaa itti galeef.

Aside

Mootummaan Wayyaanee qaama oftuulaa afaan qawweetti amanu ta’ee Waggoota 28 dabrsaa jiraachuu eenyullee ni beeka. Mootummaa garboomsaa Wayyaanee kanan yakka ajjeechaa, hidhaa, reebichaa, biyyaa arihuu fi saamicha akka nurraa dhaabuuf waggoota dheeraaf karaa nagaa hirira baanee gaafachaa turre. Deebiin kennamaa turee fi jiru ajjeechaa jumulaa qofaa ta’aa hanga har’aa gaheera. Akeeka Wayyaanee kana dura dhaabbachuuf duula gabaa lagannaa dabalatee Oromoon kitilaan lakkaa’amu lubbuu itti dhabeera, kumootaan kan lakkaa’amu achi buuteesaa maatii awwaallatee otoo hirmii hintufiin hafeera.

Yakka Uummata keenyarratti raawwataa tureen uummanni keenya bara baraan dararamaa jiraachuurra daandiitti bahee ijaarsa Qeerroo Bilisummaa jalatti qabsaa’uutiin qabsoo karaa nagaa adeemsisee garboomsaa akka hinbarbaamneef akeeka Wayyaanee akka hinbulle lallabataa ture ittis jira. Baroota kanas ajjeechaan uummata keenya baha Oromiyaa addatti dararamni uummata Harargee Cinaaksan hedduu kan nu kulkulfachiise ta’uun beekamaadha.

Wayyaaneen waraana maqaa Liyyuu hayiliin leenjifte akka diigduuf Amity International dhaabbanni mirga dhala namaaf sadarkaa addunyaatti falmu gaafataa turus akka ajjeechaa lafarraa nu godaansisuu itti fufuun waraanni Liyyuu ayilii jireenya keenyaaf yaaddeessaa dhufe. Waraana Liyyuu ayilii dabalatee rasaasaan namni kam illee akka hinduunetti qaamonni mootummaa lallabaa, harka lafa jalaan nu ajjeesuutti fulleeffannoon hojii jalqabuun ammoo ittuu yaaddoo egeree keenyaa ta’e.

Yakkoonni Mootummaa Wayyaanee addunyaa biratti saaxilamee, HR-128 murtii nagaa biyyattii eegsisuu malu dabarsuus akkaataa isaaniif aanja’utti qaqqajeelfachuun murtii HR-128 ofirraa kaasuuf qabsaa’ota karaa nagaa kaawwan muraasatuu mana hiraarsaa baasanii akeeka jallataa isaanii itti fufsiisuuf kanneen maqaa ABO’n yakkanii hidhan hiikuu dhabuun biyyattii gara hokkoraatti naanneessuuf haala mijeessan.

Akkasuma maqaa “Shororkeessummaa” n uummata akka hindararreef labsii farra shororkeessaa akka haqaniif gaaffiin gaafatame fudhatama dhabuun Wayyaaneen itti fufsiisuun maqaa Shororkeessaan ammas nu fixuuf kan aggaamaa jirtu ta’uu kan hubateen uummanni gara hokkoraatti akka naannaa’u daandii saaqe.

Inni ijoon hokkora kaasuuf daandii banaa jiruuf bane ammoo, rakkoo biyyattii furuuf bakka qaamni sadaffaan jirutti marii akka gochuu qaban kan ABO’n gaafataa ture tuffachuun waraanatti amanuudhaan waraana uummatatti bobaasanii uummata ajjeesuu Wayyaanee irra dhaabbatamee diddaan ittuu akka babal’atu taasisfame.

Ammas taanan mootummaa ce’umsaa nageenya biyyatti eegsisu hanga hinjirretti qaamni kamuu rakkoo biyyattii nii furra jechuun ulfaataa dhufee jira. Mootummaa Ce’umsaa nageenya waaraa biyyattiif fidu hundeessuuf ammoo Mootummichi qophii ta’uu dhabuun ilmaan isaaf ergamaa turan gara aangootti ol guddisuun surnicha akka waaqaatti dhaadeessuuf fuulleeffannoo qaban agarsiisaa jiran.

