(SBO/VOL – Waxabajjii 11,2018) Waxabajjii 05, 08 fi 09, 2018 gidduutti WBOn Godina Dhihaa tarkaanfii bakkoota adda addaatti Humna Diinaa irratti fudhateen loltoota 167 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Godina Dhihaa beeksise.
Ajajaan WBO Godina Dhihaa Jaal Kumsaa Dirribaa gaaffii fi deebii SBO waliin godhan keessatti gootichi WBO Godina Dhihaa Waxabajjii 08,2018 halkan keessaa sa’aa 4:30tti qubsuma waraana wayyaanee magaalaa Gimbiitti argamu weeraruudhaan diina irraa 17 ajjeesuun 12 ol ammoo madoo taasisuu ifa godhan.
Gootichi WBO tarkaanfii isaa itti fufuun borumtaa isaa Waxabajjii 09,2018 ganama keessaa waraana wayyaanee konkolaataa waraanaa ORAL lama, Autobusii tokkoo fi konkolaataa xiqqaa 3F jedhamtuun sossohaa turan bakka addaa Waloo Yatii jedhamutti haxiidhaan haleelee miidhaa guddaa akka irraan gahe ifa godhaniiru.
Tarkaanfii haxii kanaanis loltootni wayyaanee ORAL lama irra turan lakkoobsaan 120 ta’an guutuutti barbadaa’uu fi kaanis madeeffamuu Ajajaan WBO Godina Dhihaa Jaal Kumsaa Dirribaa gaaffii fi deebii SBO waliin godhan keessatti beeksisaniiru.
Waxabajjii 05,2018ttis Gootichi WBO Godina Dhihaa Gaara Abbaa Seenaa bakka addaa Qorkaa jedhamutti waraana Agaazii haleeluudhaan 7 ajjeesee 11 ol ammoo madeessuu Ajajaan WBO Godina Dhihaa Jaal Kumsaan hubachiisaniiru.
Dhaggeeffattoota/hordoftoota SBO gaaffii fi deebii Jaal Kumsaa Dirribaa waliin goone sagantaa keenya guyyaa Roobii keessatti qabannee kan dhihaatnu ta’uu beeksisna.