SBO Caamsaa 24,2015. Oduu, filannoo wayyaanee irratti gaaffii fi deebii fi qophiilee fakkaatoo

Aside

Wallagga Lixaatti Uummanni Oromiyaa Miidiyaa Neetworkii (OMN),SBO fi Raadiyoon Oromoo Akka Hin Dhaggeeffanne Dhorkame.

Aside

Gabaasa Qeerroo Wallagga, Gullisoo Irraa Caamsaa 23,2015
OMNMootummaan Wayyaanee yeroo ammaa waan hoji isaa saaxilu, rakkoo uummanni Oromoo keessa jiru miidiyaa addunyaatti dhageesisu gufuu tahuuf shira xaxuuf halkanii guyyaa kan duulu,mootummaan Wayyaanee of tuulaa fi shororkaa’aan uummanni Oromoo Wallagga keessa jiraatu mana mana irraa deemuudhaan miidiyaa OMN,SBO fi Raadiyoon Oromoo  akka hin dhaggeeffanne har’a Caamsaa 23,2015 dhorkuu Qeerroon Wallagga,Aanaa Gullisoo irraa gabaase.

Gabaasni Qeerroo akka addeessutti caasaaleen mootummaa Wayyaaneef amanamoo ta’anii ergama Wayyanee baatanii gandaa fi uummata keessa jooraan wayyaanee barri itti dhufe yeroon itti geesse aangoo isaa irraa yoo bu’e bor waan nyaatan dhabanii bor uummatuma Oromootti kan hafan har’a uummata Oromoo irra deemanii diinummaa kan hojjetanii fi waan mootumman Wayyaanee hojii irra oolchaa jechuudhaan dirqamsiisu
hunda uummata Oromoo goolaa keessa bahee amma ammoo sodaaf kan ta’e miidiyaa kanneen akka OMN,SBO fi RSO xiyyeeffannoo guddaa itti kennuudhaan ummmanni  akka hin dhaggeeffanne jechuun caasaan mootummaaf amanamoo ta’an mana uummataa irraa deemuudhaan akeekkachiisa kennaa kan oolan tahuu gabaasni addeessa.

Keessattuu uummata jiraattota  Wallaggaa magaalotni Gimbii,Najjoo, Gullisoo, Noolee keessatti miidiyaa kana namni kamuu akka hin hordofneef mootummaan dhaamsaa dhaamuu fi uummannis akeekkachiisa mootummaan wayyaanee kenne aarii fi mufii
guddaan itti dhagayame, namotni akeekkachisa mootummaan Wayyaanee dirqamaan itti kenne kana galmaan gahuuf duulan uummata naannoo aana Nooleen ariyaman, uummannis nuti isin hin beeknu miidiyaa nuuf tahu hordofuun mirga keenya mootummaa waan galchu hin qabu jechuun ergamoota diinaaf hojjetan qaaneessuun of ariiyuu gabaasni Qeerroo nugahe addeessa.

Badiyyyaa Keessa Daandiin Konkolaataa Mijataa Waan Hin Taaneef Deemsa Sochii Bakkaa Bakkaa Ariitiif Dhimma Filannoof Daldaltoota Dhok-dhokkee(Motor Saayikilii) Qaban Dirqamaan Akka Mootummaa Tajaajilan Tahaa Jira.

Aside

Odeessa Qeerroo,Caamsaa 23,2015
Naqamte gazFilannoon hiika hin taane, filannoon dhugaan keessa hin jirre, kan maqaan diimokiraasii keessi isaa hannaan guutuu ta’e filannoo uummata Oromoo gabrummaatti hambisu malee dheebuu fi qabsoon oromoo rarraasee hambisu irratti daldaltoota gandaa godinatti taajjabdoota gaggeessuuf kanneen dhok-dhokkee qaban dirqisisan, isaaniis nuti dhuunfaaf malee mootummaadhaaf miti kan dhaabbane jechuun didan, mootummaan Wayyaanee namni ajaja isaa didu kamuu isaaf diina qabeenya isaanii kan dhorkatan diinummaadhaan hidhaman.

