Bilbilli Keessan Suuraa Alaabaa ABO Qaba Sababaa Jedhuun Oromoonni Humna Waraana Wayyaanee Ta’an Mana Hidhaatti Darbamaa Jiru.

Aside

Caamsaa 19,2015 Godina Lixa Shaggaritti Ilmaan Oromoo humna waraana kora bittinneessa Oromiyaa Aanaa calliyaa Geedoo irra qubsiifaman  keessatti argaman Oromummaan yakkamuun hidhannoon irraa hikamee hidhatti darbamuun dararamaa jiraachuun beekame.

Alaabaa ABO fi walleelee warraaqsaa mobail keessan irratti fe’attanii jirtu sababaa jedhuun qabamanii isin deggertootaa fi maadhee ABO ti jechuun mana hidhaa buufamanii jiraachuu qeerroon gabaasa.

Kanneen kunis:-.

  1. Ajaja 50 Addunyaa Mantamariyaa
  2. Ajajaa 10 nama Kaasahun jedhamuu fi
  3. Loltuu See’id  jedhamu kan keessatti argaman badii tokko malee dararaa cimaaf saaxilamaani jiraachuu maddeen keenya gabaasan.

Godina Wallaggaa Aanaalee Jimmaa Arjoo fi Waayyuu Qilxuu Keessatti Diddaan Uummataa Jabinaan Itti Fufe,Ummannis Wagahii Duula Filatnoo Wayyaanee Guututti Lagate.

Aside

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 19,2015 Naqamte

diddaa9Godina Wallaggaa Aanaalee Jimmaa Arjoo  gandoota Waayyuu Qilxuu,Kamisa Beeraa fi aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Bildiimmaa Qexxoo keessatti guyyaa kaleessaa uummati bakkeewwan kana jiraatu Wayyaanee fi jala deemtotashee OPDOtti waaroo salphinaa uffisan
Onaa Jimmaa Arjoottis ta’e walii gala biyyattiitti filmaata sobaa geggeessituuf mootummaan Wayyaaneen tokkoshaneen nafiladhaa jedhus falmii jabaan uummata irraa itti ka’aa jira.

Jimmaa Arjoo gandoota Waayyuu Qilxuu fi Kamisa beeraatti uumnata bobbaasee wayita Mootummaan Wayyaaneen akka hayyudureen tokko Shane’s isinitti agarsiisutti nufiladhaa yeroo jedhu uummati walgahii harkatti fashaleessuun kaabinoota haalaan naasuun akka rifatan Qeerroo Jimma arjoo gabaasee jira.

Oduu walfakkaatuun achuma ollichatti kan argamu aanaa nuunnuu qumbaa ganda Bildiimmaa qexoorraas uumnati biyyi tokko shaneen filannoo geggeessitu addunyaa kanarraa dhaga’amee hin beeku jechuun FDG Wayyaanerratti waan dhageessisaniif yeroo ammaa kana namni bakka bakkatti sosso’uuf rakkoo guddaa keessa akka jiran Qeerroon gabaasa.

Filannoon Fakkeessaa fi Kijibaa Abbootii Irree malee Ummatoota hin Fayyadu.

Aside

abo

Filannoon Fakkeessaa fi Kijibaa Abbootii Irree malee Ummatoota hin Fayyadu.

