Barattooti Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa Hamma Wixata Dhufuutti Akka Mooraa Hin Baane Mootummaa Wayyaaneen Dhorkaman.

Aside

Gabaasa Qeerroo Naqamte,Caamsaa 22,2015

IMG_20150509_060148 Filmaata WayyaaneeMootummaan Wayyaanee filmaata sobaa sababeessuun barattooti Yuunibarsiitii Wallaggaa har’aa jalqabee hanga wiixata dhufuutti gadi hin ba’an jedhe filmaataa isaa sobaa kanaanis uummata irra deemee icciitii moo iftoominaan filattu jedhee uummata danqaa jira. Warreen icciitiin jedhes doorsisuu itti fufuudhaan adeemsa filannoo biyya kamiiyyuu kan hin hordofne iftoominaan nafiladhaa jedhchuun doorsisaa jira.
Odeessi bakkeewwan akka Wallagga lixaa Gullisoo,Wallagga bahaa Leeqaa Dullachaa irraa nu gahe akka agarsiisutti mootummaan Wayyaanee ana filachuu yoo baattan jiraachuu hin dandeessan jechuun uummaticha goolaa jira.
Kanaafis humna waraana isaa magaalaa Naqamtee masaraa Kumsaa keessa qubsiisuun uummaticha sodaachisuuf yaalus uummati magaalaa Naqamtee guyyaa kaleessaa hiriira ergamtuunshee OPDO ijoollee daa’immaniifi beerarraa kan hafe namni marti lagachuusaatti rifaatuu guddaa keessa lixxe.
Kana malees dargaggooti Oromoo akka alaabaa OPDO baataniif magaala keessa dura deemanii nu filadhaa jedhaniif dirqamnaan dargaggoonni kaabinoota diduun waroo salphinaa uwwisanii jiraachuu fi namni alaabaa OPDO baatu dhibamee akka jiru odeessi Qeerroo Naqamte irraa addeessa.

Wallagga,Qeellam Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Uummata Oromoon Qabate Daran Jabaachuu Irraan Sabboontoti 20 ol Hidhamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Gabaasa Qeerroo Qeellam,Caamsaa 22,2015

Because I am OromoGabaasa Qeerroo Wallagga Qellem Jimmaa Horroo Irraa, Caamsaa 22,2015 Kutaaleen Oromiyaa baadiyaalee fi magaalaaleen akkasuma manneen barnootaa, Yuuniversitii fi koollejjiwwan humna waraana mootummaan Wayyaaneen marfamtee kan jirti. Uummanni Oromoo humna waraana wayyaanee dacha’ee uummata keessa dhangalaase kana sodaa tokko malee mirga isaaf dhaabatee jira, uummata nagaa daandii gubbaatti qabuudhaan reebuu fi hidhuu yakka malee mana hidhaatti guuraa jiraachuu Qeerroon godinaalee oromiyaa bakka adda addaa irraa gabaasaa jira.

Mootummaan Wayyaanee irra deddeebiidhaan WBO waliin jirtu kan jedhuun Qellem Jimma Horroo irratti torban lama dura namoota 50 ol mana hidhaatti guutuun mirgawabiin walakkaan torban tokko booda kan gadhiifaman gabaasni Qeerroo darbe addeessa, haaluma wal fakkaataadhaan halkan edaa ummanni guutumman aanaa Jimmaa Horroo keessa jiraatu ABOdhaan bula, WBO nyaachisa waliin jiraata deggeraa ABOti uummanni aanaa kana jechuun basaasaa Wayyaanee yeroo baayee uummata dabarsee diinaaf kennu irratti uummanni diina of keessa keenyee hin teenyu jechuun tarkaanfii adabbii irratti fudhateen humni waraanaa fi uummata gidduutti diddaa dhalateen dhukaasni uummata irratti baname, kun halkan Caamsaa 19/2015 tahuu Qeerroon aanichaa gabaasee jira.

