Uummaatni Oromoo fi Barattootni Oromoo Godina Lixa Shaggar Mormii Sirna Wayyaaneef Qaban Jabeessuun Itti Fufan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 17,2015 Midaa Qanyii
diddaa9Dargaggootni Qeerroon barattootni Oromoo fi Uummaatni Oromoo Lixa Shaggar Aanota akka Midaa Qanyii, Tokkee Kuttayyee Gudar, Shanani Fi Xuqqur incinnii irratti guyyaa har’aa mormii guddaa sirna wayyaanee abbaa irree TPLF/EPRDF qaban ifatti muldhisuun hojii fi barnoota dhaabuun sagalee guddaan wayyaanee uummata Oromoo hidhaa, ajjeesaa, lafa irraa buqqisaa fi mirga dimookiraasii fi namummaa Oromoo sarbaa jiru, balaaleffatan. Dhaadannoowwaan armaan gadiis uummatni fi Dargaggootni Oromoo Midaa Qanyii, Gudarii, Xiiqur incinnii fi shanan irratti dhageessisuun Wayyaanee balaaleffachaa oolan.
1. Harka tokkoon dimookiraasii sobaa labsaa, harka tokkoon qawwee fi rasaasaan Oromoo ajjeesuun, hidhuun dhaabbachuu qaba.
2.Nuti uummatni  bilisummaa fi walabummaa barbaadna. Gaaffii mirga abbaa biyyummaaf deebiin nuuf kennamuu qaba.
3. Magaalaan finfinnee kan Uummata Oromooti.
4.Bulchiinsi Finfinnee fi tajajilli hawwaasummaa fi Siyaasaa magaa Finfinnee qooda guddaa uummata Oromoo abbaa qe’eef kennuu qaba.
5.Nuti Qeerroon Oromoo, Barattootni Oromoo, fi uummatni Oromoo, gaaffii mirga abbaa biyyummaaf deebiin hanga nuuf kennamutti qabsoo bilisummaa Oromoo irraa duuti, hidhaan, doorsifnii fi darararaan akka nu dhaabuu hin dandeenye ni labsina jechuun dhaadannoolee qabsoo bilisummaa Oromoo faarsanii fi bilisummaa Oromoo faarsan dhageesisuun jibbinsa sirna bulchiinsa abbaa irree Wayyaaneef qaban dhageesisaniru.
 Paartiin mormituu Sirna Wayyaanee Koongireensiin Federaalistii Oromoo (KFO) Qabsoo goototni dargaggootni qeerroon barattootni Oromoo bara darbee Ebla irraa eegaluun diina hanga Afaanii fi Funyaanitti hidhate dura dhaabbatanii karaa nagaa fi Dimookiraasii falmachaa turan ni deeggarraa, gaaffiin barattoota Oromoo gaaffii keenya jechuun yeroo amma kanatti Dimookiraasii kijibaa Wayyaanee fi federaalizimii wayyaanee waraqaa irra malee lafa hin jirree kana ni mormina jechuun duula filannoo guyyaa hardhaa Godina dhihaa Shaggar keessatti gaggeessa kan jiraniin sochii uummataa fi dargaggoota Oromootiin liqinfamuun qabsoon jabaatee itti fufee jira.
Qeerroon bilisummaa Oromoo furmaatni mootummaa abbaa irree dimookiraasii sobaa afarsiituu FDG uummataa fi dargaggootni gaggeessa jiraniin kan furmaata waaraa argatu waan ta’eef uummatni keenya bakka jirtan hundaa harka walqabannee Mootummaa wayyaanee filannoo sobaa dahoo godhatee umrii bittaa isaa dheereffachuuf fiiga jiru dura dhaabbatne aangoo irraa qaarisuuf yeroon gamtaan falmatan amma ta’uu dhaamsa dabarse jira.

