Mooraa Yuuniversiti Haromayyaatti Barattootni Nyaata Lagachuun Gaaffii Mirgaa Kaasaa Jiruaachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Onkoloolessa 28,2015 Haromaayaa

diddaa9Barattootni yuuniversitii Haromayyaa dhimma nyaataa fi qulqullina doormii wal qabsiisuudhaan barumsaa lagachuu fi gaaffii kaasuun guyyoota muraasa lakkoofsisiee jira. kun utuu kanaan jiruu dhiibbaa mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo irraan gahaa jiruun wal qabsiiduudhaan har’a nyaata lagatuun gabaasan. Gaaffi ka’een rakkoon barattoota gaafataman deebiin barattoota irraa kennamaa jiru hanga mirgi uummata keenyaa kabajamutti barumsa barachuun nurraa hin eegamu, gaaffiin keenya duraa rakkoowwan bakki bultii qulqullina hin qabnu, nyaataan, bishaan dhugaatiin miidhamuu keenya maaliif kan jedhu yoommuu tahus yeroo ammaa mootummaan ijoollee sabboonoo tahan dhaabbilee barnootaa keessa adamsee ajeesisaa jira karaa hundaan kan miidhamnu irrayyuu lubbuu obboleeyyan keenyaas dhabaatu jirra kanaaf hanga mootummaan Wayyaanee aangoo gadhiisutti, mirga uummata Oromoo kabajamutti, barattoota keenya mooraa yuuniversitii Mattuu fi Asellaa keesatti turban lama kan hin guunne keessatti harka Wayyaaneetiin ajjeefamaniif itti gaafatamummaan mootummaa tahuu qaba mirgi uummata keenya sarbamaa barachuun keenya maatii keenya boollatti gataa jiraachuu waan taheef jechuudhaan har’a ganama irraa nyaata lagachuun barattootni gaaffii kaasanii akka jiran Qeerroon gabaasa dhiyeessee jira.

Barataan Sivil Injineering Waggaa Arfaffaa Yuunivarsiitii Wallaggaa Artist Hirphaa Fayyee Har’a Loltoota Wayyaaneen Ukkaamfamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

https://soundcloud.com/gadaa-oromo-radio/wallee-haaraa-hirphaa-fayyee

Gabaasaan Qeerroo Bilisummaa Yuunibarsiitii Wallaggaa akka beeksisetti ergamaa diinaa ta’uun dhiiga ilmaan Oromoo kan dhugaa tureefi gochuma kanaan hoggansa Yuunibarsiitii Wallaggaa keessatti ga’een kan kennameef Tsaggaa Ashaabbir nami jedhamu dabarsee kennuusaatiin humna basaastuu ukkaamsituu godina Wallaggaa bahaa Ahimadiin durfamutti har’a sa’atii afur irratti kan kenname yeroo ta’u, sa’atii jaha ammaan booda Yuunibarsiiticha keessaa fuudhanii konkolaataa lakkoofsa gabatee hin qabneen fuufhamee deemameera.
Tsaggaa Ashaabbir FDG bara 2014 barattooti guutuu Oromiyaa geggeessan irratti barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaa dabarsamanii harka diinaa bu’an irrattis nama hojjeteefi Gumiin aadaa fi dagaagina afaan Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaa akka dadhabuuf nama shoora gantummaa taphatedha.
Tsaggaan irra deddeebiin qaama sabboontota Oromoo tiin gorasmus nama hin dhageenyee fi tikaa Yuunibarsiitichaa Rabbirraa Abarraa wajjinis barattoota Oromootti roorrosaa akka jiraataniifi kulloo godina jimmaatti dhalate bara ALA itti 2008 keessa barnoota dadhabee Yuunibarsiitii Jimmaarraa kan ari’ameefi jireenyi waan itti ulfaateef hojii tikaatti kan bobba’ee dhiigak ilmaan Oromoo dhugee ittiin jiratu Ahimaditti akka dabarsanii nama laatan beekamaadha.
Kanaafuu ilmaan Oromoo marti Artist Hirphaa Fayyee akka harka diinaa jala bahuuf haatumsinu Hirphaan barataa Sivil Injineering waggaa arfaffaa Yuunibarsiitii Wallaggaa yeroo ta’u dararaa hedduun booda biyyaa kan baqatee fi barataa sivil Injinering, barreessaa qaroo dhiiga boossee Artist Mootii Mootummaa Abdii dhabuun keenya niyaadatama.

Oromo Voice Radio OVR) Broadcast- 26 October 2015

Aside

SBO Onkoloolessa 28,2015. Oduu, Qophii Addaa Hundeeffamuu Tumsa Bilisummaa Fi Dimookraasii Ummattootaa Ilaalchisuun Qindaa’e Akkasumas Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

VOA: ABO Dabalatee Paartileen Mormituu Shan Gamtaa Uummatan.