Utuu ajjeefamnu, utuu hidhamnuu, utuu lafa keenyarraa dhiibamnuu, utuu daa’imman Oromoo waraana hidhatee socho’uun qalamaa jiranii, manneen jireenyaa uummata keenya irratti utuu gubataa jiruu, utuu ardaa isaa irraa Oromoon godaanee rakkoof saaxilamee jiruu Qeerroo Bilisummaa callisuu waan hinqabneef rakkoo uummatasaa addunyaatti ibsachuuf mormii bifa ho’aan jalqabe. Mormiin akkasuma FXG hanga mootummaa Ce’umsaa dhaabbatuutti akkasuma hanga Wayyaaneen hundeen diigamtee kuftutti kan hindhaabbanne ta’uus asumaan ibsina.

Injifannoon uummata Oromoof

Gadaan gadaa xumura garbummaati!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waxabajji 14,2018

SBO: Waxabajjii 13 bara 2018. Oduu, Gaaffii fi deebii ajajaa WBO dirree Dhihaa Jaal Kumsaa Dirribaa waliin taasifame, Hundeeffama SBO Waggaa 30ffaa ilaalchisuun Qophii qindaahe fi Marii gaazexeessota Oromoo waliin Taasifame.

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcasts, Waxabajjii 13/2018

Aside

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Jala Deemtota OPDO akeekkachiise

Aside

SQ: G/W/Liixaa aanaa Jaarsoo keessatti eda galgala (06/10/2010 EC) waraqaan jala deemtota OPDO akeekkachiisu guutumaa magaalaati fi gandollee baadiya hundaa keessatti raabsaa buluu isaanii qeerroon aanaa Jaarsoo gabaase.

Qeerroon aanaa Jaarsoo dhiyeenya kana walgahee haala yeroo fi sochii diinaa fi QBO aanicha keessatti gaggeeffamaa jiru gamaaggamuun taarkaanfii itti aanee fudhatamuu qabu akeekuun irbuu isaanii haaromsachuu isaanii maddi SQ yaadachiisuun akeekkachiifni kenname kun qaama hojii akeekamee keessaa tokko ta’uun beeksiseera.

OPDOn aanaa Jaarsoo maqaa gaaromsaan namoota Uummanni hin barbaanne muudaa jiran atattamaan akka dhaabanii kanneen maqaan isaanii asii gaditti tarreeffame yoroo torbaan tokkoo jin caalke keessatti kaasuun kanneen Ummata biratti fudhatama qabaniin akka bakka buusan dhaamaniiru. Haaluma kanasn

1. Ob. Geetaachoo Dhibbisaa I/G/W/ Inveestimentii

2. Ob. Geetaachoo Galataa I/G/W/IMX

3. Ob. Gammachuu Qixxaaxaa I/A/I/G/W/ barnootaa

4. Ob. Abdiisaa Dabalaa I/G/W/ kominikeeshinii

5. Ob. Soorii I/G/W/Lafaa fi

6. Ob. Dambalii I/G/W/ Gawaasummaa kanneen jedhaman guyyaa jedhame keessatti yoo hin kaafne Qeerroon Bilisummaa Oromoo tarkaanfii mataa isaa kan fudhatu ta’uu beeksisuun tarkaanfii fudhatamuuf kan itti gaafatamu OPDO ta’uus hubachiifni kennameera.

