SQ: Sagalee Qeerroo Bilisumma Oromoo, Fulbaana 29, 2017

Aside

Sababaa Liyyuu Poolisiniin Lammiileen Oromoo Qabeenya Isaanii Saamaman Maal Keessa Jiruu??

Aside

Maqaa saboota ollaa keessattuu maqaa olloota daangaa Oromiyaan dahatee sirni gita bittuu Wayyaanee uummata Oromoo irratti loltoota bifa addaan biyyoota awuroophaa faana waliin ta’uun leenjifate itti bobbaaseen Oromoon kumoota hedduun lakkaahaman ardaa isaanirraa buqqaa’anii jiru. Ilmaan Oromoo garraamiin kun badii tokko malee rakkoo daangaa irraan xuxxuuqqaa jirus utuu quba hinqabaatin Sumaalee bakkoota Jijjigaaf, Wucaalee keessa dararaa hamaan irra dhaqqabeera. Dararaa gara jabeenyaa hamaa kanaan uummatni keenya kumootaan qabeenyaa isaanii mara dhabanii kan deemaan cinatti miidhaa suukaneessaan irra dhaqqabee jiraachuu dubbatu. Lammiilee Oromoo manaaf qabeenya isaanii dhabanii Oromiyaatti baqatan keessaa , gurmuu gara Oromiyaa Lixaatti qubsiifamanii jiran akka arginee haasofsiifnetti. Ilmaan Oromoo waan tokko wal dhabdee takka utuu gurraan hindhaga’in dararaa hamaan irra dhaqqabee jira jedhu. Daraaraawwan suukanneessoo kanneen keessaa keessattuu

Continue reading

Booreen bahuun booreen galuuf

Aside

Gaafa na fannisanii
Hidhatti na reebani
Hidhaatti na rukutaa
Ibsaa na qabsiisani
Obsaan guyyaa eeggadheen
Barii lafaa hawwa taa’ee

Continue reading

Humni Waraanaa Wayyaanee Sodaa Hokkora Irreecha Irratti Kaafamuu Mala Jedhuun Gara Bushoiftuutti Guuramaa Jira.

Aside

Fulbaana 29,2017/ Aadaaf duudhaa Oromoo keessaa Irreechi isa guddaaf olaanaadha. Ayyaanni Irreechaa sirna galata galfannoo Waaqaa kan lammiin marti itti wal gahu ta’uun hubatamaadha. Irreechi Bushooftuu bakka nagaa, bakka jaalalaa, bakka kadhaa amantaa Oromooti. Bu’aa ba’ii hedduu mudataa turanis jabaatee asiin gahatee ayyaana kana kabajachuuf jalabultiirratti argama.
Ayyaanni kun akka miidiiyaan biyyaa keessaaf alaa wal harkaa fuudhanii dubbataa turanitti humbi waraanaa kamuu akka achitti argamuu hindandeenye jedha. Murtiin abbootii gadaas, kan Qaamni hidhannoo hidhatu kamuu akka achitti hinargamne, bakka sana alaba

Continue reading

Qeerroon Gindhiir Guyyaa Har’aa Akkasitti Jiru.

Video

Qophii GAADDISA DHUGAA: Gaaffif Deebii Itti Aanaa Haayyu Duree ADDA BILISUMMAA OROMOO Waliin Fulbaana 2017

Aside