ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች: ለነፃነት: ንቅናቄ: ድምፅ: የሳምንቱ: ዜና::/ SQ December 28, 2015

Aside

Godina Horoo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruu Magaalaa Kombolchaatti Keessatti Warraaqsi Xumura Gabrummaa Jabaatee Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Mudde 28,2015 Godina  Horoo Guduruu wallaggaa Aanaa Guduruu Magaalaa Kombolchaatti Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo fi uummataa Oromoon  Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa Fincilli Xummura Gabrummaa (FXG)’n utuu Wal irraa hin citiin itti fufinsaan gaggeeffamaa jiru daran jabaachuun itti fufe.

  Guyyaa har’a goototni Barattootni Oromoo Aanaa Hidhabuu Abootee M/B  Kombolchaa Sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi Qopha’inaa fi Uummatni Oromoo jiraattootni Magaalaa Kombolchaa waliin Ta’uun Gaaffii mirgaa waan karaa Nagaa gaafatneef Yakki waraanaa nurratti labsamee kaafamuu qaba, awarranni Uummata siivilii mirga Isaac falmatu irra qubsiifamee yakka waraanaa dalagaa jiru seeraatti dhiyaachuu qaba; Dullii hidhaa Oromiyaa keessatti Uummata Oromoo irratti banamee atattamaan kaafamee hidhamtootni ilmaan Oromoo hidhaman Oromiyaa bakka hundaa iyyuu hiikamuu qabu, Waraanaan waan Doorsifamnee fi ajjeefamaa fi hidhamaa jirruuf mirga keenyaaf falmachuu irraa duubatti hin deebinuu itti fufinsaan hanga gaaffiin mirga abbaa biyyummaa kabajamutti ni falmanna;  Mootummaa goolessituun Wayyaanee atattamaan Aangoo gadi Lakkisuu qaba. Ergaa Mootummaan karoorri Master pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa fedhii ummataa aladha; waan ta’eef balleessa keenyaadha  ni fudhanna jedhee dubbate  Sababii karoora dogooggoraa fi saamichaa Oromoo irraatti aggamameen  kanaan ilmaan Oromoo akeekaa dogoggoraa fi saamichaa kana mormuun didan irraan balaan ulfaataan  madaa’anii  qaamaa hir’achuu fi Loltuu wayyaaneetiin warreegamaniif Itti gaafatamaan Mootummaa dha. Malee uummatni Maal Balleesseetu Jumlaan hidhamaa? Maal balleessetuu Ajjeefamaa?? Mootummaa yeroo Jalqabaaf Uummata isaa bulchaa jiru irratti waraana Labsee Mootummaa EPRDF qofaa ta’uu Addunyaa irratti kallatti heddujn ibsamaa waan jirruuf mootummaan yakkamaan kun nu hin bulchu. Gaaffii keenyaaf deebiin nuuf haakennamuu qaba jechuun  Guyyaa har’aa Warraaqsii Xummuraa sirna Garboomsaa  (FXG) gochuutti seenaan. Mootummaan Abba irree Wayyaanee Uummata karaa Nagaa gaaffii mirgaa gaafachaa jiruu irratti  loltuu isaa bobbaasuun Uummata goolaa jiraachuun ibsame.

Guyyaa Har’aa Mudde 28,2015 Dhaabbiilee Barnoota Olaanoo Yuniverstiilee Keessatti Ficilli Xumura Gabrummaa Itti Fufee Jira.

Aside

Mudde 28,2015 Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Yuunibarsitota kanneen akka Amboo, Wallaggaa Harammayyaa fi Maddaa walaabuutti Goototni Qeerroon Barattoota Oromoo Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa  Fincilli Xummura Gabrummaa (FXG)’n utuu Wal irraa hin kutiin  itti fufinsaan gaggeeffamaa Jiru daran jabeessuun  itti fufan.

