Wayyaaneen TPLF Godina Arsii keessaa ummata Oromoo Xoollayitti hidhee gaddiisee irra deebi’ee qabee hidhaa jira.

Aside

Ebla 11,2011/ Mootummaan Wayyaanee Godina Arsii keessaa ummata Oromoo Xoollayitti hiitee gaddiifte irra deebi’uudhaan gandoota adda addaa keessaa namoota 500 ammas deebiftee Magaalaa Asallaatitti hiite tursiisuun isii ni yaadatama,yeroo ammaa namoota kanniin shororkeessummaa fi manca’uu qabeenya mootummaa himannaan dharaa irratti banuudhaan namoonni hedduu guyyaa boruu 4/8/2009Mana murtiitti akka dhiyaatanii fi maatiin isaanillee isaan gaafachuuf yoo dhaquu qaamuma mootummaa kanaatiin saamamaa akka jiru maddeen keenya magaalaa Asallaa gabaasanii jiru.

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ebla 11, 2017

Aside

SBO Ebla 12,2017. Oduu, Sochii gama diplomasiin jiru irratti gaaffii fi deebii miseensa G/S ABO J/Dr.Shuggux Galataa waliin gaaffii fi deebii geggeeffamee fi SBO Sagantaan Afaan Amaaraa

Aside

Hamma tuffatamtu utuu beektee?

Aside

Waliin dubbii Saree fi Harree

Image result for dog and donkeyToora facebook Abdiisaa Guuttataa jedhurraa


Saree : Jirtaa akkam yaa abbaa Gurra guddaa?
Harree : Jira akkam abbaa morma Furdaa?
.
Saree: Akkam dugdikee madaan fayyee?
Harree : Humaa hin jedhu hayyee
.
Saree : Hamma tuffatamtu utuu beektee…
Harree : Hamma jibbamtu utuu bartee…
.
Saree : Dugda madaan baattee halaakta
Harree : Tuffatamaa jiraatta
.
Saree : Akka Sangaa hin kunuunfamtu
Harree : Atis akka Adurre hin kabajamtu
.
Saree : Ba’aa hormaaf dalagaasaaf Harki si dhubba
Harree : Siinimmoo alaaf manaa martuu si jibba
.
Saree : Gaafa ba’aa si waammatu
Harree : Karraaf qe’ee si eegsifatu Continue reading

“Yaa Baraa” SQn Qophawe

Aside

Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 Ilaalchisee Wallee Haaraa Hawwisoo Qeerroon Qindaawe

Aside

Dabballoonni Wayyaaneen TPLF Qonnaan Bultoota Bishaan Qulqulluu Isinii Baafna Jedhanii Gowwomsaa Jiru

Aside

Ebla 11,2017/ Dhiyeenya kana mootummaan Wayyaanee baha Wallaggaa Waayyu Xuqaa keessatti tajaajila bishaan dhugaatii isinii galchina jechuun gowwomsaa guddaa hawwaasa naannoo Moloo, Guftee, Oddoo, Burqaa,keessa jiraatan sossobuuf yaalaa ture. Warraqsa hawwaasaa itti dhaamsuuf bishaan guddaa laga Waamaarraa tubboon hidhamullee tubbii laastikaa irraa hawwaasa ittiin sobachuuf kan yaale waa daddabarsuuf yaalullee onoota Sana keessatti erga gaafa galee qabee utuu guyyaa tokko hin turin dhohuun uummatni hanga waan dhugy dhabutti gahee jira. Ololli miudiyyaarraa dubbatamuuf waan arginu Marti wal qabachaa hin jiru jechuunis komataa jiran. Continue reading

Wallaggaa Waamaa Naannoo Qassoo Keessatti Loltooti TPLF Uummata Saamaa Jiru.

Aside

Ebla 11,2017/ Godina Wallaggaa Waamaa naannoo Qassoo jedhamtuuf bakkeewwaan aanaa Sana jalaa jiran keessatti maqaa inshuraansii Fayyaa jedhuun maallaqa 250 quote bulaa tokkoon buusaa jechuun walga’iin ganamaa galgala dhiphisaa jiraachuuf uummati diduu isaa odeessi argame IFA godha.Haaluma kanarraa ka’uun hattoota gurmeessuun yakkoota waggoota danuuf itti gargaaramaa tureen uummata saamaa kan jiru yoo ta’u hattoota kana harka lafa jalaan tajaajilaa uummataan hattuu isinirraa tasgabbeessinaa jechuun IJA diimaan maallaqa kennaa jechuun gidirsaa jiran. Continue reading