UNHCR-Urgent Life – saving Assistance is needed to Refugees and Asylum Seekers in Yemen

Aside

HRLHAMay 16, 2015
HRLHA’s Appeal to the United Nations High Commissioner for
Refugees (UNHCR)
UNHCR, Geneva
Dear Mr. Guterres,
The Human Rights League of the Horn of Africa/HRLHA is very concerned about the
current humanitarian crisis in the Republic of Yemen following the internal conflicts and
political instabilities that have broken down the social services in the country. Many nongovernmental and humanitarian organizations are reporting that the crisis in Yemen has highly affected refugees and asylum seekers who came from the Horn of Africa to Yemen to escape the volatile situations in Somalia, Ethiopia, Eritrea and other places. Among the most vulnerable are Oromo refugees and asylum seekers residing in Sanaa, Aden and other areas in Yemen. Read More:- HRLHA Appeal To UNHCR

SBO Caamsaa 17,2015. Oduu, Waamicha FDG Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa, Gaaffii fi deebii Inispekter Abdallaa Qaasim waliin akkasumas dhimma filannoo wayyaanee irratti qophii xiyyeeffate.

Aside

Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo Qophii Caamsaa 15 ,2015

Aside

Barattooti Oromoo Yuniversitii Adaamaa 5 Badii Tokkoon Malee Humna Loltoota Wayyaaneen Ukkamfamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Nimoona

Nimoonaa(abbabaa) urgeessaa Fakkansaa

addunyaa-keessoo-3

Addunyaa Keessoo

 

MAQAA GUUTUU BAKKA BARNOOTAA BAKKA DHALOOTAA GOSAA FI SADARKAA BARNOOTAA fi Sadr/himannaa
Addunyaa Keessoo UNV/ADAAMAA Salaale,shawaa kaabaa aanaa warra jaarsoo Electrical engineering wagaa 4ffaa (himatamaa 3ffaa)
Nimoonaa(abbabaa) urgeessaa Fakkansaa UNV HAROMAYAA Shawaa kibba lixaa Soil engineering waggaa  2ffaa (himatamaa 1ffaa)
Bilisummaa Daammanaa Siyyum UNV/ADAAMAA Salaale shawaa kaabaa Accounting waggaa 3ffaa (himatamaa 4ffaa)
Mooyiboon (Tashaalee) Baqalaa Garbaa UNV JIMMAA Walagga bahaa aanaa jiddaa Health officer waggaa 2ffaa (himatamaa 5ffaa)
Magarsaa Warquu FAyyisaa UNV/HAROMAYAA Arsii qarsaa Seera waggaa 5ffaa (himatamaa 2ffaa)
Leenjisaa Alamaayyoo Sooressaa UNV/JIMMAA Shawaa lixaa Ginda barat Water engineering waggaa 3ffaa (himatamaa 6ffaa)
       

Humni Tika fi Loltuun Feederaala Wayyaanee Barattoota Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa Hedduu Reebuu Saamaa Jira, Barattoota Afur Reebichaan Gara Malee Miidhe.

Aside

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 15,2015 Naqamte

Suuraa ,Barattoota  Naqamte 2014 Reebaman.

Suuraa ,Barattoota Naqamte 2014 Reebaman.

Caamsaa 14,2015 galgala Barattooti Oromoo diddaa sirna Wayyaaneen kaasaniin wal qabatee loltootii fi tikoonni mootummaa abbaa irree EPRDF Wayyaaneef ergaman mooraa Yuuniverstitii seenuun barattoota Oromoo reebaa turan,barattooti hedduun haa reebaman malee kanneen keessaa afur haala hamaan miidhamanii akka jiran Qeerroon gabaase.

  1. Rabbumaa Badhaasaa economics Waggaa 3ffaa
  2. Darajjee Fayisaa accounting Waggaa 3ffaa
  3. Guddataa Waaqshumaa banking wagga 3ffaa
  4. Barataa Taammiraat

Kanneen jedhaman haalaan reebamuu fi qabeenyi isaaniin loltoota Federaalaan samamee jiraachuun beekame.

