Warraaqsi Bilisumma Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobii fi Aanaalee Ammaayyaa Keessatti Bifa Adda Ta’een Itti Fufee Jira

Aside

Mudde 14,2015 Godina Lixa shaggar Aanaa Meettaa Roobiitti warraaqsii Warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa FDG daran jabaachuun Uummataa,
Dargaggootaa ,Hojjettoota Mootummaa,Barattoota fi Uummata Qonnaan Bultootan jabaachuun itti Fufe jira. Sochiin uummataa kun Aanaa
Guddicha lixa Shaggar Meettaa Roobii keessatti Gandoota 41 fi Magaalota Xixiqqoo hedduu kan Of keessa qabu,keessatti qabsisan.
Uummatni magaalota akka Minaaree, Eelaa fi Goorootti akka waraanni hin seenne ittisan . Erga Waraanniuumataa Oromoo Jalduu karaa nagaan
Jaarsaa biyyaan Bulaa jiru irratti Banamee dhumuu qabna Malee uummata keenya Meeshaa malee dhumaa jiruuf haa dirmannu jechuun warraaqsii
itti fufuun yeroo amma kana Sochiin warraaqsaa uummata haalaan jabaachuun itti fufe. Waraanni Wayyaanee Raayyaan ittisa biyyaa
konkolaataan Oraalii 7tti fe’amee Gara Meettaa Roobiitti geeffamaa jira, daandii uummatni cufeen karaa dabaa dhabuun rakkoo meeqa
keessaan Uummata Oromoo Meettaa Roobii fixuuf adeema jiru, Halli har’an tana gara Meettaa Roobii jiru haalaan yaaddeessadha.

Mudde 14/2015 Godina Kibba Lixa shaggar Aanaa Ammayyaattii Warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa FDG daran jabaachuun Uummataa, Dargaggootaa ,Hojjettoota Mootummaa,Barattoota fi Uummata Qonnaan Bultootan jabaachuun itti Fufe jira. Erga Waraanni Magaalaa walisoo fi aanaawwaan Godina walisoo keessa qubsiifamee jiru Aanaa Ammayyaatti uummata irratti dhukaasaa jira.
Haaluma walfakkaatuun uummatni oromoo Aanaa Wanciis dhaadannoo sagalee jabaan dhageesisa jira. Guutummaan godina Kibba lixa Shaggar
godinni walisoo warraaqsaa guddaa keessa galtee jirti. Waraannis sagalee dhukaasaa meeshaa gurguddaa dhageesisuu itti fufe. Uummatni
daandii Cufuun karaa nagaa sagalee mormii guddaa gochuu fi daandii cufuu itti fufe!!

Geerarsa Warraaqsaa Haaraa Artitst Abdii Gammachuu Mudde 14,2015

Aside

https://youtu.be/eAdS3ujyS7M

Mootummaan Wayyaanee Ta’e Jedhee Waajjira Gurgurtaa Lafaa Bakkota Adda Addaatti Banaa Jira.

Aside

Mudde 14,2015 Finfinnee

Gurgurtaa lafaaWaajira haaraa reefu bulchiisaalee magaalaalotaa godina addaa naannawaa Finfinnee keessatti hoji gurgutaa lafa Oromootiif baname.

Haala uummanni Oromoo bakkoota hundatti lafa isaa falmachaa jiru keessatti mootummaan Wayyaanee ta’e jedheen waajiroota daldala lafaa Oromiyaa bakkoota adda addaatti banaa jira. Haalli kun uummata Oromoo biratti qalbeeffatamee FDG jabaatee itti fuuu qaba.

FDG Oromiyaa

Aside

Aside

Mudde 14,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Jalduutti Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee warraaqasaa biyyoolessa Oromiyaa FDG gaaffii Mirgaa Karaa Nagaan dhihaate Dura dhaavbbachuuf Uummata Oromoo Jalduu irratti Waraana bane, Jalduu Guyyaa sadiif Uummatni Waraanaa Raayyaa ittisa biyyaa fi waraana Agaazii Jedhamuun waraanama jira. Hanga ammatti namootni qabatamaan Wareegamaan bira ga’uun hedduu rakkisaa ta’aa jira. Jalduu Naannoo koluutti ilmaan Oromoo Kanneen Waraana gaggeeffama jiru keessatti wareegaman keessa;
1. Damissee Baayisaa
2. Milishaa Dhugumaa
3. Nimona Tilahuu
4. kebebaa Xaafaa,
5. Dirribaa Dabal,
6. Geeddafaa Guddisaa, kan keessatti argaman dabalatee ilmaan Oromoo hedduun kan Wareegaman ta’uun waraana guddaa hanga ammaa uummatarratti gaggeeffama jiru irraa tilmaamuun danda’amera.
Yeroo ammaa Godina Lixa Shaggar Aanota akka Gindabarat Magaalaa Abuunaa , Giincii Magaalaa Asgorii fi Magaalaa Amboo keessatti yakka
Waraanaa loltootni wayyaanee uummata Civilii irratti waraana banuun ilmaan Oromoo hedduu wareegamuun hubatame jira.

