Bitootessa 3,216 ,Wallaggaa Bahaa Aanaa Nuunnuu Qumbaa magaalaa Adareetii keessatti mootummaan Wayyaanee uummata keenya ajjeese seeratti dhiyaachuu dhabee, konkolaataa miliyoona kudha lamaatti herregamutu caccabe diinagden bades kanaa oli jechuun waan kanaaf ammo uummanni baadiyaa fi magaalaa mootummaaf bakka buusuu qaba jechuun horii guuraa akka jiru beekamee jira.
Kanaaf uummati keenya nutuu qabeenyaa keenya waggoota hedduuf saamameen kan hin himatin,lubbuu nama du’eef illee utuu hin gaddiin kaabinooti mi’a yoomuu caccabuun hin hafneef uummata keenya gidirsan guyyaa “bara birraan barii’e” jedhanii Hayyoonni akka darban booru gaafatama seenaa keessa akka nama buusu hubachiisuu feena
Maal odeessituu? Waa’ee qabeenya badee bakka buusuu Wayaaneen toftaan odeessistu isinis harkaa futanii maxxansituu asirratti? Kun adeemsa FXG boodatti deebisuu fakkaata. Akkamitti qabeenya gabroomfataa isa hafe barbaddeessuu qabnaa dha malee isa badeef beenyaa kaffalaa jechuun ykn dhagayuuniyyu salphina.
Kanaaf, oduu maxxansitan filadhaa, please! Dabballee Wayyaanee/OPDO akkas godhu tarkaanfii irratti fudhachuu irra deebitanii waan OPDOn jettu akka oduutti maxxansitu. Kun odummaa isaarra miidhaa innii hamlee uummata irraan gahutu caala.