Bara 2016 Diddaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Uummata Oromoon Gaggeeffamu “Fincila Xumura Gabrummaa” (FXG) Tahuu Qeerroon Beeksise!

Aside

QerroooBeeksisa:- Waggoota dheeraaf abbootiin keenya Fincila Diddaa Gabrummaa(FDG) Gaggeessuun aarsaa ol-aanaa kafalanii darban,as dhihoottis waggoota 10n darban Qeerroon Bilisumma sochii warraaqsaa godheen faajjii abbootii isaa kaasuun Fincila Diddaa Gabrummaa(FDG) gaggeessaa turan. Haalli kun diddaa irraa gara XUMURA GABRUMMAATTI cehuun yeroon isaa kan yoomii irra kennataa waan ta’eef bara 2016 irraa kaasee fincilli gaggeefamu fincila xumura gabrummaa (FXG) akka ta’u Qeerroon Murteesseefatee jiraachuun beeksise.

Loltooti Wayyaanee Itiyophiyaa Mucaa Kutaa 9ffaa Baratu Luuccee Gammachuu Wallaggaa Magaalaa Innaangoo Keessatti Yerootti Rasaasaan Galaafatan.

Aside

Miidhaan Hammaatu Iyyuu Gootonni Barattooti Oromoo Qabsoo Itti Fufanii Jiru!

Aside

Diddaan Gabrummaa Oromiyaa Keessatti Itti Fufee Godinaa fi Anaalee Akkasumas Yuniversitiin Guyyaa Har’aa FDG Itti Jiru.

Aside

Mudde 28,2015 Gabaasa Qeerroo

FDG Shaggar Kibbaa lixaatti har’a Muddee 28,2015 aanaalee hundumaa uummata qonaan bulaa hanga baadiyaatti dabalatee finiinaa jira.
Uummanni Oromoo guutuun guututti gara ona Gincitti bahuun isaan booda gara Ambootti bahuuf imala eegalee jira. FDG oromiyaa guutuutti har’aa
fib or kan eegalu godinaalee kanneen akka shawaa lixaa,Shaggar kibba lixaa fi dhaabbilee barnootaa Yuuniversitii Haromayyaa, Amboo,Wallaggaa, Bulee Horaatti diddaa barumsa dhaabuun har’a kan eegale yoommuu tahu mootummaan wayyaanee ammas humna waraana barattoota gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa gaafatanitti bobbaasaa jiraachuun gabaafamee jira.
Har’a Muddee 28/2015 waraanni Wayyaanee barattoota doormii seenuun caccabsaa jiraachu fi barattoota irratti miidhaa gurguddaan gahaa jiru
Yuuniversitii Haromayyaa fi Ambootti itti fufeetu jira. Gabaasa Qeerroon ganama kana Yuuniversitii Haromayyaa irraa dhiyeessaa jiruun
barattootni waraana humna agaazii irratti haleellaa dhagaa fudhataniin waraanni wayyaanee mooraatti kan madoo tahes hedduu yoommuu tahu
barattootni miidhaman hedduunis dhiiga isaanii dhangalaasaa gara mana hidhaatti guuramaa akka jiran Qeerroon gabaaasee jira.
Magaala Wallisootti har’a ganama uummanni daandii cufee ergame. Mootummaan wayyaanee namoota isaa ramaduudhaan konkolaataa
doozeriidhaan daandii cufame kaasuun dhaga’amee jira.

Mudde 28,2015 FDG Yuuniversitii Wallaggaa Itti Fufe.

Aside

Mudde 28,2015 Naqamte

FDGn yeroo arfaffaaf itti fufuun Barattoonni Yuunibarsiitii Wallaggaa guyyaa har’aa  ganama irraa kaasanii fincila geggeessaniin Barattoonni hedduun humna waraanaan miidhamaniru

Yeroo ammaa kana Yuunibarsiitiin Wallaggaa hoomaa waraanaan kan goolamaa jirtu yeroo ta’u guyyaa har’aa kana hojjettoonni Yuunibarsiitii Wallaggaa hedduun barattoota isaanii wajjin miidhaan akka irra ga’es beekameera.

Guyyaa Har’aa Mudde 27,2015 FDG Yuuniverstii Madda Walaabuu Keessatti Ka’een Humni Waraana Agaazii Dabalataan Naannicha Weerare.

