Qeeyroon Yuuniversitii Diillaa keessatti waraqaa warraaqsaa “WAAMICHA LAMMUMMAA” jedhu maxxansuun Qeeyroon gabaasee jira. kunis Waxabajii 18/2016 barreeffamni warraaqsaa bittimfame kun poolisii Wayyaanee boqonnaa dhorgudhaan naasuudhaan waraanni naannoo moorichaa akka qubatu taasifamee jira. Waraqaan kun erga maxxanfamee kaasee Yuuniversitiin keessaa fi alaan waraanaan marfamuudhaan barruuwwan Qeeyroon waamicha taasise kana bakka maxxanfamee waraanni funaanuunis meeshaa camadee barattota tiksuunis odessi Qeeyroo moorichaa nu gahe addeessee jira.
Naannoo Kibbaa godina uummata Segen aanaa Konsootti akkuma duraan eegale fincilli ammas jabaatee itti fufuun Qeeyroon gabaaseetu jira. Fincilli kun aanaa Konsoo magaala Kaaraatitt wayyaaneen dhiyoo akkuma uummata konsoo irratti tarkaanfii suukkanneessaa fudhatteen ammallee kan hin dhaabnes dargaggeessa konsoo tokko ajjehcaa irratti raawwachuudhaan kan ajjeeses poolisii humna addaa wayyaanee tahuunis kan barame yoommuu tahu fincilli uummataan ammas jabaatee kan itti fufee jiru tahunis gabaafamee jira.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 ( June) | OromianEconomist