Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Daalattii iddoo Horaa Baacaa jedhamutti mootummaan Wayyaanee bulchiinsa gandaa irraa eegalee uummata goolaa jira.

Caamsaa 9,2016, Mootummaan kun karaa horaa baacaarraa ka’ee gara ganda nagaa Hawwiitti geessu isiniif baasna jechuun uummatarraa qarshii funaanaa ture; dabalataanis lafa qotee bulaan qabu fuudhee namoota dhuunfaaf kennuun uummanni waan irratti bareef nagayee Fi dookimentoota balleessuuf, qabeenya maqaa misoomaatiin saame diinumantii  ofumasaa bulchiinsa gandaa gubuun isintu gube jedhee namoota 20 ol gara waajjira poolisii aanaa Nuunnuu tti fiduun hidheera. 

Namoota Kanas arguus ta’e haasofsiisuun waan dhorkameef maqaan adda baasuun hin danda’amne. Namoota hidhaa jiran keessaa tokko hojjetaa waajjira qonnaa, tokko immoo ogeessa fayyaa(mid wifery) akka ta’an barameera. kanneen Hafan hunduu qonnaan bultoota gandasanaa akka ta’an ni himama.

1 thought on “Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Daalattii iddoo Horaa Baacaa jedhamutti mootummaan Wayyaanee bulchiinsa gandaa irraa eegalee uummata goolaa jira.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (May) | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s