Bitootessaa 3/2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti Mootummaan Wayyaanee uummatarratti waraana banee jira.ilmaan Oromoo lama Wareegaman.Hidhattootni milishoota ta’an namootni 60 uffataa isaanii of irraa baasuun ibiddaan gubuun sirnicha ganuun uummata cina hiriiruu uummataaf mirkaneessan. halkan edaa guutuu Aanaa Midaa Qanyii gandoota baadiyyaa hedduu keessatti sagaleen dhukaasaa jabaan dhagaa’ama bulee, Dhukaasaa Waraanni uummata irratti godheen hanga ammaatti ilmaan Oromoo lama Wareegamuun hedduun madaa’uun dhaga’ame jira. maqaa namoota wareegamanii adda baasuun isiniif dhaamuuf jirra. Namni tokko Ganda Guddaataa Gabaa Lagaa irratti wareegamee jira. Network Midaa Qanyii irraa balleeffamee jira, halli gara sana jiruu gutummaatti waan waraanni baname waan fakkaatuuf hedduu yaaddessa ta’ee jira,guutummaa gabaasa kanaa fi maqaa ilmaan Oromoo maddeeffamanii fi Wareegamanii qabannee isinitti deebina.
Monthly Archives: March 2016
Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaalee Adda Addaa Keessatti Ummnni Gamtaan Ka’ee Loltoota Wayyaanee Dura Dhaabbataa Jira,Wareegamnis Irra Gaheera.
Aside
Bitootessa 3,2016, Godina kibba lixa Shaggar Aanaa Iluu gaafa guyyaa 2/3/16 galgala dargaggoo magaalaa Asgorii irraa qabuuf erga deemanii uummanni yaa’ee waliin nu fixxu malee fuutanii hin deemtan jechuun gachisiisanii magaalaa irraa baasanii ari’atan,guyyaa kalee garuu humna agaazii guddaa nannaa sanatti baasuun namoonni 40 ta’an ukkamsamaniiru
Kana malees Aanaa Tolee keessatti wayyaaneen waan qabduuf gadi dhiiftuu dhabdee ammaa immoo guyyaa kudhaniif gandarraa nama shan poolisiin oromiyaafi agaaziin sababa adda addaan socho’uu waan danda’aniif bakka buutanii hojjettu jedhanii leenjisu irratti argamu hidhattoota gandaan Charuu Nadhaa kan jedhamu March 2,2016 galgala rasaasaan qe’ee dhuma isaati rukutanii ammaa du’aa fi jireenya gidduu hospital Tululuboolloo irraa Waliso ti dabarfame jira. Charun kan rukutame bakka dhaloota isaa Aanaa Bachoo ganda Awash Bunee jedhamu keessatti yoo ta’uu inni hojjata Mootummaa aanaa wanchii ti hojjata.
Godina Wallaggaa aanaa Bojii Coqorsaa mana barumsaa Giddaa Biqiritti Keessatti FXG Jabaa Ta’e Gaggeefamaa Oole.
Aside
Bitootessa 03,2016 Godina Wallaggaa aanaa Bojii Coqorsaa mana barumsaa Giddaa Biqiritti mormii mudateen barattootni heedduun rasaasaan rukutamanii barataan Isaayaas Gabayyoo jedhamu immoo akkuma hospitaala Najjoo gaheen lubbuun darbeera. Barattootni rukutaman muraasni 1. Eebbaa Caalaa 2. Fiqiruu Yaadataa 3. Badhaasaa Fiqaaduu jedhamu.
Yuunibarsiitii Jimmaa Raafama Guddaa Keessa Jirti
Aside
Bitootessa,3,2016
Gochi mootummaa shororkeessaa keessaattuu erga Uummata bal’a Oromootti Waraanaaf gocha diguuggaa sanyii raawwachuu eega Warraaqsi
uummata hudhee kan qabe yoo ta’u gabroonfattoota TPLF Itti xumura gochuuf sochiin Qeerroo rog-arfanirraa sodaaf raafama guddaa keessa galcheera
Haaluma kanaan diddaan Qeerroo Yuunibarsiitii Jimmaa Har’a haaromfamee eegale kun guutummaa moorichaa jechuun humna diinaa mooraa sana keessaa raafama guddaa keessa galcheera.dhukaasii gurguddaan hamma magaalaa Jimmaa socio I sitti barataatti dhukaafamaa
jira.gurmuun Qeerroowwanii sodaa tokko malee dhaadannoo jajjaboo dhageesisaa jiru
_Humni waraanaa Oromiyaatti ramadame nuuf haa had-dhiisu
_mootummaa xinnaaf guddaa keenya ajjeesu nii balaaleffanna
_Gochi duguuggaa sanyii nurratti lallabame haa dhaabbatu
_Nuti abbaa qabna abbaankeenya ABOn nu haa bulchu
jechuun dhaadannoo jajjaboof walleewwan warraaqsaa gurguddaan akka itti fufetti jira wallee warraaqsaa tuuta Qeerroo irraa dhaga’amaa jiru
#Sifan lola Oromo narra hin gorttu
Siifan lola Yaa WBO narra hin gortu
Naannawaa Finfinnee Aanaa Sullultaa Keessatti Abbootiin Qabeenyaa Oromoo Ta’an Loltoota Wayyaaneen Dararamaa Jiru.
Aside
Bitootessa 03,2016 ,Naannawa Finfinnee Aanaa sulultaa keessatti mootummaa faashistii Wayyaanee abbootii qabeenyaa dhuunfaa konkolaataa qaban mana hidhaatti guuruun dararaa garaagaraa irraan gahaa jira.