Humni waraana mootummaa wayyaanee aanaa Jimmaa Horroo buufatee jiru sodaadhaan uummata irratti dhukaasaa kan bulee fi dargaggoota Qeerroo oromoo 20 ol tahan mana hidhaatti ganama sa’a 1:00 irratti guuruun, humni waraana naannicha jiru humna keenyaan ol waan taheef waraanni dabalamee akka dhufus jedhameen magaalaan Jimmaa Horroo dirree waraanaa fakkaattee kan jirtu tahuu Qeerroon gabaasee jira. Humna waraana wayyaaneen ukkaamfamanii mana hidhaatti kan darbaman keessaa muraasa maqaan nu gahe;
1. Tigistuu Tamasgeen,
2. Charinat Tamasgeen,
3. Daani’eel Gurichoo,
4. Tajuu Shariif,
5. Keeruu Shariif,
6. Sanbataa Oljirraa,
7. Gammachuu Bantii,
8. Yaadesaa Danuu,
9. Caalii Ganjoosaa,
10. Amaanu’el Tafarii,
11. Yoohannis Qixxeessaa,
12. Jamaal Wandimmuu,
13. Shamarree Docaa Hundee
14. Shamarree Jiituu Tamasgeen,
15. Shamarree Indii Isiraaj
Namootni olitti maqaan isaanii tarreefame duula FDG kan taasisanii fi ABOdhaan kan durfaman uummatas kan kakaasan jechuudhaan caamsaa 21,2015 ganama keessaa naannoo sa’a 1:00 tti humna waraana Wayyaaneen ukkaamfamanii mana hidhaatti darbuu gabaasni Qeerroo addeessa.

Seife Nebelbal Radio, May 22, 2015

Aside

Faaruu Alaabaa Oromoo(ABO) Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Oromoon,Caamsaa 21, 2015

Aside

Wayyaanee/TPLF Filannoon Booda Maqaa OPDO Qulqulleessuu Jedhuun Sabboontota Oromoo OPDO keessa jiran Irratti Duuluuf Murtii Irra Gahee Jira.

Aside

Wayyaanee/TPLF ilmaan Oromoo OPDO keessa jiran kanneen sabboonummaa qaban irratti duuluun tarkaanfii hidhaa fi ariisaa fudhachuuf murtii irra gahee jira.

Akka oduu kanaatti OPDO keessatti ilmaan Oromoo sabboonummaa qaban mumul’achuun akeeka ganama OPDOn ittiin ijaaramte, kan akeekaa fi kaayyoo wayyaanee Tigraayi tarkaanfachiisuu jedhu didamaa dhufuu irraa, kun wayyaanee haalaan rifachiisee jira.

OPDO bakka duraatti deebisuun ajajaa fi qajeelfama bifa fedheetuu itti kennamu fudhatee akka hojii irra oolchuuf kan dandeessisu tarkaanfilee adda addaa fudhachuuf murtii irra kan gahan wayyaanotni, ilmaan Oromoo OPDO keessaa sabboonummaa qaban, warra mirga Oromoof haguma xiqqoollee sagalee dhageessisan hidhaa fi ariisaan rukutuun garee Muktaar Kadir warra ajaja itti laatamu qofa fudhatanii wayyaaneef gugguufanii bulanii fi mirga ummata Oromoof falmuuf warra dantaa hin qabne  kana jabeessuuf murtii irra gahanii jiraachuu hubatamee jira.

Bakka sabboontota Oromoo OPDO keessaa ari’amuuf jiranii kana kan qabatu ykn bakka isaanii kan buufamu ammoo Amaarotaa fi Tigroota Afaan Oromoo dubbatan ta’uu oduun kun ni hubachiisa. Kunis murtii Wayyaanee ammaan duraa kan OPDO keessatti abbaan fedhe itti miseensomuu fi hogganuu danda’a jedhu kan haaromsuu fi gadi jabeessu akka ta’es barameera.

 

Dargaggoonni Oromoo Godina Lixa Sahggar Aanaa Daawwoo Keessaa Seeraan Ala Hidhamaa Jiru.

Aside

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 21,2015

Anaa shaggarMootumman Abbaa Irree Wayyaanee hidhaa fi dararaa ilmaan Oromoo irratti kan daraan itti fufe yoo ta’uu gaafa Caamsaa 01,2015 dargaggoo Tamasgeen Asheetee Godina lixa Shaggar Aanaa Daawoo magaala Buusaa keessatti police ergaa ukkamfamee daraara waajjira police aanaa Daawoo ti kan irraa gaha ture yoo ta’uu guyyaa kaleessa Caamsaa 20,2015  manni murtii aanichaa yakka irraa bilisa jedhu illee Seeruma ofii baasan iyyuu kan hin kabajnee abbaan irree mootumma wayyaanee dargaggoo kana baasuu diduun bakka hin beekkamnetti akka geessan oduun nu gahee jira.

Sagalee Simbirtuu Qophii Caamsaa 21,2015

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 20 May 2015

Aside

Har’as,Waraanni Wayyaanee Mooraa Yuuniversitii Wallaggaa Weerare,Barattoota Oromoo Irratti Dhukaasuun Barattoota 5 Haalaan Madeessuun Hosptala Naqamte Seenan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Naqamtee Caamsaa 20,2015

Oromo oromiaCaamsaa 20,2015 Waraannii Mootummaa wayyaanee EPRDF/TPLF Magaalaa Neqemtee fi Yuunivarsiitii Wallaggaa irra qubsiifamee jiru Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Wallaggaa irratti jumulaan rasaasa roobsuunyakka waraanaa barattoota irratti rawwate jira.

