Mudde 17,2015 Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FDG jabaachuun itti fufe Godina Wallagaa Bahaa Waamaa Hagalootti Warraaqsii daran jabaachuun itti Fufe, Guyyaa hardhaa Aanaa Waamaa Hagalootti warraaqsii finiina jira, uummatni Baadiyyaa fi Magaalaa hin Hafnee hunduu ba’ee falmachuu irratti argama. Godina Lixa Shaggar Aanaa Iluu Galaan Magaalaa Ijaajjii keessatti warraaqsii guyyoota Sadiif itti fufinsaan gaggeeffamaa jira. Magaalaan Ijaajjii Dirree waraanaatti jijjiramee jira.
Aanaa Midaa Qanyiitti Warraaqsii Uummataan jabaachuun hojjettootni mootummaa hundii hojii dhaabaan, Milishoonnii gandaa Uummataa waliin hiriiruun Mootummaa Wayyaanee Ganuun Uummatatti hidhannoo isaanii waliin harka kennatan , Mootummaan Wayyaanee Har’a Humna waraana Isaa guddaa konkolaataa 7 Fe’uun gara Aanaa Midaa Qanyiitti geessa utuu jiruu Daandii Konkolaataa Leencaa irraan jallatee Midaa geessuu bakka Goodaa Abbaa Caalaa jedhamuun Beekamutti uummatni riqicha kutuun waraanni wayyaanee karaa darbee Midaa seenuu dhabuun rakkacha jiru. Aanaa Calliyaa Magaalaa Gedoo fi Baabbichaa Humna Loltuu Makelakeya jedhamuun beekamuun qabamte ganama kana.
Kaayyoon Waraanni Wayyaanee Midaa Qanyiitti geeffamaa jiruuf hidhattoota gandaa fi poolisoota Meeshaa hiikachiisuuf waan ta’eef hidhattootni gandaa fi poolisootni of eeggannoo akka godhanii fi haala akkan ulfaatu kana keessatti meeshaa akka hin hiikkatne dhaamsii darbeefii qophiitti jiru.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk