Land Grabs in Ethiopia

Aside

Sirna Awwaalcha Goota Oromoo Seifu Tura Magaalaa Gincii Keessatti Raawwate. Qabsaawaan ni Kufa Qabsoon Itti Fufa!

Aside

 

Muddee 23,2015 Warraaqsi Bilisummaa Jabaachuun Itti Fufee Jira.

Aside

Mudde 23,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaawwaan Jalduu, Gindabarat, Meettaa Roobii, Adaa’aa Bargaa, Magaala Baabbicha fi uummata Gandoota baadiyyaa baabbichaa,, Geedoo, fi uummata Baadiyya, Aanaa Midaa Qanyii, amboo fi uummata Baadiyyaa Waddeessaa,  Xuuqur Incinnii, Tokkee Kuttaayee, Iluu Galanii fi Baakkoo Tibbee fi Uummatni Gandoota Baadiyyaa sadarkaa Maayibaasii fi gandoota walitti Aanaaniin Walitti dhufuun Mootumma nu ajjeesaa jiruu fi warana nurratti labse waliin hin jiraannuu, ilmaan keenya ajjeesuu irra darbuun waraana kallattiin waan nurratti labsaniif mottummaan kun mootumma keeny akka hin taane mirkneeffannee jirra jechuun hanga bilisummaa keenya gonfannuu fi mirga namumma fi Dimookiraasiin qabnu nuuf kabajamutti Jaarsolii biyya fi Abbootii Gandaa naannoon wl bulchna malee mootummaa nu ajjeesuu fi nu hidhu jalatti hn bullu jechuun murteeffatan.
Yeroo kanatti Maqaa master Pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaaloota oromiyaa mootummaan balleessa keenyaa jedhanii fudhachaa waan jiranif Mormii sababaa kanaan ka’een Lubbuu badee fi qaama hir’ateef kan itti gaafatamuu qabuu fi seeraatti dhiyaachuu qabu Mootummaa dha malee Nu hidhuu fi nu doorsisuun, Nu ajjeesuun nurraa dhaabbachuu qaba, warri karoora kana baasee ittin nu fixaa jiru seeratti dhiyaachuun itti gaafatmuu qabu jechuun uummatni Yaadaasaa kaasee warraaqsii itti fufee jira.

Kanan Boodaa hariiroon mootummaa gabrooonfaata waliin qabnu hin jiru, walga’ii kamuu kara ergamtootaa fi jaarsolii ergamtuu isaniitiin dhufuu hin fudhannu, Kanfaltii gibra hin kanfallu, diddaan keenyaa hanga mirga abbaa biyyummaa keenyaa eegsifannutti jechuun murtii jabaa fi sirna fudhatan

Sabboontoti Oromoo Engineer Cimsaa Abdiisaa fi Engineer Addaamuu Rattaa Humnoota Tikaa Wayyaaneen Ukkaamfamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Because I am OromoMudde 22,2015 MootummaanWayyaanee EPRDF’n Ilmaan Oromoo adamsee ukkamsee Mana hidhaatti darbachuun beekamu gidduu  kana Magaalaa Burraayyuu irratti Engineerota Oromoo Lama utuu lafa hojiii saanii adeemaa jiran ukkaamsuun hanga guyyaa har’aatti eessa buuteen isaanii kan hin beekamne ta’uun ibsame.Engineerootni Sabboontootni ilmaan Oromoo Oromummaan yakkamuun ukkanfaman kunis:

1.EngineerCimsaaAbdiisaa , yuunibarsiitii Jimmaa irraa kan eebbifame yeroo  Yuniversitii Jimma turettis Oromummaa isaatiin yakkama ta’ee humnoota tikaa Wayyaaneetiin doorsifama kan ture.

2. Engineer  Addaamuu Rattaa kan Engeer Cimsaa waliin hojii construction  hojjechaa utuu jiranii Hojjettoota isaaniif Mindaa Magaalaa Finfinnee keessa qarshii 120,000 baasanii kanfaluuf utuu adeemanii humnoota tikaa fi Agaaziin ukkanfamuun essaa buuteen isaanii kan hin beekamne ta’uun ibsame jira. Mootummaan wayyaanee dhaloota qaroo ukkamsuun umrii bittaa wayyaanee kan gabaabsu malee kan dheeressuu akka hin taane ni hubachiifna. Har’as wayyaaneen kaleessa dhaloota qaroo hedduu ajjeessuun, hedduu hidhuu fi hedduu biyyaa arii’achuun kunoo uummata Oromoo akka galaanaa irraa garagalchee malee Oromoo mirga isaa falmachuu irraa duubatti hin deebifne, kanaafuu uummatni Oromoo bakka jirtan hundaa tokkummaan harka walqabachuun iyyaa iyyaa dabarsaa, ilmaan Oromoo haalduree tokko malee gadhiifamuu qabu.