OPDO Qormaata Maastara Plaanii Kufe.

Aside

(Oromedia, Finfinnee, 14 Muddee 2015) OPDOn dhimma maastar pilaanii irratti hojii manaa itti kenname waan hin hojjanneef, qoraamata kufuun dhagayame.

Dhimma maastar pilaanii irratti hubannoon gahaan utuu hin uumamin turuun jeeqamsaaf karra akka bane himame

Diddaa fi mormii manneen barnootaa Oromiyaa garaa gara keessatti mudateef OPDOn akka itit gaafatamu hogganooti TPLF murteessan.

Oduun Finfinnee irraa nu gahe akka hubachiisutti, walgahii EPRDF/TPLF irratti OPDON gaaraa haga dakaatti ummata amansiisuu dadhabuu isaatiif diddaan kun akk baba’atetti amansiisaa jiran.

Mariin karaa Raadiyoo Faanaa biyya keessatti darbaa jirus, diddaa fi mormii ummataa Magaaloota Oromiyaa gara garaatti mudate irratti olola guddaa deemsisaa jira.

Marii Faanaa kana irratti itti gaafatamaan wajjira koree jiddu galeessaa Dhaabbata Demokraatawaa Ummata Oromoo obbo Dhaabaa Dabalee, kantiibaan bulchinsa Magaalaa Finfinnee obbo Dirribaa kumaafi ministirri itti gaafatamaan waajjira dhimmoota koomunikeeshinii Mootummaa obbo Getaachaw Raddaa hirmaatuun dubbii OPDO qeequu fi doorsisuu kana belbelchaa jiran.

Obbo Getaachoon humnoonni dhiphoonni bu’aa Naannoo Oromiyaa keessatti galmeeffamaa tureen Dhaabbata Demookraatwa Ummata Oromootiif beekkamtii kennuu diduudhaan kaayyoosaanii milkeeefafchuuf socho’anis hin milkaa’uuf jedhaniiru.

Obbo Getaachoo Raddaa akka jedhanitti "gaaffiin seera qabeessi ummanni kaase faayidaa humnoota farra Nagaatiif akka hin oolleef hojjetamuu qaba," jedhaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira koree jiddu galeessaa Dh.D.U.O obbo Dhaabaa Dabalee gamasaaniitiin "humnoonni dhiphoonniifi of tuultoonni dhimma maastar pilaanii da’oo taasifachuudhaan socho’aa jiru, jechuun akka TPLF dafee dhaqqabuuf waamicha dabarfate.

Itti dabaluunis, Oromiyaan dheebuu bulchiinsa gaariitiin dararamaa akak jirtu yeroo ibsu, "Naannoo Oromiyaatti bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf qophiin gahaan taasifamaa jira," jedhee akka aangoo irra turfamuuf gaafatate.

Dhimma maastar pilaanii qindaawaa irratti immoo, "ummata wajjin mari’achuuf qophiin taasifamaa wayita jirutti,"nutti ddulan jechuun qeeqaa fi duula EPRDF/TPLF ofirraa qabuuf yaale.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Diriibaa Kumaa, gama isaatiin, "bu’aa maastar pilaaniin argamsisu irratti hojiin hubannoo uumuu hin hojjatamne," jechuun ergama isaa bahachuuf yaale. Akka inni jedhutti, kun kan hanqateef, "sababa hojiiwwan adda addaatiin duubatti harkifate", jedhe.

Aside

Mudde 14,2015 Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Madda Walaabuu Sabaa fi Sablammoota Biyyattii Hunda badalachuun halkan Guutuu FDG finiinsaa Bulan. madda Walaabuutti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FDG jabaatee itti fufe. Barattootni Ilmaan sabaa fi sablamoota biyyattii Mooraa yuunibarsiitii Madda Walaabuu barattoota Oromoo waliin ta’uun sagaalee dhaadannoo dhageesisaa bulan. humni waraana wayyaanee Agazii jedhamu barattoota dura dhaabbachaa kan jiruu fi Akka Magaalaatti gadi hin baane humnaan Ittisaa jira.

Aside

Mudde 14,2015 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu halkan guutuu warraaqasa qabsiisuun humna waraanaa of irraa faccisaa kan
bulan ganama kana gara barii lafaa irraa eegaluun Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FDG jabeessuun itti fufan humni waraana Wayyaanee Agazii jedhamu barattoota Oromoo dura dhaabbachaa kan jiruu fi akka magaalaa Mattuutti gadi hin baane humnaan Ittisaa jiraachuu beekameera.Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu gaaffii isanii qopheeffachuun qaama bulchiinsaa Yuunibarsiitii
Mattuutti dhiyeeffachuuf yaalii cimaa godhanis qaamni harka fuudhu dhabamuun warraaqsa isaanii haalaa jabeessuun dhaadannoo guddaa
dhageesisaa jiru.