Monthly Archives: June 2016
FXG Fnfinnee keeysatti ka’a sodaa jedhuun humni waraana Wayyaanee gandoota magaalaa mara keessa hedduminaan bobba’ee jira.
Aside
Waxabajii 15,2016
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee yeroo ammaa kana waan qabuu fi gadi dhiisu wallaalee jira.Qeeyroon magaala Finfinnee fi godina adda keeysatti waraqaa warraaqsaa facaasen diinni wraana isaa finfinnee keessa olii fi gadi kaachisaa jira.
FXG oromiyaa keeysatti wayita kana walgayii wayaanee diiguudhaan, daandii cufuudhaan magaalota fi baadiyaalee keeysatti waan jabaatee itti fufef wayyaaneen humna waraana qabdu kan ishee utubee jiru Oromiyaa keessatti bittimstee kan jirtu amma magaalaa guddicha Oromiya Finfinnee keeysatti FXG ka’a kan jedhu sodaattee waraana ishee har’a ganamanaan Finfinne keeysa bakka bakka qabsiisaa jirti keeysattuu nannoo Yuuniversitiiwwani waraanni marsee ka jiruudha.
Dabalataan Qeeyroon godinoota addaa oromiyaa keeysatti barruu warraaqsaa bittimfameen wal qabsiisee bakka Qeeyroon itti walgahu, uummanni Oromoo yoo walitti deeme bakka cidhaa fi bakka du’aatti FXG sodaadhaan wayyaneen uummata nagaa humna qabduun burjaajeessa kan jirtu bakka naannowan kanneenitti poolisii federaalaa ramaddee jirti. Qeeyroon dhaadannoo fi qabsoo isaa jabeessuun ija poolisii duratti FXG jabeeffateera.
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Waxabajjii 14, 2016
Aside
DHIIGAAN -OROMOO-OROMUMMAA-SABBOONUMMAA-WAREEGAMA-WALABUMMAA-OROMOO
Aside
SEENAA Y.G (2005)=!
Qabsoon Oromoo halkanii fi guyyaa xiinxala itti heddummeessinee busheessuuf yaallu, har’aa sadarkaa eenyullee dura dhaabbachuu hin dandeenyetti ce’aa jiraachuu guyyuu argaa jirra. Yaadi Ummataa bifa kamiitu Qabsoo sabichaa milkeessu keessatti shoora ol aanaa ni qabaata. Dhimma Biyyaa kan ilaallatuu mitii, dhimmi nama dhuunfaayyuu yaadaa fi qeeqa dhaggeeffachuun dirqama. karaa walitti argisiisuu fi wal gorsuu irratti humni ejjannoo jabaa hin qabaatiin, eessallee ga’uu hin danda’u. Gama kiyyaan qabsoo Oromoo irratti yaadoota dhihaatan hedduun hordofeen jira. amma beekumsaa fi hubannoo kiyyaa deebii kennufi kanan yaale nin qaba. Yeroo hedduu yaadaa yk qeeqa na raajuu fi deebii itti laachuufillee kan nama rakkisan yennaan arguu callisuun filadha.kanneen keessaa yaadoota na ajaa’ibsiisantu jiru. Namni Oromoo ta’ee tokko, adeemsa qabsoos haa ta’uu, dhaabbilee siyaasaa Oromoo irratti qeeqaa fi yaada adda addaa inni kennuu, kan diinni kennu irraa adda ta’uu dhabuu isaatu na raaja. Yaada qofaa osoo hin taanee, diina caalaa Qabsoo Oromoo fi ABO biyyeetti makuuf jechoonni itti gargaaraman nama rifaasisa. carraa argataniin ammoo diina yennaa qeeqan jechoonni itti gargaaraman hedduu nama qaanfachiisa. keessa koo na guba. Diinni ABO fi Qabsoo Oromoo maaliif jibba ? jibba isaa kana akkamiin ibsata? ? yoo itti milkaa’eef, Qabsoo Oromoo fi ABO lafa irraa dhabamsiisuuf maaliif hojjata ? wayyaaneen, ABOn shororkeessaadhaa jedhee addunyaa daboo kadhachaa ka jiru, waggaa 25 guutuu irratti duulee, hidhaa fi ajjeechaan , Biyyaa yaasuun kkf hojii gonkumaa borillee akka waliin hin jiraanneetti kan irratti hojjatu diinni diina waan ta’eefidha. Kan diina kana waliin dhaabbatee yerooma isaa eeggata malee diinumadha. Akka walii galaatti diinni Qabsoo Oromoo fi ABO akka itti dhiheessachuu barbaadu ifadha. maarree Ilmaan Oromoo akka diina kanaa taanee Qabsoo Oromoo fi ABOtti duulla yoo jedhan , ani kun nagummaa natti hin fakkaatu. Diinni ABOn yoo bade, bara baraafan jiraadha jedhee akkuma hojjatu, ABOn dhabamuun dantaa keenyaaf nu gargaaraa jennee kan yaadinu yoo jiraanne, kunis nagummaa natti hin fakkaatu.DHIIGAAN OROMOOOROMUMMAASABBOONUMMAA
SBO: Waxabajjii 15 Bara 2016. ODUU, Ijoo Dubbii ABO fi Hiriira Mormii Hawaasni Oromoo Awustiraaliyaa -Meelboornitti Jila wayyaaneerratti gaggeesse Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.
