Booreen bahuun booreen galuuf

Gaafa na fannisanii
Hidhatti na reebani
Hidhaatti na rukutaa
Ibsaa na qabsiisani
Obsaan guyyaa eeggadheen
Barii lafaa hawwa taa’ee

Limmoo Wayyaaneen qaamni
Martuu na shororkaa’ee
Rukuttaa shiboo halagaan
Fuula imimmaan ta’u
Obseen keessa waa eege
Sabaafan falma jedheen
Fedhii dantaa wareege
Akkan hiraarsaa
Ba’eenan qopheenkee Qawwee qabe
Biyya bilisoomsuufan
Baddaaf gammoojjii labe
Kaayyoo keessan bufadhee
Kaayyoo koof bakka laadhe
Kaayyoon maraatuu ta’ees
Guyyaa adiin maraadhe
Kaayyoof kadhataas ta’ee
Dugdaan ciisee kadhadhe
Icciitii wayyaanotaan
Funyaan kiyyaan suunfadhe
Arraba hormaaf diinaa
Keessa kiyyan bulfadhe
Arraba galtuu firaas
Ukkaamseen olkaawwadhe
Kaayyootu mana baasee
Akka ekeraa na fiigsa
Qaamakoo arangamaan
Kukkuteetu na dhiiqsa
Faanni miillaa ko’omee
Gammoojjiif tatarsa’e
Qaama magaala onbossaan
Kaayyoofan gurraacha’e
Ani kaa xiqqoon namaa
Bifaan gufuu gur’aattii
Diina lammii koo saamen
Dhahee gate allayyaatti
Cinaaksan takkaa ba’een
Tokkoon kuma dachaase
Diina Oromoo ajjeesuun
Oromoorraa tamsaase
Jaallan kiyya qabadhee
Daangaan taa’e quphanee
Diina funyaan sareen suunfadheen
Tokko tokkoon funaane
Cinaksaan irraa dhaheen
Raahituutti tare
Raahituurraa gabaa diinaa lamaxee
Gaafa biyyi gootummaa koo bare
Booreen bahuun booreen galuuf
Kaayyoof du’uun kaayyoof ka’uuf
Ani qabati koo kaayyoodha
Lubbuun anaaf Irbuudha
Sonbikoo jaallan kiyya
Abaaramus anatu
Bor fida abbaa Biyyaa
Finfinnee Fulbaana 28, 6411
Qalbeessaan

1 thought on “Booreen bahuun booreen galuuf

  1. Pingback: Booreen bahuun booreen galuuf – OROMIYAANWANOFITIABBAATUUEGATAA

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s