Oromiyaa naannoo Shaggar kaabaa, baha Shaggar, Wallaggaa, lixa shawaa baadiyaalee keessa jiran Filannoon mirga uummata Oromoo yoomiyyuu kabachiisee hin beeku, kanaaf qabeenyaan keenya mootummaa diina uummata oromoo tajaajiluu hin qabu, kana nurraa hin eegina jedhanii qaanessan kanneen miseensota isaanii ta’anif gargaarsa kanaaf waadaa seenan, sababuma qabeenyaa isaaniin mootummaa tajaajiluu didaniifis qabamanii hidhaman kunis gabaasni isaa godina Wallagga Qellem irraa,akkasuma shawaa kabaa naannoo Kuyyuu irraa namootni hidhaman jiraachuu Qeerroon gabaase. Dabalataan lixa Wallaggaa aanaa Ayiraa keessaa namootni lama filannoon mootumma akka hin gaggeeffamneef uummata gorsan, adda durummaadhaan guyyaa boruu fincila kaasuuf deemu jechuun tika mootummaa command post fi bulchiinsa aanichaan hordofamuu irraan namootni kun lamaan miliqanii biyyaa bahuu gabaasni addeessa. Namootni kunis Baacaa Shuglee fi Ittaansaa Gizawuu kan jedhamaniidha.
Tika mootummaatiin hordofamaa akka jiran odeessi nugahe kan addeesuu fi magaalaan Ayiraa fi Gullisoo humna waraana wayyaaneen qabamee
jiraachuu Qeerroon gabaasa. Uummanis waraanni nu keessaa haa bahu mootummaan waraanaan maaliif nu doorsisa jechuun uummanni wallagga
lixaa Ayira Gullisoo fincila kaasee jiraachuu Qeerroon gabaasaa jira.

Mootummaan Wayyaanee Barattoota Oromoo Doorsisuufi Dararuu Itti Fufee Waraqaa Eenyummaa Irraa Funaanaa Jira.

Aside

Caamsaa 23,2015 Naqamte

IMG_20150523_021028Halkan edaa barattoota hedduu irraa interneetii fayyadamaa jirtu jechuun Jilli ukkaamsitoota Wallagga bahaa Ahimad nama jedhamuun durfamu doormiitaroota qabatee barattoota Yuuniverstii Wallaggaa gidirsaa bule.
Qaamota hojii basaasaa hojjetuuf caasaa nama Malaaxaa Marabbaa barataa jedhamuun durfamu kan bobbaase barattootarraa waraqaa eenyummaa funaanaa jira Hanga ammaatti barattoota hedduurraa waraqaa kan fudhate too ta’u muraasisaanii

Dastaa ykn Oromiyaa Moosisaa Fufaa waggaa darbe Naqamtetti hidhaa kan ture walga’ii W ayyaanee ganna darbeerratti reebamuun miidhamee Xiqur Anbassaa ykn Hospitaala kan ture,torbee tokko duras qaama Wayyaaneetiin miidhamee Yuunibarsiitii Wallaggaa keessatti kan harkasaa gubba waraannameefi

Moyiibul Misgaanuu  barataa fi waggoota jahaaf manabarumsaarraa kan arii’amaa turee fi waggaa darbe maa’ikelaawwi kan ture

Dhinsaa Abarraa waggaa darbe mama hidhaa kan ture wayita ammaa kana waraqaa eenyummaa irraa fuudhamuun gadibahuufi olgaluu kan hin dandeenye ta’uun beekamee jira

Godina Lixa Shaggar Aanota Meettaa Roobii fi Ada’aa Bargaatti olola Mootummaan Wayyaanee Maqaa Filannoo Dharaatiin Oofaa Jiruun Walqabatee FDG Jabaatee Itti Fufe.