Bittaan gita bittoota Tigraay ummatootaa Itophiyaa irratti humna qawween of irroomse Itophiyaa tarree biyyoota hiyyeeyyii keessaa baasuu hin dandeenye. Kadhaa gargaarsa alagaa irraa argamuun jireessuu keessaa baasuu dadhabee har’as taanaan Impaayerittiin hiriira biyyoota gargaarsaan jiraatan keessatti akka hiriirtetti jirti. Saaminsi daangaa dhabe murna aangoo irra jiruun adeemsifamu abbootii aangoo duroomsee lammiilee sadarkaa of jiraachisuu dadhabuu fi abdii dhabuu irraa, kanneen osoo jireenya barbaadanii galaana keessatti dhuman, biyyoota gara garaa keessatti haala suukanneessaa fi gaddisiisaan ajjeefaman lakkoobsi guddaa dha. Bilisa tahanii gurmaa’uun, yaada qaban ibsatuun guutummaatti yakkatti fudhatamee hidhaa, ajjeechaa fi roorroo gosa gara garaa lammiilee irraan gahuun Itophiyaan biyyoota Afriikaa irra dabree sadarkaa addunyaatti iyyuu tarree duraa keessatti argamuun haala qabatamaa biyyattii keessaa ibsa. Saaminsi, cunqursaan, buqqa’insi fi dhiittaan mirga dhala namaa waggoota 24 dabraniif adeemsifamee fi sadarkaan har’a irra gahe egeree biyyattii kan dukkaneesse, ummatoota kan abdii dhabsiise dha.
Wayyaaneen qawween dhufe. Qawweenis jiraate. Fuula duras Itophiyaa abbaa irrummaa paartii tokkoo jala tursuun murtii isaa bosonaa qabatee dhufe tahuun kan shakkamu miti. Ammas kana ifaan labsatee jira.Ibsa ABO Filannoo Wayyaanee 2015 ilaalchisee

Oromiyaa Gara Kibba Dhihaatti Kan Arrgamtuu Magaalaan Jimmaa fi Yuunivarsiitiin Jimmaa Eeggumsa Humna Waraana Wayyaanee Jala Galtee Jirti,

Aside

Camsaa 19/2015 Oromiyaa Gara Kibba Dhihaatti Kan Arrgamtuu Magaalaan Jimmaa fi Yuunivarsiitiin Jimmaa Eeggumsa Humna Waraana Wayyaanee Jala Galtee Jirti, Ummanni Oromoos humna waraanaa raayyaa ittisa sirna TPLFn marfamte.Mootummaan Wayyaanee muddamaa fi raafama siyyaasa guddaa keessa galee kan jiruu, olola maqaa misoomaaf dhaga bu’uuraa kaa’uun buufata xiyyaaraa fi Baaburaa isiniif hojjechiifna jechuun uummata gowwomsuuf Angawootni wayyaanee H/Maariyaam Dassaleen durfamu gara Godina Dhiha Oromiyaatti duula kan jiruu torbee darbee keessa Godina Lixa Shaggar Amboo fi Godina bahaa Wallaggaa Naqemteetti duuluun simannaa uummataa dhabuun hedduu ittumaa muddama keessa seenuun, guyyaa har’a mataan Wayyaanee H/Maariyaam Dassaaleenyi dabballoota isaa qabachuun gara gara Godina kibba dhiha oromiyaa Magaal;aa Jimmaa seenuun dabballoota isaa malee simannaa uummata dhabuun daandii baaburaa fi xiyyaaraa isiniif galchina jechuun dabballoota isaaf dhagaa bu’uuraa kaa’uun dabballootni isaa aanaa godinicha bakka bu’uun argamaniif kaabinoota aanaa fi dabballoota wayyaanee yoo ta’uu, guyyaa hardhaasa Simannaa uummata baldhaa Oromoo godina Jimmaa waan dhabaniif muddama keessa seenuun uummatni FDG nurratti kaasuuf jechuun humna waraana ittisa biyyaa mooraa Waraana dhihaa kan Magaalaa Jimmaa keessatti argamu kutaa waraana 44ffaa (44nyaa kifile Xoor) jedhamu keessa gadii baasuun Magaalaan Jimmaa fi Yuunivarsiitiin Jimmaa humna waraanaan marfamtee eegamaa jirti. Sakkatta’insii guddaan uummata Oromoo fi sabaa fi sablammoota magaalaa Jimmaa fi barattootaa fi hojjettoota irratti godhamaa jiraachuun ibsame.

SBO Caamsaa 20,2015. Oduu, Filannoo wayyaanee irratti Ibsa ABO, Beeksisoota SBO fi Gaaffii fi deebii Inispecter Abdallaa Qaasim kutaa lammataa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Wallee Haaraa Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Caamsaa 18, 2015

Aside

Poster Dhadesse Filannoo Kaabinoota Wannaanee Bakkoota Maxxanfame Irraa Funaanuun Cirtan Sababaa Jedhuun Dargaggoonni Oromoo Badii Malee Hidhamaa Jiru.

