Sochii Fincila Xumura Gabrummaa dhaabuuf kan Taankiin dadhabe,” Ye Selaam Hayil” bakkaan gahuu hin danda’u.

Aside

Leelloo Sabaa Irraa

ffdFincilli Xumura Gabrummaa Oromiyaa mara keessatti akka abida bonaa belbelaa jiru, mootummaa wayyaanee fi sirna gabarummaa Impaayera Ixoophiyaa hundee irraa raasee rifatuu hamaa keessaa galchee akka jiru, ummata Oromoo fi amba biratti ifatti beekameetu jira. Ummatni Oromoo, yeroo kamuu caalaatti, ammaan tana, gootummaa seenaa qabsoo ummattoota addunyaa keessatti argamee hin beekne garsiisuun, mirga akka seera: Waaqaatti, uumaatti, addunyaatti fi seenaan qabu  deebifatee abbaa biyya isaa Oromiyaa fi abbaa qabeenyaa Oromiyaa ta’uuf  falmaa hadhooytuu geggeessaa jira. Falmaa haqaa fi seeraa ummatni Oromoo geggeessaa jiru kana dhabamsiisuuf, waraana hanga funyaaniitti hidhate fi sirnichaaf guddoo amanamaa ta’e ummata Oromoo irratti yoo babbaase iyyuu, mootummaan Wayyaanee fincila Xumura Gabrummaa ummata Oromoo cabsuun qabsoo bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa jaarraa tokko oliif deemaa jiru, amina inni gara galma isaatti godhaa jiru irraa dhaabuu hin dandeenye. Fincila ummata Oromoo dhaabuuf, ololli daangaa hin qabne irratti oofamu illee, akkasumas, gorsitooti fi leenjistooti biyya ambaa doolora miliyoona hedduun bitamanii irratti yoo duulchifaman illee,  mootummaan Wayyaanee, Warraaqsa Xumura Gabrummaa golee Oromiyaa mara keessatti deemaa jiru injifachuu hin dandeenye. Sochii Fincila Xumura Gabrummaa Taankiin hin dandeenye

Fincilli Xumura Garbummaa Baha Wallaggaa Waamaa Hagaloo Mana Barumsaa Qophaa’ina Naqamteetti Eegalame

Aside

Caamsaa 30,2016
Baha Wallaggaa magaalaa Moxee keessatti FXG haala ho’aa ta’een Qeerroon sagalee dhageessisaa Jira,sochii warraaqsaa eegalame hanga
fiixaan baasnutti duuba hin deebinu sagaleen hedhu gurmuu barattootaagidduudhaa dhaga’amaa ture haala sochii warraaqsaa itti fuufsiisuuf duubatti akka hin deebine walii galan,Akkuma qorumsarraa dhorkamanii bahaniin sirba qabsoo gobiin lafa dhiitaa jiru

Godina Shaggar Kaabaa Salaalee Aanaa Kuyyuutti Mana M/B Garba Gurraachaa Sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa Keessatti FXG Itti Fufe.

Aside

Itti fufaCaamsaa 30,2016 Oduu Ammee Godina Shaggar Kaabaa Salaalee Aanaa Kuyyuutti Goototni barattootni Oromoo Mana M/B Garba Gurraachaa sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa Warraaqsa Biyyoolessa Oromiyaa FXG marsaa 5ffaa daran jabeessuun Qormaatni kutaa 12ffaa Oromiyaa keessatti utuu guyyaa tokkoof Illee hin baratiin qoramuun miidhaa uummata Oromoof jecha kan yaadamee malee uummataa biyyattis fayyaduuf mitii dursa gaaffii mirga abbaa biyyummaa oromoof Deebiin kennamuu qaba jechuun Warraaqsaa finiinsuun yeroo amma kanatti Goototni Uummtni Oromoo gabra gurraachaa Barattoota isaaniif dirmachuun dhaadannoo Warraaqsaa FXG sagalee guddaan Salaalee keessa dhageessifama jira. sagalee dhaadannoo fi iyya guddaatu magaalaa Garba Gurraachaa sochoosaa jiruun walqabatee Mootummaan abbaa irree Waraana guddaa Godina Salaalee irra qubsiise jiru Uummata mirga isaaf falmachaa jiru irraatti dhukaasaagaasii Summaa’aa boombii ija keessa imimmaan nama naquu dhoosuun uummata gooluu irratti argama. yeroo amma kanaa warraaqsaa ummataa dhaadannoo guddaa fi sagaalee dhukaasaa guddaatu Godina salaalee garba Gurraachaa irraa dhagaa’ama jira, goototni barattootni Oromoo kutaa 12ffaa 4’ human waraana Agaaziin qabamuun ittumaa Uummata Oromoo Aanichaa warraaqsaaf akka dirmatan godhaa jiraachuu gabaasaan nu qaqqabe addeesee jira.

Godina Wallaggaa Aanaa Jaarsoo Magaalaa Jaarsoo fi Horroo Guduruu Magaala Ficahaa Keessatti FXG Itti Fufee Jira.

Aside

13268445_623001194518466_3826948236576784576_o 13305062_623000957851823_502377180015647278_o 13329348_623001121185140_2078953309438586240_oHar’a Caamsaa 30,2016 Godina Wallaggaa Aanaa Jaarsoo keessatti mormiin jabaa gootota Qeerroo fi ummata Oromoon ka’ee jira. Sababaa qormaata biyyoolessaa mootummaan Wayyaanee addaan kuteen wal qabatee yeroo ammaa kana mormiin deemaa jiraachu Qeerroon gabaase.

Kana malees har’a Caamsaa 30,2016 Oduu Ammee Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abbaay Coomman Magaalaa Fincaa’aa Keessatti Goototni barattootni Oromoo Mana M/B Finca’aa sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa Warraaqsa Biyyoolessa Oromiyaa FXG Marsaa 5ffaa daran jabeessuun Qormaatni kutaa 12ffaa utuu Guyyaa tokko Illee hin baratiin qoramuun miidhaa uummata Oromoof jecha kan yaadame jechuun Warraaqsaa finiinsuun yeroo amma kanatti sagalee dhaadannoo fi iyya guddaatu magaalaa fincaa’aa keessa dhaga’amaa jira. Waraanni mootummaa wayyaanee Magaalaa Finca’aa Irra qubatee jiru hidhannoo guutuun barattootaa fi uummata dura dhaabbatee jira.uummatni gamaa gamasiin barattoota ilmaan isaaf iyya guddaa kaasee dimannaa guddaa gochaa jira. Gabaasaa guutuun walitti deebina!!