Qeerroon Wal Kaassee,Abbaa Irreef Hin Bulu” Wallee Warraaqsaa Haaraa Artist Hawwi Mohammed Fi Abbaabaa Dhugaasaa

Aside

https://youtu.be/W3BTj-tN0vQ

SBO Waxabajjii 22,2016. Oduu, Gaaffii fi deebii barattoota Oromoo dhaabbilee barnootaa olaanoo fi sadarkaa adda addaa kanneen FXG keessatti hirmaataa turan waliin goone kutaa 2ffaa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Waxabajjii 21,2016

Aside

Shaggar Lixaa Keessatti FXG Haalaan Jabaatee Itti Fufee

Aside

Waxabajji 20,2016
1bFincilli xumura gabrummaa Ambo Keessatti bifa Jabaan eegalee raafama guddaa Mootummaa Shororkaa Wayyaaneerraan gahaa jira FXG barattoo Amboon erga dheengadda eegalee har’as itti fufee jira.Haaluma kanaan Shaggar Lixaa Magaalaa Ambootti Manni Barumsaa Sadarkaa tokkoffaa Carii qabsoo Finiinsaa oolan.Haaluma kanarraa ka’uun qondaaltonni Wayyaanee manneen barnootaa kanneen akka Carii, Liiban Maccaa fi Mana Barumsaa qophaa’inaa xiyyeeffannoo addaa itti kennuun bahaa fi gala barataa eegaa jiru.Oolmaan magaalaa Amboo guyyaa har’aa qondaaltota Wayyaaneetiin guutamuun dirree waraanaa fakkaattee jirti yeroo ammaa kanas dabalatee humni waraanaa buufata godhatee itti duulaa jira.

Qeerroon Bilisummaa Yuuniverstii Diillaa Waamicha Warraaqsaa Dabarse.

Aside

kr

kr

Qeeyroon Yuuniversitii Diillaa keessatti waraqaa warraaqsaa “WAAMICHA LAMMUMMAA” jedhu maxxansuun Qeeyroon gabaasee jira. kunis Waxabajii 18/2016 barreeffamni warraaqsaa bittimfame kun poolisii Wayyaanee boqonnaa dhorgudhaan naasuudhaan waraanni naannoo moorichaa akka qubatu taasifamee jira. Waraqaan kun erga maxxanfamee kaasee Yuuniversitiin keessaa fi alaan waraanaan marfamuudhaan barruuwwan Qeeyroon waamicha taasise kana bakka maxxanfamee waraanni funaanuunis meeshaa camadee barattota tiksuunis odessi Qeeyroo moorichaa nu gahe addeessee jira.
Naannoo Kibbaa godina uummata Segen aanaa Konsootti akkuma duraan eegale fincilli ammas jabaatee itti fufuun Qeeyroon gabaaseetu jira. Fincilli kun aanaa Konsoo magaala Kaaraatitt wayyaaneen dhiyoo akkuma uummata konsoo irratti tarkaanfii suukkanneessaa fudhatteen ammallee kan hin dhaabnes dargaggeessa konsoo tokko ajjehcaa irratti raawwachuudhaan kan ajjeeses poolisii humna addaa wayyaanee tahuunis kan barame yoommuu tahu fincilli uummataan ammas jabaatee kan itti fufee jiru tahunis gabaafamee jira.