Waraanni Agaazii fi raayyaan ittisa biyyaa Mooraa yuunibarsiitii Amboo keessatti barattoota Oromoo irratti yakkaa suukkaneessaa fudhachaa waan jiruuf Barattootni oromoo Mooraa yuunibarsiitii Amboo gadi Lakkisuun gara maatii isaanitti socho’aa jiru, Mooraa yuunibarsiitiilee Oromiyaa kanneen akka Yuunibarsiitii wallaggaa, maddaa walaabuu fi Harammayyaa keessatti diddaan barattoota Oromoo jabaachuun itti fufee jira. Mooraa yuunibarsiitii Jimmattis yakki ulfaataan barattoota irratti fudhatamaa jira. Guyyaa har’aa kana mooraalee yuunibarsiitoota Oromiyaa kanneen akka Amboo,Wallaqqaa, Harammayyaa fi Madda Walaabuu keessatti sochiin daran jabaachuun itti fufuun Walqabatee goototni barattootni Oromoo waliin ta’uun gaaffii mirgaa waan karaa Nagaa gaafatneef Yakki waraanaa nurratti labsamee kaafamuu qaba, warranni Uummata siivilii mirga Isaaf falmatu irra qubsiifamee yakka waraanaa dalagaa jiru seeraatti dhiyaachuu qaba; Dullii hidhaa Oromiyaa keessatti Uummata Oromoo irratti banamee atattamaan kaafamee hidhamtootni ilmaan Oromoo hidhaman Oromiyaa bakka hundaa iyyuu hiikamuu qabu, Waraanaan waan Doorsifamnee fi ajjeefamaa fi hidhamaa jirruuf mirga keenyaaf falmachuu irraa duubatti hin deebinuu itti fufinsaan hanga gaaffiin mirga abbaa biyyummaa kabajamutti ni falmanna;  Mootummaa goolessituun Wayyaanee atattamaan Aangoo gadi Lakkisuu qaba. Ergaa Mootummaan karoorri Master pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa fedhii ummataa aladha; waan ta’eef balleessa keenyaadha  ni fudhanna jedhee dubbate  Sababii karoora dogooggoraa fi saamichaa Oromoo irraatti aggamameen  kanaan ilmaan Oromoo akeekaa dogoggoraa fi saamichaa kana mormuun didan irraan balaan ulfaataan  madaa’anii  qaamaa hir’achuu fi Loltuu wayyaaneetiin warreegamaniif Itti gaafatamaan Mootummaa dha. Malee uummatni Maal Balleesseetu Jumlaan hidhamaa? Maal balleessetuu Ajjeefamaa?? Mootummaa yeroo Jalqabaaf Uummata isaa bulchaa jiru irratti waraana Labsee Mootummaa EPRDF qofaa ta’uu Addunyaa irratti kallatti heddujn ibsamaa waan jirruuf mootummaan yakkamaan kun nu hin bulchu. Gaaffii keenyaaf deebiin nuuf haakennamuu qaba jechuun  Guyyaa har’aa Warraaqsii Xummuraa sirna Garboomsaa  (FXG) gochuutti seenaan. Mootummaan Abba irree Wayyaanee Uummata karaa Nagaa gaaffii mirgaa gaafachaa jiruu irratti  loltuu isaa bobbaasuun Uummata goolaa jiraachuun ibsame.

Fincilli Xummura Gabrumaa (FXG) utuu wal irraa hin citiin daran jabaachuun itti fufe!!‏

Aside

Mudde 28,2015 Godina Kaaba SHaggar(Godina Salaaleetti) Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa Fincilli Xummura Gabrummaa (FXG)’n Utuu Wal
irraa hin citiin itti fufinsaan gaggeeffamaa Jiru daran jabaachuun itti fufe.
Guyyaa har’a goototni Barattootni Oromoo Aanaa Hidhabuu Abootee M/B General Taddasaa Birruu Sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi Qopha’inaa fi
Uummatni Oromoo jiraattootni Magaalaa Ejeree waliin Ta’uun Gaaffii mirgaa waan karaa Nagaa gaafatneef Yakki waraanaa nurratti labsamee
kaafamuu qaba, awarranni Uummata siivilii mirga Isaac falmatu irra qubsiifamee takka waraanaa dalagaa jiru seeraatti dhiyaachuu qaba;
Dullii hidhaa Oromiyaa keessatti Uummata Oromoo irratti banamee atattamaan kaafamee Hidhamtootni ilmaan Oromoo hidhaman hiikamuu qabu,
Mootummaa Goolessituun Wayyaanee atattamaan Aangoo gadi Lakkisuu qaba. Ergaa Mootummaa karoorri Master pilaanii Finfinnee fi Labsiin
Magaaloota Oromiyaa fedhii ummataa aladha waan ta’eef ni fudhanna jedheen; Sababiin kanaan ilmaan Oromoo madaa’anii fi Loltuu  Wayyaaneetiin warreegamaniif Itti gaafatamaan Mootummaa dha. malee uummatni Maal Balleesseetu Jumlaan hidhamaa? Maal balleessetuu
Ajjeefamaa?? Mootummaa yeroo Jalqabaaf Uummata isaa bulchaa jiru irratti waraana Labsee Mootummaa EPRDF qofaa ta’uu Addunyaa irratti
kallatti heddujn ibsamaa waan jirruuf mootummaan yakkamaan kun nu hin bulchu. Gaaffii keenyaaf deebiin nuuf haakennamuu. jechuun Guyyaa
har’aa Warraaqsii Xummuraa sirna Garboomsaa (FXG) gochuutti seenaan.
Mootummaan Abbas Dirree Wayyaanee Uummata karaa Nagaa gaaffii mirgaa gaafachaa jiruu irratti loltuu isaa bobbaasuun Uummata goolaa
jiraachuun ibsame. Injifannoo Uummata Oromoo!!

