Mudde 22,2015 Waamaa Hagaloo,
Hiriira diddaa garbrummaa mootummaa Wayyaanee irratti gaggeefameen wal qabatee Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Waamaa Hagaloo magaalota Moxeefi Qassoo jedhamanitti barnooti erga dhaabbatee bubbuleera
Haala Kanaan uummanni nagaa waraana Agaazii Wayyaaneen qabamanii bakka buuteen isaanii hin beekamne, uummanni naannoos namoonni hidhaman hanga deebi’anitti qabsoo keenya itti fufna isa jedhuun diddaa isaanii dhageessisaa jiru.
Mudde 21,2015 Oromoonni nagaa qabamanii bakka buuteen hin beekamne keessaa
- Konkolaachisaan Taarikuu Mokonnoon jedhamu rasaasaan rukutamee qabame.
- Waardiyyaan Baankii daldalaa kan ta’e Dirribsaa Waaqumaa
- Barataa Geetuu Baqqalaa
- Zalaalam Amaaree
- Misgaanuu Addunyaa
- Misgaanuu Alamaayyoo
- Nagaasaa Beekumaa
- Caalaa Bantii
- Mo’iiboon Tasfaa
- Eebbaa Surraa
- Dassaalenyi Waggaarii
Kanneen jedhaman humna tikaa wayyaaneetiin Ukkaamfamanii konkolaataa Ambulaansii aanichaan kan fuudhamanii dhabamsiisaman yeroo ta’u,
Tikoonni Wayyaanee Daggafaa Tamasgeen fi Bultii Fiqaaduu jedhaman dararaa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa warra jiran keessaa gahee guddaa kanneen qaban dha.
Pingback: FDG Wallagga Aanaa Waamaa Hagaloo Keessatti Ka’een Wal Qabatee Dargaggoonni 11 Waraana Agaaziin Qabamanii Bakka Bu’an Hin Beekamu Jedha Gabaasi Qeerroo. | Oproud
Reblogged this on f7431 and commented:
NAN BOO’EE,NAN IYYEE! YAA WAAQ SABA KOOF BILISUMMAAN HA DHUFTU!
Pingback: FDG Wallagga Aanaa Waamaa Hagaloo Keessatti Ka’een Wal Qabatee Dargaggoonni 11 Waraana Agaaziin Qabamanii Bakka Bu’an Hin Beekamu Jedha Gabaasi Qeerroo. | f7431