“Dayma Afaan Dibattee Olii Gadi Kaattu” Wallee Warraaqsaa Haaraa Artist Awwal Abdurroo/Caamsaa 2016

Aside

https://youtu.be/hLNVdxAUsyc

Godina Arsii Dodola Keessatti FXG Jabaachuu Irraan Kan Ka’e Waraanni Agaazii Dargaggoota Hidhuu fi Reebuu Itti Fufe

Aside

Caamsaa 10,2016/ Godina Arsii  Doldolaa keessatti mormii ummataa jimaata darbe gaggeeffamerraa waraanni Agaazin mana manarra deemun dargaggoota soddoma(30) kan mana hidhaatti guuraman yoo ta’u kanneen keessaa dargaggoo Muhaammad Haaji Bullinaa kan jedhamu miidhaa tumaa agaazii irraa kan ka’e du’aaf jiruu keessatti yommuu argamu Hospitaala goobbatti yaalamaa jira.

Aside

Humni federaalaa halkan kana jechuun caamsaa 10/05/2016 yuunversiitii wallaggaa keessaa baratoota nagaa naannoo main kaampas jedhamutti reebaa jira.Heedduun baratootaas baqatanii doormiitti nammaa jiru.humni federaalaas baratoota kana duukaa doormiitti seenuun baratoota goolaa jira.

SBO Caamsaa 11,2016. Oduu, Gabaasa FXG, Art.Gaaddisee Shamsaddiin waliin gaaffii fi deebii taasisamee fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Faarsaa Warraaqsaa, Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Artist Fayisaa Taaddalee/ Oromiysaa Caamsaa 2016

Aside

http://youtu.be/dGnGyk5iAtc

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 9 May 2016

Aside

Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Daalattii iddoo Horaa Baacaa jedhamutti mootummaan Wayyaanee bulchiinsa gandaa irraa eegalee uummata goolaa jira.

Aside

Caamsaa 9,2016, Mootummaan kun karaa horaa baacaarraa ka’ee gara ganda nagaa Hawwiitti geessu isiniif baasna jechuun uummatarraa qarshii funaanaa ture; dabalataanis lafa qotee bulaan qabu fuudhee namoota dhuunfaaf kennuun uummanni waan irratti bareef nagayee Fi dookimentoota balleessuuf, qabeenya maqaa misoomaatiin saame diinumantii  ofumasaa bulchiinsa gandaa gubuun isintu gube jedhee namoota 20 ol gara waajjira poolisii aanaa Nuunnuu tti fiduun hidheera. 

Namoota Kanas arguus ta’e haasofsiisuun waan dhorkameef maqaan adda baasuun hin danda’amne. Namoota hidhaa jiran keessaa tokko hojjetaa waajjira qonnaa, tokko immoo ogeessa fayyaa(mid wifery) akka ta’an barameera. kanneen Hafan hunduu qonnaan bultoota gandasanaa akka ta’an ni himama.