SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo,Caamsaa 11,2017

Aside

Gootichi Atileetii Fayyisaa Lelisaa Shaampiyaanaa Aanota Godina Arsii Aanaa Digaluuf Xijjoo Keessatti Farfamaa Oole.

Aside

Caamsaa 10/2017 Shaampiyaanaa Aanota Godina Arsii Aanaa Digaluuf Xijjoo Magaalaa Sagureetti Gaggeeffamerratti Qeerroon Mormii Dhageessisee jira.yeroo Dorgommiin Atileetiksii gaggeeffamutti wal jalaa qabuudhaan akkuma waraana wayyaanetiin marfamee jirutti FAYYISAA FAYYISAA LEELLISAA LEELLISAA jechaa oolaniiru sababuma kanaanis halkan edaa namoota hedduu mana hidhaatitti guuraa turuunis dhagayamee jira

Calgary,Edmonton get ready for support-ONN

Aside

Continue reading

Qophii Qaanqee Show Caamsaa 10, 2017 Gaafi fi deebi Obbo Beekan Guluma waliin

Aside

Continue reading

Godina Arsii Aanaa Digaluu Xijjoo Magaalaa Saguree Keessatti Poolisoonni Wayyaanee Qophii Isportii Aanotaa Jeeqaa Jiru.

Aside

Caamsaa 10,2017/Godina Arsii Aanaa Digaluuf Xijjoo Magaalaa Saguree Keessatti Dorgommii Shaanpiyoonaa Ispoortii Aanota Godina Arsii gaggeeffamaa jirurratti Poolisoonni Wayyaanee TPLF Uffata Seeraa Osoo hin diranne Ummataan wal fakkaatanii Bakka Dorgommiin itti gaggeeffamutti Argamuun  Yeroo Ummanni Wal gahicharraa galuuf Staadiyoomichaa yaa’u. Dargaggoota qabanii hidhaa jiraachuun dhagayamaa jira.Dargaggoonni Caamsaa 9/2017 hidhaman Ibraahim Amiinoo Magaalaa Itayyaa irraa kan dhufe,Muussaa Hajjii Magaalaa Boqqojjii Irraa kan dhufe, Continue reading

Wayyaaneen TPLF Oromiyaa Guutuu Keessatti Walgahii Jechuun Ummata Cinqaa Jira.

Aside

Caamsaa 10/2017 Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinneetti Koonfirasii Dargaggootaa Saglaffaa 9ffaa Jechuun Namoota OPDOf Amanamoo ta’an Akka Godinaalee Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinneetti Dargoota mariisisaniif leenjiin kennamaafii jiraachuun dhagayamee jira

Ergamtooti TPLF (OPDO)Godina Baalee Aanaa Sawweenaa Keessatti Marii Nageenyaa Jechuun Ummata Rakkisaa Jiru.

Aside

Caamsaa 10,2017/Godina Baalee Aanaa Sawweenaatti Marii nageenyaa maqaa jedhuun Kaabinoonni OPDO Godinarraa Dhufanii fi Bulchiinsa Aanichaa keessatti Argaman Ummata walitti qabanii marii gaggeessa jiraachuun dhagayameera.Bulchaan Godina Baalee Obbo Aadam Qaasim Marii kanarratti akka hasayanitti Qaamni Miseensa Adda Bilisummaa Oromoo ABO yookin Qeerroo Bilisummaa jedhee socho’u Aanaa keenna keessaa qulqullaayuu qabu.Walitti Bu’iinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaati fi Mootummaa Sumaalees furmaata argatee jira kanaafuu olola humnoonni nageenya biyya teenyaa hin barbaanne hafarsaniin hin jeeqaminaa fuula keessan gara nageenyaa fi misoomaa deebisaa jechuun waan lafarra hin jirre itti kijibaa jiraachuu maddeen Oduu Qeerroo Aanaa Sawweenaa irraa gabaadanii jiru.

Kana malees  Continue reading