SEENAA Y.G(2005)
Waggaa 15 dura Goota Umurii isaa guutuu Qabsootti jiruutu, dabballoota leenjisuuf akkas jedhee dhaame. “Qabsoo nuuti gaggeessinu galma akka ga’uuf, Oromoo addunyaa irra jiru hundaa Qabsoo keessatti akka hirmaatuuf qopheessuun, hojii keenya jalqabaati. Kunis Baayyina Oromoo humnatti jijjiiruuf gargaara. Kana gochuun keenya waa lamaaf jedhan. Inni tokko—humni Oromoo dura dhaabbatu deebi’ee akka hin kaaneef gargaara . Inni lammadaa—yoo nuutillee wareegamnee, dhalooti itti aanu qabsoo inuma itti fufa jedhanii, Oromoo humneessuu kana fakkeenya biraatiin isinitti hima jedhan. Bishaan baarmeela guutuu danfisuu yoo barbaaddan, jalqaba baarmeela duwwaa abiddarra keessanii bishaan itti guutuu dandeessan. Rakkoo hin qabu. Rakkoon jiru isa kanaa miti. Bishaan baarmeela guutuu kana ega danfisnee booda akkamittin irraa buufana ? ykn bishaanichatti dhimma baan


