Mootummaan Garboomfataa Wayyaanee FDG qindeessaa jirtu maqaa jedhuun barattoota dararaa jira Barattoonni immoo gama isaaniitiin qabsoon hanga Abbaa biyyummaa keenya gonfannutti itti fufa jedhan‏

Aside

Muddee 1,2015 Naqamte

Wallaggaa1FDG Oromiyaa guutuutti babal’ateen kan rifate mootummaan Wayyaanee  waan qabee gadhiisu dhabuun yeroo ammaa kana keessattuu gaaffii barattooti Oromoo gaafatan deebisuu kan hin dandeenyeen qooneen jaldeessatti OPDOn barattoota fi hawaasa Oromoo dararaa fi mana hidhaatti guuraa jirti.

Haala FDG kanatti kan rifatte bineensi kaabaa kun,yeroo ammaa kana barattootatti humna basaastuu diinaa bobbaasaniiru Mooraa Yuunibarsiitii Wallaggaa keessattis barattoota argan maraan ati marii hiriira mormii keessaa qabda jechuun kanuma argan tikoonni wayyaanee qabanii yoo gaafatan, walga’ii maqaa jedhuunis galgalaa ganama basaastota wajjin waliitti afarsaa jiru. Guyyaa har’aa kana FDG Yuunibarsiitii Haromaayaatti ka’etti kan rifatte garboomfattuun kun,yeroo ammaa kana Ibsaa,netwoorkii,WiFi ,bishaan dhuhaatiillee barattootarraa balleessanii jiru .Barattooti Oromoo deebiin kobbeedhaan wayyaaneef laatan akka itti fufuu fi yuunibarsiitoti Oromiyaa guutuun hawaasi Oromoo marti duula faccifannaa taasisu dhaammatna Yoo falmanne Bilisoomna!

Wallagga Gimbii Keessatti Poolisootaa fi Kora Bittinneessaa Oromiyaa Irraa Hidhannoon Hiikame, Baalee Roobetti FDG Finiine‏

Aside

Muddee 1,2015 Gabaasa Qeerroo Gimbii

photo0765 001

Mootummaan wayyaanee humna dafee qaqqabaa fi kora bittinneessaa kan Oromiyaa hidhannoo hiikkachiise.
Wayyaaneen hidhattoota kora bittinneessaa fi humna dafee qaqqabaa Oromiyaa magaalaa Gimbiitti ed hidhannoo isaanii irraa hiikkachiisuun Qeerroon gabaasee jira. FDG aanaa Ayiraa, wanjoo fi Gimbiitti kaleessaa dhoween waraanni wayyaanee biyyatti hin hafne magalaa Gimbii dhufee buufate jedha Qeerroon. Battala kanatti uummata hedduutu qabame reebame hidhaatti guurame. Sababa kanatti poolisoota Oromiyaa fi kora bittinneessaa oromiya irraa ergamee gara sana jiru irraa hidhannoo hiikkachiisuun Qeerroon gabaasee jira. Yeroo ammaa kanatti magaalli Gimbii buufata waraana wayyaanee taatee argamti. Uummanni mirga keenyaaf falmachuu hin dhaabnu jechuudhaan itti fufee jira.
Baalee Roobetti FDG eegalee jira. Halkan edaa Qeerroon waraqaa bittimsuun
– Barataan kamuu ka’ee mirga isaa akka falmtu waamicha taasie
– Mormiin master pilaanii yoomiyyuu akka hin dhaabbanne waamichi bakka uummanni argutti maxxanfamee bule
– Sirbootni qabsoo Qeerroodhaan dhageessifamaa bulan haaluma kanaan guyyaa har’as kan itti fufee jiru tahuu Qeerroon yeroo ammaa gabaasaa
jira. Waraanni wayyaanee magaala Roobee buufatee jira.Itti Fufa FDG! Oromiyaan ni bilisoomti

Muddee 1/2015 Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Madda Walaabuu Warraaqsaa FDG Golee Oromiyaa Keessatti Qabsiifame Cinaa Dhaabbachuun Diddaa Qabsiisaan

Aside

DIDDAA 2Muddee 1, 2015 Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Madda walaabuu Warraaqsaa FDG Golee Oromiyaa keessatti qabsiifame adeema dara
jabeessuun itti fufsiisuun Hanga Mastern planii Finfinnee Haqamuu fi Gaaffiin Mirga abbaa biyyummaa deebii argatutti warraaqsii keenya itti
fufa jechuun Xalayaaa Iyyannoo Gaaffii Uummata oromoo 11 ol qabate dhiyeeffachuun FDG finiinsaa jirachuu maddeen keenya gabaasan.
Goototni Barattootni oromoo Yuunibarsiitii Madda Walaabuu FDG Mooraa yuunibarsiitii Harammayyaa keessatti qabatee adeemaa jiru
jabeessuun sadaasa 30/2015 mootummaan wayyaanee sodaa keessa galuun Waraanaa Mooraa Yuunibarsiitii Madda walaabuutti ol naqee barattoota sodaachisuu fi ukkamsuuf yaalii guddaa godhullee Warraaqsaa FDG guyyaa har’aa Mooraa yuunibarsiitii Madda walaabuu keessatti Adeemsifamaa jiruu dhaabuu kan hin dandeenye ta’uu goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Madda Walaabuu ifatti beeksisuun Qabsoo
finiinsan.goototni barattootni oromoo yuunibarsiitii Madda Walaabuu GAAFFII ISAANII IYYANNOO dhaan qopheeffachuun waraqaa iyyannoo isaanii kan gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoo fi Master Pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaalota Oromiyaa mormuu dhiyeeffachuuf wayita hiriiranii jiranitti bulchiinsii Yuunibarsiitii madda Walaabuu gaaffii barattoota irraa fudhuu dhiisee waraana waan itti gadhiiseef barattootni Oromoo iyyannoo isaanii waraana Wayyaanetti dhiyeeffachuun Warraaqsa FDG jabeessuun itti fufuun Waraana wayyaanee isaan bittinneessee hidhuu, ajjeesuu fi reebuuf bobba’e dura dhaabbachuun falmachaa jiraachuun gabaafamera.Gabaasan kun Iyyaannoo barattoota Oromoo yuunibarsiitii Madda Walaabuu dhiyeeffataniin kan walqabatedha. ilmaan Oromoo hedhamanii fi waraana wayyaaneen Madeeffaman addabaasuun isiniif gabaasna, Gabaasan itti fufa…

Mormii Master Palaanii Finfinnee Wallee Haaraa Gooticha Qeerroo Artist Caalaa Bultumee.

Aside