SBO Mudde 30,2015. Oduu fi Dhaamsa Bara Haaraa HD.ABO fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Partial list of Oromos mainly students that have been killed by Ethiopian regime police, security agents, Special and armed force during peaceful demonstration of last three weeks (updated stand. 26 Dece. 2015)

Aside

Click Here- Partial List of Oromoos Mainly Students Killed by Ethiopian regime police

Barattooti Oromoo Wallagga Magaalaa Naqamtee Mana Barnoota Qopha’inaa FXG Itti Fufan.

Aside

Mudde 29,2015 Guyyaa har’aa sa’a ja’a irraa eegaluun barattoonni Qophaa’inaa Naqamtee dhumaatii fi daguuggaa ilmaan Oromoo irra gahu balaaleffatan.Barattooti kun mootummaa garboomfataa ilmaan Tigiraay humna waraanaa Oromiyaa keessaa baasuu qaba afaan qawwee jalatti akka barannus dhabneerra jechuun mormii isaanii karaa nagaa wayita adeemsisaa jiranitti,homaan waraanaa barattoota bittinseera Uummati Magaalaa Naqamtee barattoota cinaa dhaabbachuun mootummaa Wayyaanee balaaleffataa jiru.

Ibsa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Bilisummaa fi Dimokiraasii (Qeerroo Bilisummaa) Irraa Kenname

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

 

 

 

 

 

 

Haala Yeroo Warraaqsaa Biyyoolessaa FDG Gaggeessa Jirru Ilaalchisuun Ibsa Gabaaba Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Gamtaa Barattoota Oromoo Irra Uummata Oromoo Hundaaf  Kenname!!

Muddee 28,2015

Finfinnee Oromiyaa

Nuti dhaloonni haaraan fi qaroon Hawwaasaa keenyaa addunyaa qaroomtetti dhiyoo jirru jarraa 21ffaa keessa gabrummaaf jilbeeffannee hin jiraannu, Uummata keenya adeemsa qe’eerraa buqqisuu teenyee hin ilaallu, Biyyaa keenya biyya mirgi ilma namaa fi mirgi dimookiraasii keessatti dhiitamaa jiru tole jennee hin fudhannu . Sagantaa fi karooraa duguuginsa sanyii (Genocide) Maqaa Master Pilaanii Finfinnee fi labsii Magaalota Oromiyaa jedhuun as ba’ee mormuu fi gaaffii kabajamuu mirga abbaa biyyummaa, mirga dimookiraasii fi mirgi namummaa nuuf haa kabajamu jennee karaa nagaa dhiyeeffannee mormii waan jabeesinee fi dhimmichi dhugaa qabatamaa dhimma uummata Oromoo ta’uu uummatni Oromoo akka guutummaa Oromiyaatti gamtaan dhaabbatne falmachaa kan jirruuf Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF/deebii armaan gadii kana nuuf deebisaa jiraachuun seeraa fi heera ofiin tume illee cabsuun yakka dugugginsa sanyii uummata Oromoo irratti rawwate jira.

  1. Uummata karaa nagaa fi Dimookiraasii gaaffii mirgaa dhiyeeffachuun sagalee mormii dhageesisaa jiru irratti poolisii federaalaa,waraana agaazii, fi humna raayyaa ittisa biyyaa jedhamu bobbaasuun oromiyaa godinaalee cufa keessatti yakka ajjeechaa genocide’n wal madaalu fudhachuun hanga ammaa ilmaan Oromoo kan maqaan adda bahee beekamu 125 ol ta’an warreeguun,kumootaan kanneen lakka’aman madeessuun, kumoota dhibbootan kenneen lakka’aman immoo ukkamsee hidhuun mootummaa fashistii ta’uu isaan addunyaa biyyaa lafaa fi biyyoota dhiha warra mirga namaa fi dimokiraasii leellisan fulduratti ilaalcha keessa galee jira.
  2. Uummaata Oromoo karaa nagaa mirga isaa fi karooraa fi sagantaa master pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaalota Oromiyaa hin fudhannu jedhee falmachaa jiru uummata Sivilii irratti waraana labsee uummata Oromoo irratti tarkaanfiin waraanaa fudhatamee namootni hedduun du’anii, hedduun madaa’uun hedduun immoo ukkanfamanii lafa buuteen isaanii kan dhabame ta’uun ifadha. Ibsa Qeerroo Bilisummaa Muddee 28 2015