Godina Bahaa Wallaggaa Magaalaa Naqemtee keressatti kan argamuu Yuunivarsiitii Wallaggaa keessatti halkan edaa sa’aa 3:00 irratti loltootni mootummaa Wayyaanee Mooraa Yuunivarsiitii Wallaggaa seenuun barattoota irratti rasaasa roobsuun yakka waraanaa barattoota Yuunibarsiitii Wallaggaa irratti rawwatan. Yakka ulfaataa barattoota siivilii, homaa meeshaa tokko illee of harkaa hin qabne kana irratti rawwatameen barattootni Oromoo Shan haalaan madeeffamuun hospitaalaa Neqemtee galanii jiraachuun ibsame. Barattootni Oromoo madeeffaman kunis :

  1.  Barataa Qixxeessaa Buraayyuu barataa Geology waggaa 3ffaa bakki dhaloota godina Horroo guduruu Wallaggaa
  2. Barattuu Boontuu Waggarii barattuu Environmental science waggaa 2ffaa bakki dhaloota wallagga lixaa,
  3. Barattuu Dirribee Badhaasaa barattuu Enviromental Science waggaa 2ffaa bakki dhaloota wallagga lixaa,
  4. Barataa Amiin barataa afaan Oromoo waggaa 3ffaa fi
  5. Barataa Tashalee barataa Afaan Oromoo waggaa 3ffaa kanneen keessaatti argamani.

Yakka waraana mootummaan EPRDF/TPLFn uummata Oromoo fi barattoota Oromoo irratti fudhateen jiraattotii fi hojjettooti hostala Naqamtee haalaan kan gaddan yeroo ta’u Oromoonni adduunyaa irratti bakka hunda faca’anii jiran gochaa hammeenya wayyaanee kaan akka balaaleffatanii fi hirkoo baratootaaf akka ta’an Qeerroo dhaammata.

Gama biraan Haaluma kanaan walqabatee Yuunibarsiitiin Wallaggaa fi Magaalaan Neqemtee rafama guddaa keessa jirti, Mootummaan Wayyaanee lubbuu ilmaan Oromoo fi nageenya uummata Oromoof bakka tokko illee hin qabnee fi tarkaanfii gara jabinaa Oromoo irratti fudhachuun beekamu guyyaa har’aa caamsa 20/2015 immoo Magaalaa Neqemtee keessatti dabballota, fi
kaadiroota isaa waliin hiriira duula filannoo gaggeessa jira. Uummatni Oromoo magaalaa Neqemtee fi yuunibarsiitii wallaggaa humna waraanaa guddaan eegamaa jiruu, Barattootni Yuunivarsiitii Wallaggaa guyyaa hardhaa barnoota dhaabani jiru.

Humni Waraana Wayyaanee Mooraa Yuuniversitii Wallaggaa Qubate Barattoota Irratti Dhukaasee 2 Madeessuun Beekame.

Aside

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 20,2015 Naqamte

Naqi99Bakka qubsuma isaa Yuuniverstii Wallaggaa kan godhate humni waraana federaalaa(TPLF) Naqamtetti bobbaafame uumata magaalaa ba’uu fi galuu dhorkaa jira. Waraanni Wayyaaneen guyyaa kaleessaa mooraa Yuuiversitii Wallaggaa qubate tajaajila barattootaaf ta’u irraa isaaf qoodamee  tajaajila waraanaaf jecha  nyaata,uffata,firaashii utuu hin hanbisin bulchiinsa Yuuniversitiin dhihaateefii jira.

Halkan edaa mooricha keessa deddeemuun barattoota irratti yeroo dhukaasaa bulanitti barattooti 2 akka madaawanii jiran madden gabaasu.

Yuuniverstiin Wallaggaa yeroo ammaa tajaajila barnootaa kennuu irra tajaajila waraanaaf kennan irra guddachaa jira. Kana irratti dabalees prof,Fiqaaduu Bayyanaan deggersa mootummaaf kan kennu yeroo ta’u humna qubate kana tajaajiluun kan mooraa qubachiise keessaa isa tokko yeroo ta’u yeroo ammaa kanatti Profeeser Fiqaaduu Bayyanaa kaadhimamaa Paarlaamaa Wayyaanee kan godhina baha Wallaggaa ka’uun akka kaadhimame ni beekama. Pr Fiqaaduun Waggaa darbe human federaalaatiin barattoota reeba jechuun man caccabsiise ta’un jibbiinsa jabaa uummata Oromootiif qaban agarsiisuun isaa ni yaadatama.