Akkuma beekamu guyyoottan lamaan darbe konkolaachisttoonni magaalaa finfinnee mormii isaanii hojii dhaabuun dhageessisaa turaniin walqabatee mootumamaan wayyaanee raafama keessa galuun namoota konkolaataa qaban mana hidhaatti guuraa jiru.
1ffaa ob. Birhaanuu Taklee
2ffaa ob. Takkaalegn Mangistuu
3ffaa ob.Birhaanuu Addunyaa
4ffaa ob Salamoon fayyisaa
5ffaa dar. Xilahuun Birhaanuu fi namoota bioo nam 12 dabalatee guyyaa harraa kana mana hidhaa Aanaa sulultaa magaala caancotti darbatamuun dararaan garaagaraa irratti raawwatamaa jira.
Hiriira Mormii Sirna Wayyaanee Irratti Qabeenya Mootummaa Badeef Ummanni Akka Deebisee Kafalu Jechuun Dabballooti Wayyaanee Duula Jalqaban.
Aside
Bitootessa 3,216 ,Wallaggaa Bahaa Aanaa Nuunnuu Qumbaa magaalaa Adareetii keessatti mootummaan Wayyaanee uummata keenya ajjeese seeratti dhiyaachuu dhabee, konkolaataa miliyoona kudha lamaatti herregamutu caccabe diinagden bades kanaa oli jechuun waan kanaaf ammo uummanni baadiyaa fi magaalaa mootummaaf bakka buusuu qaba jechuun horii guuraa akka jiru beekamee jira.
Kanaaf uummati keenya nutuu qabeenyaa keenya waggoota hedduuf saamameen kan hin himatin,lubbuu nama du’eef illee utuu hin gaddiin kaabinooti mi’a yoomuu caccabuun hin hafneef uummata keenya gidirsan guyyaa “bara birraan barii’e” jedhanii Hayyoonni akka darban booru gaafatama seenaa keessa akka nama buusu hubachiisuu feena
ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች: ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ: የሳም:ንቱ: ዜና:: (SQ )March 2, 2016
Aside
Aside
Godina Wallaggaa Aanaa Jaarsoo keessatti Motummaan namaa nyaata… Warrannaa isaa ummaataa nagaa irraattii bobasuun ilmaan Oromoo akka bineessatii reebama jiru.. Eda galgalaas ummataa reebuun meeshaa irraattii dhukkasaa bulanii jiru…yeroo darbees namoota manaa
isanii itti cabsuun reebichaa hammaa kaneen isaan irraattii fudhatan gabaasun keenya ni yaadatama! Ummannii yaaddoof sodaa guddaa keessa
jira
Aside
Ibsa Walgahii Gumii Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo
Gumiin Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo haala Dhaaba ABO fi waliigala Qabsoo Bilisummaa Oromoo yeroo ammaa irratti kan xiyyeeffate walgahii hatattamaa Gurraandhala 27, 2016 gaggeeffatee milkiidhaan xumuratee jira. Walgahii kana irrattis dhimmotni fardiin adda addaa dhihaatanii irratti mari’atamuudhaan tarkaanfiileen fudhatamuu qabanis qajeelfamanii jiru. Akka kanaanis: Haala Ummata Oromoo kan yeroo ammaa ilaalchisee Itti-fufa Qabsoo Diddaa Gabrummaa fi falmaa mirga Bilisummaa fi Abbaa-biyyummaa Saba Oromoo waggoota dheeraadhaaf gaggeeffamaa dhufee kan tahe falmaan hadhaawaa fi seena-qabeessi Ummatni keenya baatiilee afran dabraniif osoo addaan hin citin walitti fufiinsaan belbelchaa jiru (Fincilli Xumura Gabrummaa) akeekaa fi galiin isaa Bilisummaa Sabichaa mirkaneessuu dha. Ummatni Oromoo sochii kana kan gaggeessaa jiru harka qullaa karaa nagaa osoo mirga Ummata biraa tokko illee hin tuqin roorroo fi hacuuccaa mootummaa Itoophiyaatiin isa irra gahaa turee fi jiru mormuudhaan mirga ofii gaafachuudhaani. Mootummaan Itoophiyaa gaaffii haqaa fi sochii karaa nagayaa Ummatni keenya gochaa jiru akka weerara alagaatti ilaaluudhaan humna waraanaa maqaa Ittisa Biyyaatiin ijaarrate itti bobbaasuudhaan afaan qawweetiin dura dhaabbatee Ummata karaa nagaa mirga isaa gaafatu fixaa jira. Tarkaanfii faashistummaa Wayyaanee kanaan baatiilee afaran dabran keessatti qofa lubbuun ummata nagaa dhibbootaan lakkaawaman galaafatamee kanneen kumootaan lakkaawaman madaawuu fi kuma kudhanootaan kan lakkaawaman hidhaatti guuramanii jiru. Gochaan suukanneessaan kun ammas akkuma itti fufetti jira. Haa tahu malee Ummatni keenya ajjeecha fi hidhaa dabalatee miidhaa bifa kamiinuu Wayyaaneen irraan gahuuf osoo duubatti hin jedhin murannoo ol’aanaadhaan wareegama bifa hundaa baasee mirga isaa kabajsiifachuuf guutuu Oromiyaa keessatti tokkummaadhaan sochii isaa finiinsaa jira.Ibsa Gumii Sabaa ABO
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Gurraandhala 29,2016
Aside