Aside

Madda wal Madda Walaabuu

Barattooti Yuuniversitii Amboo Kaampaasii Awwaaroo Barnoota Dhaabuun Qe’eetti Deebi’aa Jiru. Wallagga Dambi Doolloo Ammoo Humni Waraana Wayyaanee Dabalataa Qubate.

Aside

 

Mudde 27,2015 Gabaasa Qeerroo
Amboon barattootni Yuuniversitii fi damee kaampaasii Awwaaroos gara qe’eett godaanaa jiru. Barattootni yuuniversitii Amboo durattuu BBB( Barumsi Bilisummaa Booda) kan jedhu waraqaa yeroodhaa yerootti bittimsaa turaniiru. Inni kun barataan kamuu gara FDGtti hiriiruu akka qabu waamicha waliif taasisuudha. Waamichi kunimmoo guutuu oromiyaatti tokko galee tokko baratuun wareegama fida waanni godhamu tokkummaadhan tahuu qaba. Kanaaf barataan kamuu yeroo barumsaa miti yeroon kun yeroo itti ilmaan oromoo akkanatti ajjeefamaa, hidhaatti guuramaa, adamsamaa jiraatan yeroo ilmoo fi haati addaan baatee fi wal irratti du’aa jiran kanatti uummanni kamuu gara FDGtti hiriiruun amma waan tahef kanatu furmaata tahaadhaaf barattootni hedduun gara mooraa gadhiiisuu qofa osoo hin taane mooraama keessatti barumsa dhaabaa jiru.
Dambi Doolloon amma waraana guddaadha kan achi buufatee jiru. WBOnis naannicha jiraatuu diinni dhaga’ee raafamee jira. Uummataa fi waraana Wayyaanee gidduutti guyyaa guyyaadhaan lolatu gaggeeffamaa oola magaala Dambiitti. Baadiyaalee godinichaa keessaa diddaan ni jira ammallee waajjiraaleen wayyaanee garagaraa uummataan ggubataa jira. Daandiwwanis cufamaa jiru . Haalota kana irraa ka’uun Wayyaaneetti yeroon dhumatee jira. Yeroo kana kan uummanni oromoo jabaatee wayyaanee ofirraa xumuruudha. Egaa nin deebi’a bor irraa kaasee akka Oromiyaa guututti fincilli ni gaggeeffama baadiya fi magaalaa dabalatee.

Mudde 27,2015 Kibba Shaggar Lixaatti FDG Itti Fufee Jira.

Aside

Mudde 27,2015

Godina Shaggar Kibba lixaa Aanaa Tolee ganda Jiwwaaroo Kaarratti Muddee 26/2015 fi Mudde 27,2015 walgayii Wayyaaneen uummata waamteen walgayiin feshalaee fi diddan dhowesniis uummata irratti waraanni wayaanee dhukaasa baneen lubbuun nama tokkoo darbee jira. akka gabaasni nu gahet addessutti anaa Toleetti halkan keessaa gartuu hin beekamneen dhaabbanni leenjii qonnaa opdon ittiin uummata oromoo gowmsitu misooma misooma jechuun dhaabbanni kun ibiddaan gubatee hojiin ala tahuun yoo gabaafamu haaluma kanaan humni darbatamaan wayyaanee halkan kana ona Tolee keessa buufate bule. Bariuunis FDG itti fufuun magaala Wallisootti dhimma kana tasgabbeessuuf mootummaan wayyaanee abbaa ergamtoota isaa OPDO dhaan uummanni akka tasgabbaauuf walgayii uummata waamsiste. Ummannis Diddaaf gara walgayii wayyaanee kan deeme yoo tahu haala uummata sodaachuu irraan waraanni wayyaanee uummata irratti dhukaasa bane jira. lubbuun dargaggoo tokkoos yoo badu kaanis madeeeffamanii kan jiran tahuu Qeerroon gabaasee jira. Hara muddee 27 daandiwwan godina shawaa kibba lixaa keessi cuccufamaa tahuu Qeerroon gabaasee jira.

SBO Mudde 26,2015. Oduu, Haala Yeroo Irratti Ibsa ABO fi Qophiilee yeroo

Aside

“Wal-Gargaaraa” Wallee Warraaqsaa Haaraa Sabboontota Artisitoota Hinookii fi Naasifaaye /Muddee 2015

Aside