Aside
Mootummaan Wayyaanee Hojii Dhablootaaf Dalagaan Waraana Ta’uu Jira Jechuun Beeksisa Baasaa Jira.
Aside
Waxabajjii 14,2016 
Ministeerri ittisaa Itiyoophiyaa beeksisa hojiii jedhee Oromiyaa malgaa gara garaa keessatti namoonni hojii loltummaatti akka galaniif gandootaa fi bakka waajjira magaalaalee mara keessatti maxxansaa jiraachuun beekame.
Protesters have clashed in Epping this afternoon, trying to shut down a meeting involving the Ethiopian government.
Aside
For the triumph of their struggle over its unjust decision of 1950, United Nation has never forgiven the Eritrean people: The policy of arrogance and domination.
Aside
By ,Leelloo Sabaa
On June 8, 2016, we have heard the United Nation’s human right commission report recommending to United Nation’s Security Council to take Eritrean leaders to International Crime Court for crime against humanity. A lot of excitement we see from Ethiopian government and all Ethiopian opposition political parties is understandable. Notwithstanding the double standard of this UN body when it comes to lack of such an enthusiasm to investigate and recommend Ethiopian leaders to be taken to International Criminal Court for committing: genocide, crime against humanity and war crime against Oromians for the last 25 years, I argue that the report by this UN body is the repeat of how the UN body, then Political and Security Committee, conspired against the wishes and the aspiration of Eritrean people to be independent and led Eritreans to carry out thirty years of independence war to break forced marriage imposed on them by the UN in 1950. Here is how history has repeated itself.
The Horn of Africa has been the region that has a significant strategic importance. For it is located between the oil producing region of the Middle East and the Indian Ocean that connects the region to the USA and Europe, there have been scramble to control and influence this region by Western powers such as: British, France and Italy in 1890’s. While the USA entered into the competition for the region after the end of the Second World War, Russia’s interest in the region started in 1960’s.For the triumph of their struggle over its decision of 1950
Godina Lixa Shaggar Keessatti Warraaqsii Biyyoolessaa Oroiyaa FXG Utuu Wal Irraa Hin Citiin Gaggeeffaamaa Jira.
Aside
Waabajjii 12/2016 Godina Lixa Shaggariitti Warraaqsii Biyyoolessaa Oroiyaa FXG Utuu Wal Irraa Hin Citiin Gaggeeffaamaa Jiru , FXGn Kan Marsaa 6ffaan Bifa Adda Ta’een Wayita Qabachuuf Jiru Kanatti Waranni Agaazii Wayyaanee Sakkatta’insaa Seeraan alaa Bakkoota Hedduutti Gaggeessuun Uummaata Shororkeessaa Jiraachuun Ibsame.
Daandiiwwaan Finfinnee irraa gara dhiha Oromiyaatti geessuu addatti Lixa shaggaar daandii gara aanota akka Jalduu Shukutee,Gaaleessaaa, Dandii Ilfata,Waddeessa,Ada’aa Bargaa, Meetaa Roobii, Gindabarat,fi gandoota baadiyaa godinichaa keessaattillee uummaatni sakkaatta’insa waraana wayyaaneeen shororkeeffamaa jiraachuun ibsame.
Warraaqsii biyyooleessaa Oromiyaa FXGn hanga gaaffiin mirga abbaa biyyummaa deeebii argatuuttii fi waranni agaazii oromiyaa gadhiisee bahuu fi hidhamtootni oromoo hundii hiikkamanitti fi ajeechaa jumlaa oromiyaa keessatti gaggeeffaa jiruuf hanga mootummaa yakkamaan kun aangoo biyyaa bulchuu gadi lakkisee seeraatti dhiyaatuutti warraaqsii biyyooleessaa oromiyaa takkaa kan hin dhaabbanee fi yeroo yeroon bifa isaa jijjiirratee kan itti fufu ta’uu qeerroon bilisummaa Oromoo hubachiisuun diina boqoonnaa dhorkuu itti fufee jiraachuu hubchiise.
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Waxabajjii 12,2016
Aside