Aside

https://soundcloud.com/gadaa-oromo-radio/voa-abo-dabalatee-paartileen-mormituu-shan-gamtaa-uummatan

“Bulee,Bulee Hora” Wallee Sabboonticha Oromoo Artist Kardir Martuu 2015

Aside

International News Media Report about PAFD, Newly Established Coalition of National Liberation Movements for the Right to National Self-Determination in Ethiopia

Aside

Posted: Onkoloolessa/October 26, 2015 · Finfinne Tribune | Gadaa.com |

 

PAFD_News2015.jpg

International media outlets continue to report about the founding of the Peoples’ Alliance for Freedom and Democracy, PAFD – the newly formed coalition of national liberation struggles for the right to national self-determination in Ethiopia (the member organizations of PAFD, i.e. BPLM, GPLM, OLF, ONLF and SNLF, represent more than 60% of the nations, nationalities and peoples in Ethiopia – a population that is inhabiting an area that is ~70% of Ethiopia). Below is how ‘U.S. News & World Report’ reported about the formation of PAFD; other news outlets, such as ABC News, The New York Timesand The Washington Post have also carried the story.

—-

Ethiopia: 5 opposition groups in exile say they have formed alliance seeking change back home

KAMPALA, Uganda (AP) — Five Ethiopian dissident groups in exile said they have formed an alliance to bring a change of government back home, describing Prime Minister Hailemariam Desalegn’s government as oppressive.

The new group is called the Peoples’ Alliance for Freedom and Democracy, according to a joint statement issued Friday in Oslo, Norway, where the groups met recently.

The alliance was formed by the Benishangul People’s Liberation Movement, the Gambella People’s Liberation Movement, the Ogaden National Liberation Front, the Oromo Liberation Front and the Sidama National Liberation Front, the statement said.

“The (alliance) will create an opportunity for all peoples in Ethiopia to co-create a transitional political order that is based on the consent of all peoples, where the outmoded hegemonic culture of a single group dominating the rest is dismantled and a new just political order is established, where the respect of the right to self-determination is genuinely granted to all,” the statement said. The group said it “will conduct diplomatic, advocacy, information and other campaigns to change the current undemocratic political culture and oppressive system in Ethiopia.”

READ MORE (USNews.com)

International Media Report About PAFD

Kabajamaa Barataa Tarreessaa Safaraa Lammii fi barattoota Yuuniversitii Mattuu Maraaf

Aside

Qeerroo Yuuniverstii Mattuu Irraa, Onkoloolessa 25,2015

tarreessaa-safara_n

Barataa Tarreessaa Safaraa Lammii Onkoloolessa 23,2015 Yuuniversiti Mattuu Keessatti Waraana Wayyaaneen Ajjeefame

Qeerroo bilisummaaBu’uura misoomaa
Mirga kan namoomaa
Diimokiraasummaa
Hinagarre homaa
Jedhee yoo gaafate
Maalsaatu yakka amma?
Hiree ofii murteessuu
Heera hojiirra oolchuu
Yookaanis haqanii
39 balleessuu
Yoo jedhee dubbate
Sabasaaf arraba
Ta’ee yoo gaafate
Maseenaa yaada ormaa
Yoo fudhachuu baate
Wayyaaneef gugguufee
Ergamuu yoo ifate
Akka lammii tokkoo
Jiraachuu hin danda’u
Kan barnootaaf ba’ee
Agabuusaa du’u?
Beekumsa dheebochaa
Bilisummaa hawwaa
Maatiisaaf dabarsuuf
Biyyaaf duuchuuf qaawwaa
Horros biyya Oromoo
Mattuunisoo keenyaa
Dhiiroo manumatti
maaliif ajjeefamna?
Wareegame kunoo
Tarreessaan sabasaaf
Homaa utuu hin balleessin
Utuu iyyuu haqaaf
Maarreegaa yaa qeerroo
Obboleekoo qarree
Nama falma dhiisees
Du’a oole hin garree
Maaf kaanee hin lollu
Maaliif hin falmanne
Dhalootaa maa hin hifne
Ofiis yoo dabarre!
Roga mararraayyuu
Tokkummaan waljaarree?
Jaallan hidhaa jiran
Waa Oromummaadhaaf
Boritti maa qabna
Maa hin falmine hardhaaf
Kan garaa si nyaate
Dhumaatiin lammii kee
Ka’ii dhugaa baasi
Hardhaa dabareen kee!
Imaanaa haa ta’u
Dhiigni kun marattuu
Atimmoo maa teessa
Mattuu hin iyyattuu
Yoo roorroon akkasiin
Dhalakeetti taphattu?
Yoo Wayyaaneen dhuftee
Manatti nu nyaattu!
( kabajamaa Barataa Tarreessaa Safaraa Lammii fi barattoota Yuuniversitii Mattuu maraaf)

“Kunoo akkas yaa lammii koo garaan na ciise reefu” Wallee Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 24 October 2015

Aside