Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Mudde 24,2015

Aside

OMN: Oduu Amma Nu Gahe2 Muddee 24 , 2015

Aside

Aside

Muddee 23/2015 Waarraaqsii BiyyoolessaaOromiyaa FDG gootota Qeerroo Barattoota Oromoo Jimmaan qabsiifameen Waraannii Wayyaanee torbee Lama Guutuu erga moorraa YuunibarsiitiiJimmaa Main Cumpaasii fi MooraaSaayinsii Fi Teeknoolojii keessa qubsiifame barattoota Oromoo reebuu fi hiraasuun daran jabeessuun itti fufuun Barattoota Shaamarraanii dhagaa Cirrachaa irra jilbibiin fiqoqsuun yakkaa suukkaneessaa irratti fudhachaa jira. Barattoota Oromoo 55nis ukkaamsuu mana hidhaa Magaalaa Jimmaa keessatti ukkaamsee jiraachuu madden keenya gaabasaan.

Warraaqsii FDG Kaaba shaggar Godina Salaaleetti Jabaachuun itti Fufe!

Aside

Mudde23/2015 Uummatni Oromoo Godina Kaabaa Shaaggar Aanaa Abootee fi Dagaam daandii konkolaataa bakkoota hedduutti cufuun poolisiin federaalaa fi waraanni Agaazii akka uummata baadiyyaa keessa fiiguun uummata hin hiraarsinee dhorkan .haalli sochii uummataa kun daran itti hammachaa waan dhufeef ammas mootummaan wayyaanee human dabalataa Fiichee irraa gara Abootee fi Dagamitti dabalaa jiraachuu madden ibsan.

Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaa Magaalaa Baabbichaa fi Naannoo Keessaa Oromoonni 120tti Lakkaawaman Hidhamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Mudde 23/2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaa Magaalaa Baabbichaa Naannoo Magaalaa baabbichaa qofaa ilmaan Oromoon again namootni 120tti lakkaaman human waraanaan dirqisiifamuun konkolaataa Feisaa ISUSU lamaan ukkaanfaman. Murtiin uummatni OromooYerooammaa kana bakka hundattuu mootummaa abbaa irree waraana nurratti labse jalatti hin bullu, mootummaan dhukaasee nu ajjeesuu fi waraana nurratti labsee yoomiyyuu mootummaa keenyaa nuuftauu hin dandau jechuun uummatni oromoo mootummaa diina nu godhatee jiru kanatti kan faltii gibiraas taee buusiiwwaan adda addaa hin kan falluu, walgaii kamuu ergamtootni mootummaa kanaa gaggeessan hin fudhannu , hiriirree mirga keenyaa fi dhugaa keenyaaf falmannee dhumaa jirruu hiriirree hidhamuuf iyyuu qophiidha.

Humnaan hin bitamnu jechuun uummatni murtiiisaa jabeessuun Wayyaanee dura dhaabbachaa jiraachuu erga ibsatanii booda. Mootummaan wayyaanee erga karaa jaarsummaa jechuun egaleen dubbiin fashalaaee booda tarkaanfii jumlaan ukkaamsee hidhuu fudhachuutti seenee jira.Mootummaan abbaa irree uummata Oromoo irratti waraana erga labsee, dhukaasee ajjeesuu cinatti duula hidhaa jumlaa gaggeessa jiraachuu ibsatejira.