Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Mudde 22, 2015

Aside

DHAAMSA JABAA:- Mee Maal Jette Haarmee?

Aside

Adeola asks why TPLF is once again killing ‪#‎OromoProteters‬

Aside

Oduu Injifatnoo:- Qellem, Anfilloo Gandi Garjeedaa Toohannoo Uummataa Jala Jirti. Poolisoonni Wayyaanee Reebamanii Gandicha Gadhiisan, Hidhamtootni Mana Hidhaatii Uummataan Gadhiifaman!‏

Aside

Godina Wallagga Qellem, Aanaa Anfilloo ganda Garjeedaa jedhamutti Muddee 21/2015 FDG uummataan dhoween uummanni poolisootaa fi kaabinoota wayyaanee irratti tarkaanfii fudhateen ganda Garjeedaa keessaa arga ari’een booda hidhamtoota tokko osoo hin hambifnee mana
hidhaa keessaa yaasee jira.
Akka gabaasni Qeerrroo nugahe ibsutti uummanni sirna wayyaanee of keessaa baasuu qabna jechun tokkummaadhaan barattoota waliin
poolisoota wayyaanee irratti tarkaanfii fudhate. Poolisoonnis sodaa uummataan dhukaasa banuun lubbuu isaaniin uummata jalaa baqatanii
bahan, uummanni hidhamtoota mana hidhaa keessa jiran erga yaaseen booda bulchiinsa mataa ofiin of bulchaa jira. Yeroo ammaa Garjeedi
bakki gabaa kamisaa fi sanbataa jedhamee waamamu toohannoo uummataa jalatti argamti. Manni hidhaa banamee hafe. Alaabaan biyya Itoophiyaa bakka bu’u gadi bu’ee jira. Yeroo kana fakkaattii fi ergamtuun Wayyaanee magaala Garjeedaa keessatti hin argamtu.

FDG Wallagga Aanaa Waamaa Hagaloo Keessatti Ka’een Wal Qabatee Dargaggoonni 11 Waraana Agaaziin Qabamanii Bakka Bu’an Hin Beekamu Jedha Gabaasi Qeerroo.

Aside

Mudde 22,2015 Waamaa Hagaloo,

Because I am OromoHiriira diddaa garbrummaa mootummaa Wayyaanee irratti gaggeefameen wal qabatee Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Waamaa Hagaloo magaalota Moxeefi Qassoo jedhamanitti barnooti erga dhaabbatee bubbuleera

Haala Kanaan uummanni nagaa waraana Agaazii Wayyaaneen qabamanii bakka buuteen isaanii hin beekamne, uummanni naannoos namoonni hidhaman hanga deebi’anitti qabsoo keenya itti fufna isa jedhuun diddaa isaanii dhageessisaa jiru.

Mudde 21,2015 Oromoonni nagaa qabamanii bakka buuteen hin beekamne keessaa

  1. Konkolaachisaan Taarikuu Mokonnoon jedhamu rasaasaan rukutamee qabame.
  2. Waardiyyaan Baankii daldalaa kan ta’e Dirribsaa Waaqumaa
  3. Barataa Geetuu Baqqalaa
  4. Zalaalam Amaaree
  5. Misgaanuu Addunyaa 
  6. Misgaanuu Alamaayyoo
  7. Nagaasaa Beekumaa
  8. Caalaa Bantii
  9. Mo’iiboon Tasfaa
  10. Eebbaa Surraa
  11. Dassaalenyi Waggaarii
    Kanneen jedhaman humna tikaa wayyaaneetiin Ukkaamfamanii konkolaataa Ambulaansii aanichaan kan fuudhamanii dhabamsiisaman yeroo ta’u,

Tikoonni Wayyaanee Daggafaa Tamasgeen fi Bultii Fiqaaduu jedhaman dararaa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa warra jiran keessaa gahee guddaa kanneen qaban dha.

Humni Addaa WBO Godina Kibba Bahaa Kaabinootaa Fi Basaasota Wayyaanee Adabe.

Aside

(Oromedia, 22 Mudde 2015) Humni Addaa WBO Godina Baalee Mudde 18,2015 basaasotaa fi kaabinoota Onaa afur adabe.

Dabballota harka mirgaa wayyaanee ta’an Abdurrahamaan H/Kaliil, Nugusee Girmaa, Damisee Tulluu fi Shimallis Tafarii jedhaman ergama wayyaanee fudhatanii FDG barattootnii fi ummatni finiinsaa jiran qabbaneessuuf, Gooroo irraa gara magaalaa Soof Umar deemaa turan bakka Gaara Didibbisaa jedhamutti tarkaanfii irratti fudhateen akka ajjeese Ajaji WBO Godina Kibba-Bahaa beeksisee jira.

Tarkaanfiin kun kan fudhatames ganama keessaa sa’aa 10:00 irratti akka ta’e gabaafameera.

Gootichi Humna Addaa WBO Godina Kibba Bahaa Mudde 13 fi 16,2015 loltoota wayyaanee Warraaqsa Ummata Oromoo belbelaa jiru dhaamsuuf daangaa Somaalee irraa gara Giddu Galeessa Oromiyaatti socho’aa turan irratti tarkaanfilee gara garaa fudhateen 91 ol hojiin ala gochuu isaa gabaasamuun kana yaadatamu.

Stand Up Qeerroo!! Wallee Haaraa Artist Bashannanaa Haayiluu/Mudde 22,2015

Aside

https://youtu.be/87M0zp7h4yI

SBO MUDDE 23,2015. ODUU fi Haala Yeroo Irratti Qophiilee Qopha’anii fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 21 December 2015

Aside

I Stand With #OromoProtests

Aside