Kana malees aanaa Mettaa Roobii magaalaa Eelaa keessaa Oromoota nagaa FDG gaggeessuuf qindaawaa jirtu sabaaa jedhuun hidhaatti guuraa akka jiran gabaasi nu gahe addeessa,kanneen keessaa Oromoota mana hidhaa magaalaa Eelaa keessatti dararamaa jiran keessaa muraasni

  1. Shifarraa Nagarii
  2. Biraanuu Zawudee
  3. Giroo Guutamaa
  4. Abarraa Ayyalaa fi kanneen biroo maqaan hin qaqqabin dararama jiraachuun maddeen keenya gabaasan.

Uummanni Oromoo Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobii Keessa Jiraatan Diddaa Sirna Wayyaanee Itti Fufuuf Murteeffatan.

Aside

Caamsaa 15,2015 Gabaasa Qeerroo Mettaa Roobii

Alaabaa konkUummatni Oromoo Aanaa Meettaa Roobii sirna bulchiinsa Wayyaanee EPRDF diduun  ejjetnoo FDG itti fufuu kan murteeffatan ta’uu wal hubachiisan. Yeroo ammaa kana mootummaan Wayyaanee diddaan warraaqsa Oromoo itti hammaachuu irraan waan qabee gadhiisu dhabee waan jirtuuf  ummata dararaa jira. Yeroo ammaa kanatti Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobii Magaalaa Eelaa, Magaalaa Gooroo, Magaalaa Shinoo fi iddoowwan birootti uummatni wal hubachuun qajeelfama Wayyaanee irraa darbu fudhachuu diduun bulchitoota ergamtoota Wayyaanee hundaaf ajajamuu dhaabee jira.

Kanuma waliin Oromiyaa bakka gara garaa keessatti Poolisoonni fi dabballootni mootummaa Wayyaanees manneen namootaa irra naanna’uudhaan nama ‘Oromiya Media Network’ hordofu qabanii hidhuudhaan dararaa jiraachuun beekame. Yuniversitiilee adda addaa keessattis sababaa Qeerroon Oromootu uummata nurraatti kaase jechuun hordoffii guddaa fi doorsisa guddaa barattoota Oromoo irratti gochuun daran uummataa fi dargaggeessi akka Wayyaanee irratti qabsaa’u kan godhe ta’uu maddeen keenya gabaasan.

Haaluma walfakkaatuun bulchaan bulchiinsa Aanaa Meettaa Roobii torbee darbe keessa konkolaataa ummata fe’ee deemuu tokko keessa Miseensota Qeerroo fi miseensota KFO keessa jira jechuudhaan gommaa konkolaataatti yommuu dhukaasuuf jedhutti konkolaatichi ummataan garagalee namootni hunduu madaa’uun mana yaalaa akka jiranii fi sababa kanaan walqabatee ummatni yeroodhaa gara yerootti bahee sagalee isaa dhageessisaa akka jiruu fi magaalaan Shinoo humna poolisii federaalaan weeraramtee akka jirtu gabaasaan nu qaqqabe jiruu ifa godhee jira.

Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee Aanaa Sulultaatti Keessatti Hojjettooti Dhalootaan Oromoo Ta’an Tikoota Wayyaaneen Dararamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Caamsaa 14,2015,Gabaasa Qeerroo Sulultaa

aa

Sulultaa

Godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee aanaa Sulultaatti hojjattoota mootummaa dhalootaan Oromoo tahanii karaa basaastota isheetiin adda baasuu fi doorsisuutti akka jiran Qeerroon gabaase.

ABO fi  Paartii congiransii federalistii Oromoo waliin tahuun hojjachaa jirtu sababa jedhuun sabboontota hojjattoota mootummaa addatti dhalootaan Oromoo tahan dabballootaa fi kaadiroota Wayyaaneetiin goolamaa jiru. Osoo hojii keenya hojjatanuu maaliif dhaaba biraa duukaa hiriirtu? Dhaabni keenya ni moo’ata booda eessa seentu? Kanaafuu Xaalayaa bakka bu’iinsaa dhaaba mormitootaa irraa fuutan nuuf laadhaatii gara dhaaba keenyatti deebi’aa jechuun doorsisaa kan jiran yoo tahu sabboontonni hojjattoonni kunneen mirga diimookraasii jettanii lallabaa turtaniidha waan taheef nu dhiisaa jechuun mormii dhageessisuun dura dhaabbataniiru.

