Hirirri Mormii ammaa maaliif barbaachise? Kutaalee Oromiyaa bakkoota haalichi bitaa itti galeef.

Mootummaan Wayyaanee qaama oftuulaa afaan qawweetti amanu ta’ee Waggoota 28 dabrsaa jiraachuu eenyullee ni beeka. Mootummaa garboomsaa Wayyaanee kanan yakka ajjeechaa, hidhaa, reebichaa, biyyaa arihuu fi saamicha akka nurraa dhaabuuf waggoota dheeraaf karaa nagaa hirira baanee gaafachaa turre. Deebiin kennamaa turee fi jiru ajjeechaa jumulaa qofaa ta’aa hanga har’aa gaheera. Akeeka Wayyaanee kana dura dhaabbachuuf duula gabaa lagannaa dabalatee Oromoon kitilaan lakkaa’amu lubbuu itti dhabeera, kumootaan kan lakkaa’amu achi buuteesaa maatii awwaallatee otoo hirmii hintufiin hafeera.

Yakka Uummata keenyarratti raawwataa tureen uummanni keenya bara baraan dararamaa jiraachuurra daandiitti bahee ijaarsa Qeerroo Bilisummaa jalatti qabsaa’uutiin qabsoo karaa nagaa adeemsisee garboomsaa akka hinbarbaamneef akeeka Wayyaanee akka hinbulle lallabataa ture ittis jira. Baroota kanas ajjeechaan uummata keenya baha Oromiyaa addatti dararamni uummata Harargee Cinaaksan hedduu kan nu kulkulfachiise ta’uun beekamaadha.

Wayyaaneen waraana maqaa Liyyuu hayiliin leenjifte akka diigduuf Amity International dhaabbanni mirga dhala namaaf sadarkaa addunyaatti falmu gaafataa turus akka ajjeechaa lafarraa nu godaansisuu itti fufuun waraanni Liyyuu ayilii jireenya keenyaaf yaaddeessaa dhufe. Waraana Liyyuu ayilii dabalatee rasaasaan namni kam illee akka hinduunetti qaamonni mootummaa lallabaa, harka lafa jalaan nu ajjeesuutti fulleeffannoon hojii jalqabuun ammoo ittuu yaaddoo egeree keenyaa ta’e.

Yakkoonni Mootummaa Wayyaanee addunyaa biratti saaxilamee, HR-128 murtii nagaa biyyattii eegsisuu malu dabarsuus akkaataa isaaniif aanja’utti qaqqajeelfachuun murtii HR-128 ofirraa kaasuuf qabsaa’ota karaa nagaa kaawwan muraasatuu mana hiraarsaa baasanii akeeka jallataa isaanii itti fufsiisuuf kanneen maqaa ABO’n yakkanii hidhan hiikuu dhabuun biyyattii gara hokkoraatti naanneessuuf haala mijeessan.

Akkasuma maqaa “Shororkeessummaa” n uummata akka hindararreef labsii farra shororkeessaa akka haqaniif gaaffiin gaafatame fudhatama dhabuun Wayyaaneen itti fufsiisuun maqaa Shororkeessaan ammas nu fixuuf kan aggaamaa jirtu ta’uu kan hubateen uummanni gara hokkoraatti akka naannaa’u daandii saaqe.

Inni ijoon hokkora kaasuuf daandii banaa jiruuf bane ammoo, rakkoo biyyattii furuuf bakka qaamni sadaffaan jirutti marii akka gochuu qaban kan ABO’n gaafataa ture tuffachuun waraanatti amanuudhaan waraana uummatatti bobaasanii uummata ajjeesuu Wayyaanee irra dhaabbatamee diddaan ittuu akka babal’atu taasisfame.

Ammas taanan mootummaa ce’umsaa nageenya biyyatti eegsisu hanga hinjirretti qaamni kamuu rakkoo biyyattii nii furra jechuun ulfaataa dhufee jira. Mootummaa Ce’umsaa nageenya waaraa biyyattiif fidu hundeessuuf ammoo Mootummichi qophii ta’uu dhabuun ilmaan isaaf ergamaa turan gara aangootti ol guddisuun surnicha akka waaqaatti dhaadeessuuf fuulleeffannoo qaban agarsiisaa jiran.

Utuu ajjeefamnu, utuu hidhamnuu, utuu lafa keenyarraa dhiibamnuu, utuu daa’imman Oromoo waraana hidhatee socho’uun qalamaa jiranii, manneen jireenyaa uummata keenya irratti utuu gubataa jiruu, utuu ardaa isaa irraa Oromoon godaanee rakkoof saaxilamee jiruu Qeerroo Bilisummaa callisuu waan hinqabneef rakkoo uummatasaa addunyaatti ibsachuuf mormii bifa ho’aan jalqabe. Mormiin akkasuma FXG hanga mootummaa Ce’umsaa dhaabbatuutti akkasuma hanga Wayyaaneen hundeen diigamtee kuftutti kan hindhaabbanne ta’uus asumaan ibsina.

Injifannoon uummata Oromoof

Gadaan gadaa xumura garbummaati!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waxabajji 14,2018

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s