Aside

Gabaasa Qeerroo Jimmaa Caamsaa 18,2015 

Because I am OromoGodina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti dargaggoonni Oromoo lama beek-suura( poster) filannoo Wayyaaneen ittiin ofbeeksisuuf maxxansatte kan suuraa dorgomtoota OPDO dabalatee manneen uumataa fi iddoo buufata adda addaatti maxane irraa buqifatanii ciccirtan sababaa jedhuun badii tokkoon malee qabuun hidhaatti darbuun isaanii beekame.

Godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaa ganda bachoo booretti beek-suura Wayyaaneen mana rifeensaa tokko irratti maxxansite gaafa caamsaa14/2015 halkan dorgomtoota OPDO mana maree naannoof dorgoman lama kanneen maqaan isaanii akka itti aanutti caqafaman kunniin beek-suura irraa jara kaan keessa adda bafamuun kutamee jira.Dorgomtoonni kun:
1.Obboo Solomoon Abbabaa kantiibaa magaalaa jimmaa
OPDO bakka bu’uun mana maree naannof dorgomaa kan jiru.
2.Obboo Muktaar Kadiir perezedaantii mootummaa naannoo Oromiyaa mana maree naannof dorgomaa kan jiru.
Yeroo ta’an daraggoota Oromoo suuraa jara kanaa fi dhaadessa filannoo Wayyaanee magaalaa keessaa funaantanii cirtaniittu sababaa jedhuun badii malee yeroo ammaa mana hidhaa keessa buusanii jiraachuun Qeerroon gabaase.

Dargaggoonni kun yeroo ammaa mana hidhaa Alaazaar kan magaalaa jimmaatti argamu keessaa hadhaa dararaa dhan dhamaa jiru. Isaanis

1.Dargaggoo Amiin konkolaachisaa baajaajii
2.Dargaggoo Amrallaa rifeensa sirreessee of jiraachisa.
Magaalan Jimmaa sakatta’iinsa fi ugguroo mootummaan Wayyaanee ummata nagaarratti gootun goolamaa jirti.

Oromo Voice Radio (OVR) broadcast- 18 May 2015

Aside

Bara Darbe Ebla 2014 Keessa Lammiileen Oromoo 59 Badii Tokkoon Malee Wayyaaneen TPLFn Qabamanii Karchallee Amboo Keessatti Hidhaman Keessaa 30 Bilisaan Gadhiifamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Dinne GabrummaaCaamsa 17,2015 Godina Lixa Shaggar Mana hidhaa karlchallee Amboo keessatti tti ilmaan Oromoo bara darbee baatii Ebla 2014 keessa Sochii warraaqsaa FDG keessatti hirmaattan jedhamuun  badii tokko malee waggaa tokkoo oliif erga hidhaa keessa turani  ilmaan Oromoo 59 galmee tokko irratti himatamanii jiran keessaa  30 bilisaan gadi lakkifamaniiru.

  Dhaddachi Mana Murtii Godina lixa shaggar magaalaa Amboo  Caamsaa 15/2015 Oleen  ilmaan Oromoo yakka shororkeessuummaan himataman erga waggaa tookkoo oliif adabbii to’annoo seeraa jala turanii booda  ragaan abbaan alangaa wayyaanee dhiyeeffate sobaa ta’uu mirkaneeffatuun ilmaan Oromoo kun badii tokko malee waggaa tokkoo oliif dararamaa kan turan bilisaan gadi lakkifamuu danda’aniru.  Ilmaan Oromoo  Oromummaa yakkamuu malee balleessa tokko illee hin qabnee mootummaan Wayyaanee maqaa shororkeessaa jedhuun sobaan yakkee dararaa erga ture booda, abbaan alangaa wayyaanee EPRDF/TPLFn  raga tokko malee Oromoo nagaa mana isaanittii qabanii hidhatti darbuun erga waggaa tokkoo oliif, psychologically, physically fi mentally erga midhaa ture booda sobaan gochaa diinummaa uummata Oromoo irraa qabu muldhisuuf waan hidhee dararaa tureef, yeroo amma kanatti raga tokko illee irratti dhabuun ilmaan Oromoo kunneen bilisa ta’uu fi balleessa jedhamanii himatamaniif ragaan qubsaan hin jiru jechuun dhaddachi mana Murtii Amboo guyyaa kaleessa gaaffii tokko malee bilisaan akka gadhiifaman murtii kennuun yeroo amma kanatti ilmaan Oromoo kunneen gadhifamanii jiru.  Maqaa hidhamtoota ilmaan oromoo hiikaman kanneenii  :