Bara 2016 Diddaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Uummata Oromoon Gaggeeffamu “Fincila Xumura Gabrummaa” (FXG) Tahuu Qeerroon Beeksise!

Aside

QerroooBeeksisa:- Waggoota dheeraaf abbootiin keenya Fincila Diddaa Gabrummaa(FDG) Gaggeessuun aarsaa ol-aanaa kafalanii darban,as dhihoottis waggoota 10n darban Qeerroon Bilisumma sochii warraaqsaa godheen faajjii abbootii isaa kaasuun Fincila Diddaa Gabrummaa(FDG) gaggeessaa turan. Haalli kun diddaa irraa gara XUMURA GABRUMMAATTI cehuun yeroon isaa kan yoomii irra kennataa waan ta’eef bara 2016 irraa kaasee fincilli gaggeefamu fincila xumura gabrummaa (FXG) akka ta’u Qeerroon Murteesseefatee jiraachuun beeksise.

Loltooti Wayyaanee Itiyophiyaa Mucaa Kutaa 9ffaa Baratu Luuccee Gammachuu Wallaggaa Magaalaa Innaangoo Keessatti Yerootti Rasaasaan Galaafatan.

Aside

Miidhaan Hammaatu Iyyuu Gootonni Barattooti Oromoo Qabsoo Itti Fufanii Jiru!

Aside

Diddaan Gabrummaa Oromiyaa Keessatti Itti Fufee Godinaa fi Anaalee Akkasumas Yuniversitiin Guyyaa Har’aa FDG Itti Jiru.

Aside

Mudde 28,2015 Gabaasa Qeerroo

FDG Shaggar Kibbaa lixaatti har’a Muddee 28,2015 aanaalee hundumaa uummata qonaan bulaa hanga baadiyaatti dabalatee finiinaa jira.
Uummanni Oromoo guutuun guututti gara ona Gincitti bahuun isaan booda gara Ambootti bahuuf imala eegalee jira. FDG oromiyaa guutuutti har’aa
fib or kan eegalu godinaalee kanneen akka shawaa lixaa,Shaggar kibba lixaa fi dhaabbilee barnootaa Yuuniversitii Haromayyaa, Amboo,Wallaggaa, Bulee Horaatti diddaa barumsa dhaabuun har’a kan eegale yoommuu tahu mootummaan wayyaanee ammas humna waraana barattoota gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa gaafatanitti bobbaasaa jiraachuun gabaafamee jira.
Har’a Muddee 28/2015 waraanni Wayyaanee barattoota doormii seenuun caccabsaa jiraachu fi barattoota irratti miidhaa gurguddaan gahaa jiru
Yuuniversitii Haromayyaa fi Ambootti itti fufeetu jira. Gabaasa Qeerroon ganama kana Yuuniversitii Haromayyaa irraa dhiyeessaa jiruun
barattootni waraana humna agaazii irratti haleellaa dhagaa fudhataniin waraanni wayyaanee mooraatti kan madoo tahes hedduu yoommuu tahu
barattootni miidhaman hedduunis dhiiga isaanii dhangalaasaa gara mana hidhaatti guuramaa akka jiran Qeerroon gabaaasee jira.
Magaala Wallisootti har’a ganama uummanni daandii cufee ergame. Mootummaan wayyaanee namoota isaa ramaduudhaan konkolaataa
doozeriidhaan daandii cufame kaasuun dhaga’amee jira.

Mudde 28,2015 FDG Yuuniversitii Wallaggaa Itti Fufe.

Aside

Mudde 28,2015 Naqamte

FDGn yeroo arfaffaaf itti fufuun Barattoonni Yuunibarsiitii Wallaggaa guyyaa har’aa  ganama irraa kaasanii fincila geggeessaniin Barattoonni hedduun humna waraanaan miidhamaniru

Yeroo ammaa kana Yuunibarsiitiin Wallaggaa hoomaa waraanaan kan goolamaa jirtu yeroo ta’u guyyaa har’aa kana hojjettoonni Yuunibarsiitii Wallaggaa hedduun barattoota isaanii wajjin miidhaan akka irra ga’es beekameera.