Diddaa kaafatan sababaa jedhuun barsiisotiin dhalootaan Oromoo ta’an hidhaman keessaa , Ballaxaa Tarreessaa barsiisaa m/b caancoo sad.  2ffaa fi  Tafarii Alamuu Badhaadhaa barsiisaa m/b darbaa sad.1ffaa keessatti argamu.

Warraaqsa Bilisummaa Yuuniversitii Wallaggaa Keessatti Ka’een Wal Qabatee Engineering Waggaa 3ffaa Kan Baratu Gammachuu Mangistuu Fi Baratooti Hedduuminaan Poolisoota Wayyaaneen Reebamuun Midhaman.

Aside

Caamsaa 14,2015 Naqamte

11262363_10202878830052159_8220994329729989471_nBarattootni muummee Afaan Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa baratan Jira barumsa dhaabuudhaan kaleessa Caamsaa 14/2015 fincila kaasuu Qeerroon gabaase.

Yeroo ammaa barattootni Yuuniversitiilee keessa jiran barumsa dhaabuudhaan mootummaa wayyaanee filannoof of qopheessaa hala mijeeffataa jiru dura dhaabbatuun FDG finiinsuu eegalan, barumsi sirnaan kan kennamaa hin jirre Yuuniversitiilee Adaamaa,Bulee Horaa, Madda Walaabuu, Hawaasa, Finfinee, Haromayyaa, Mattuu, Amboo fi Wallaggaa keessatti barataan yeroo itti bilisumma faarsaa jiru, barumsa dhaabee mooraa keessa dhaadannowwan garagaraa maxxansaa, sagalee dhaadannoo sagalee sirboota qabsoo dhageessisaa jiruudha. Odeessa Qeerroo Yuuniversitii Wallagga irraa nu qaqqabe addeessuun kaleessa galgala irraa kaasanii mooraa keessatti:
Nuti bilisumma barbaanna,

  • Dirree qabsoo dheebonne, WBO WBO nu qaqqabi,
  • Siifan lola yaa oromoo narra hin gortuu kan jedhus sirboota qabsoo dabalataan,
  • Bilisummaan oromiyaa geesseetti,
  • Yoomiyyuu wayyaaneef jilbeenfannee hin beeknu, wayyaaneen diina keenya
    ofirratti hin fillu,
  • Oromiyaan ni bilisoomti….

Jechuudhaan sagalee dhaadannoo dhageessisaa, sirboota qabsoo fi waraqaa balaliituus darbachuun barattoota guutuu mooraa Yuuniversitii Wallaggaa kaasuun hanga dargaggoota magaalaa kaasutti fincila kaasuu sabboontota Oromoo muummee afaan Oromoo baratan irraa ka’e barattoota hunda hirmaachisuu Qeerroon gabaasee jira. Humni waraana Wayyaanes ganama har’aa naannicha buufatuu gabaasni nu gahe ibsa. Yuuniversitii Bulee Horaa fi Madda Walaabuu keessatti barattootni halkan edaa waraqoota maxxansan barumsa hin barannu, bilisummaadhaaf qabsoofna, yaa barattoota Oromoo FDGn ammaa kaasee itti fufuu qaba ka’aa hin kaanaa diina biyyaa baasna jedhuun mooraa keessa bittimsanii turan kanaanis hidhatotni fi humni waraanaa naannicha buufatuu gabaasni

Haala kana keessatti loltooti Wayyaanee barattoota hedduu reebichaan miidhuu fi kanneen kaan qaamaan caccabsanii akka jiran qeerroon gabaasa,barataa  reebichaan miidhaman keessaa engineering Waggaa sadaffaa kan baratu barataa Gammachuu Mangistuu isaan keessaa haalaan miidhamee jira.

Oromo Voice Radio (OVR) broadcast 13 May 2015

Aside