1.       Obboo Caalaa Baayisaa

2.       Obboo Iddeessaa Magarsaa

3.       Obboo Alamayyoo Irreessoo

4.       Obboo w/Yesuus Mangashaa

5.       Dargaggoo raajii Baksuu

6.       Barataa Walabummaa Dabalee barataa Engineering  waggaa 4ffaa Yuunibarsiitii Adaamaa

7.       Barataa saa’uudi Jamaal barataa Yuunibarsiitii Amboo

8.       Barataa Firaa’ol Tacaanee barataa Yuunibarsiitii Amboo

9.       Barataa Abdataa Baatirii barataa yuunibarsiitii Amboo

10.   Barataa Qananiisaa Raggasaa barataa yuunibarsiitii Amboo

11.   Barataa Alamuu Magarsaa barataa kutaa 8ffaa  M/bsadarkaa 1ffaa  Carii Amboo

12.   Dubaree Ayyaantuu Dagaagaa daldaltuu hucuu Aadaa Oromoo fi Fayyaa Oromoo magaalaa Amboo

13.   Barataa sanyii Cimdeessaa, barataa kolleejjii fayyaa biyyaa irraa eebbifamee hojii dhabee taa’aa ture,

14.   Dargaggoo Tasfaa Dhugaasaa

15.   Barataa Abdii(Gammachiis) Baddeessaa barataa Yuunibarsiitii Amboo

16.   Barataa Waloo(Rabbirraa) Abboomsaa

17.   Barataa Badhaasaa

18.   Dargaggoo Baabbii

19.   Barataa Abdiisaa Fajjii

20.   Dargaggoo Dajanee

21.   Dargaggoo caalaa Maandhessaa kannee keessatti argamaan ilmaan Oromoo nagaan humna Waraanaa Wayyaaneen Qe’ee fi maatii, akkasumaas barnoota isaanii irraa barattootni Oromoo ukkanfamanii hidhaan dararaa waggaa tokkoo olii erga argani dhaddachi Mana Murtii Amboo raga kijibaa/sobaa Mootummaan Wayyaanee ittin ilmaan Oromoo dararaa jiru kufaa gochuun ilmaan Oromoo kun badii kan hin qabne ta’uu isaaniin bilisaan akka ghadi lakkifaman murtii dabarseen gadi lakkifamani jiru.

Qeerroon Bilisummaa Mootummaan abbaa irree Wayyaanee   beenyaa, hamilee, qaamaa fi  sammuu (psychologically)  ilmaan Oromoo kanaaf  akka beenyaa kaffalu  gadi jabeessinee gaafata.

6 Oromo Students of Three Universities Abducted by TPLF Led Government Forces

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

6 Oromo Students of Three Universities Abducted by TPLF Led Government Forces

Qeerroo Report, May 17, 2015: As the fake 2015 so called Ethiopian election approaches, the TPLF led Ethiopian government has intensified arresting, harassing, and abduction of Oromo nationals, especially Oromo students of universities and higher educational institutions. Accordingly, the following Oromo students of Adama University, Eastern Shoa zone of Oromia regional state have been abducted by the terrorist “intelligence” forces of the Ethiopian regime and their whereabouts are unknown.  Read Full; Qeerroo Report, May 17 2015
Nimoona

Nimona(Abebe) Urgessa Fakansa

addunyaa-keessoo-3

Addunya Kesso