Akkuma beekamu guyyaa uummanni Oromoo garbummaa jalatti kufee kaasee hanga har’aatti cunqursaa, doorsisni hidhaaf ajjeechaan, raawwachaa ture raawwachaas jira.
Oromoon garuu; mirga isaa kana kabachiisuuf mirga abbaa biyyuummaa kabachiifachuuf qabsaa’aa ture qabsaa’aas jira. Tibba kana immoo wanti Uummata keenya daangaa irratti raawwachaa jiru, akkasumas gochi garajabeenyaa kan uummati marti balaaleffatudha. Kanaaf ijaaf sagalee uummatichaa kan taanee miiraaf yaada tokkon waltaa’uun gaaffilee armaan gaditti tarreeffaman bu’uura godhanne hiriira ba’uun gaaffii nii gaafanna.
Gaaffiileen kunis :
1, Afaan Oromoo Afaan hojii Yuunibarsiitii Jimmaa haa ta’u!
2, Muummeen Afaan Oromoo cufamaa jiru hatattamaan furmaata argachuu qaba!
3, Muummeen Folklore Oromoo cufamuusaa gadjabeessinee mormina!
4, Waraanni Naannoo Oromiyaa fi Mooraa barnootaa keessaa ba’uu qaba!
5, Weerarri daangaa Oromiya
Continue reading →