 

ONN; Oduu Olmaa Oromiyaa, Waxabajjii 13 2018

Aside

SQ;- Sirni Gaggeessaa Gootochi Oromoo J. Roobsan (Zalaalam Gannatii) Dhaadannoo fi Warraaqsa guddaan Raawwatame;

Aside

Miseensa WBO kan ture gootichi Oromoo J. Roobsan (Zalaalam Gannatii) Waxabajjii 12/2018 magaalaa Mandii, Manasibuutti Waraanaa Faashistii Wayyaanee Uummata Oromoo hiraarsaa jirtu utuu haleeluu kuffisee wareegame gaggeessaa gootummaa Ummata Oromoo irraa argate. Gaggeessaa gooticha kanaa irrattis Qeerroo fi Qarreen Oromoo dhaadannoo akeekaa fi galii QBO ibsu akkasumas dhaabni haqaaf Ummata Oromoof qabsaa’u ABO ta’uu hubachiisu hedduu dhageessisuun gaggeessaa J. Roobsan dhaadannoo fi Warraaqsa guddaan akka raawwatu taasisamuu maddi SQ Mandii irraa gabaaseera.

Kanumaan walqabatee Warraaqsi itti fufinsaan Najjoofi Mandii Keessatti finiinaa jira. Dhaadannoolee dhageessifamanis;-
1. ABO’n dhaaba dhugaa fi haqaa uummata Oromoof qabsaa’uudha.
2. WBO’n gaachana Uummata Oromooti.
3. ABO’n abbaa Biyyaati.
4. Qabsaa’aan yoo du’e qabsoon itti fufa
5. Hanga bilisummaan Oromoo fi Walabummaan Oromiyaa mirkanaa’utti qasoon keenya itti fufa.
6. Gumaa jaal Roobsan afaan qawween ni deeffanna kan jedhuu fi kkf dha.
Qabsa’aan ni kufa Qabsoon itti fufa!!
Garboomsaan ni kufa!!
kan jedhu ture.

ONN; Oduu Amma nu gahe; Waxabajjii 13, 2018

Aside

Oduu Tarkaanfii Gooticha WBO;

Aside

(SBO/VOL – Waxabajjii 11,2018) Waxabajjii 05, 08 fi 09, 2018 gidduutti WBOn Godina Dhihaa tarkaanfii bakkoota adda addaatti Humna Diinaa irratti fudhateen loltoota 167 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Godina Dhihaa beeksise.
Ajajaan WBO Godina Dhihaa Jaal Kumsaa Dirribaa gaaffii fi deebii SBO waliin godhan keessatti gootichi WBO Godina Dhihaa Waxabajjii 08,2018 halkan keessaa sa’aa 4:30tti qubsuma waraana wayyaanee magaalaa Gimbiitti argamu weeraruudhaan diina irraa 17 ajjeesuun 12 ol ammoo madoo taasisuu ifa godhan.
Gootichi WBO tarkaanfii isaa itti fufuun borumtaa isaa Waxabajjii 09,2018 ganama keessaa waraana wayyaanee konkolaataa waraanaa ORAL lama, Autobusii tokkoo fi konkolaataa xiqqaa 3F jedhamtuun sossohaa turan bakka addaa Waloo Yatii jedhamutti haxiidhaan haleelee miidhaa guddaa akka irraan gahe ifa godhaniiru.
Tarkaanfii haxii kanaanis loltootni wayyaanee ORAL lama irra turan lakkoobsaan 120 ta’an guutuutti barbadaa’uu fi kaanis madeeffamuu Ajajaan WBO Godina Dhihaa Jaal Kumsaa Dirribaa gaaffii fi deebii SBO waliin godhan keessatti beeksisaniiru.
Waxabajjii 05,2018ttis Gootichi WBO Godina Dhihaa Gaara Abbaa Seenaa bakka addaa Qorkaa jedhamutti waraana Agaazii haleeluudhaan 7 ajjeesee 11 ol ammoo madeessuu Ajajaan WBO Godina Dhihaa Jaal Kumsaan hubachiisaniiru.
Dhaggeeffattoota/hordoftoota SBO gaaffii fi deebii Jaal Kumsaa Dirribaa waliin goone sagantaa keenya guyyaa Roobii keessatti qabannee kan dhihaatnu ta’uu beeksisna.

SAGALEE QEERROO, Waxabajjii 12, 2018

Aside

Oromo Voice Radio (OVR), Waxabsjjii 11 2018

Aside