Aside

Caamsaa 22/ 2015  Meettaa Roobii

diddaa9Godina Lixa Shaggar  Aanota Meettaa Roobii fi Ada’aa Bargaatti olola mootummaan wayyaanee maqaa filannoo dharaatiin oofaa jiruun walqabatee FDG jabaatee itti fufe. Ummatni Oromoo aanota kanneen keessatti argaman shiraa fi daba mootummaan wayyaanee maqaa filannoo dharaan nurratti hojjachaa jiru fuuldura ni dhaabbanna jechuudhaan mootummaa gabroomfataa balaaleffachaa jiru. Mootummaan wayyaanee gabroomfataadha, mootummaa nama nyaataadhaa, mootummaa sobduudha, hattuudha, kanaaf gabrummaa baannee buluun nutti ulfaachaa jira, mootummaa nama nyaatu, mootummaa sobduu fi hattuudhaan hin bullu jechuudhaan sagalee irratti dhageessisaa jiraachuun ibsame. Mootummaan wayyaanees shira hagana hin jedhamne maqaa filannootiin dalagaa jiraachuun ifa ta’e. Kaabinootni fi Kaadirootni mootummaa wayyaanee aanota kanneen keessatti halkanii fi guyyaa manneen ummataarra naanna’uudhaan KAARDII FILANNOO HAARAA qopheessanii dirqamaan fudhachuu qabdu jechuudhaan ummata mana ofii jiraatu dararaa jiraachuun ibsameera. Kaardii haaraa yeroo ammaa kanatti dirqamaan raabsaa jiran kana buufata filannootti osoo hin taane karaa kaabinootaa fi kaadiroota mootummaan akka galchuu qabaniif dirqisiifamaa jiraachuun ifa ta’e. Sanumaa namni tokko kaardii haaraa kana hanga shaniitti fudhachuu akka qabuu fi ummatni gidirfamaa jiraachuun ibsame. Kanneen kaardii haaraa kana humnaan itti kennamee fi dabballootni mootummaa odeeffannoon kuni akka jalaa hin baaneef ummata manarra deemuun kakachiisuun waadaa galchuuf yaalanillee bakkoota garaagaraatti diddaan ummataa muudate. Mootummaa gabroofataa, nama nyaatu, mootummaa sobduu fi hattuu osoo ija keenyaan agarruu, osoo gurra keenyaan dhageenyuu akkamiin kakannee kaardii dharaa fudhanna jechuudhaan fuuldura ijjachuun dhaga’ame. Sababa kanaan walqabatee dargaggootni fi barattootni Oromoo aanota kanneen keessa jiran mana hidhaatti darbamuu fi dararamaa jiraachuunis ifa ta’e. Mootummaan wayyaanee yeroo ammaa kanatti dargaggoota kanneen sochii ummataa duuba isintu jira, ummata nurratti qindeessaa fi leenjisaa jirtu jechuudhaan reebicha hamaa fi miidhaa qaamaa cimaa namoota hedduurraan akka gahaa jiran ifatti barameera.

Haaluma kanaan Aanaa Meettaa Roobii magaalaa Eelaatti kanneen humnoota poolisii federaalaa wayyaaneetiin reebichaan qaamaa ulfaatan irra ga’ee:

1. Dargaggoo Alamuu Baqqalaa Gurmuu

2. Barataa Taaddasaa

3. Barataa Dirriboo fi kanneen biro hafan biroo dabalatee miidhaa qaamaa cimaan kanneen irra gahedha.

 Kana malees haaluma walfakkatuun , Aanaa Ada’aa Bargaatti dargaggootni Oromoo hedduun hidhaatti guuramuun dararamaa jiraachuun ibsame jira. Dargaggootni heddummina qaban qabamanii hidhamuu kan gabaase maddii keenya, ilmaan Oromoo kun gariin hidhaman yeroo amma kana eessa buuteen isaanii dhabamuun ibsame jira. Kanneen maqaan nu hin geenye akka nu qaqqabeen kan isiniif gabaasnu ta’uu ni hubachiifna.

      Haaluma walfakkaatuun kaabinootni mootummaan wayyaanee torban darbe irraa eegaluudhaan dabballota isaanii sadarkaa gandaa hanga Aanaatti shira ummatarratti dalagamuuf adeemu iratti leenjii kennuun dhaga’ame. Buufatawwan filannoo naannoo keessan jirurratti KFO yoo injifate, bakka jirtanitti jeequmsa kaasuudhaan korojoon filannoo akka ibiddaan gubatu gochuu irraa duuba hin deebi’inaa, taajjabdoota irratti immoo tarkaanfii hamaan akka fudhatamuu qabuu fi sana booda kaardii haaraan mana manatti kennamaa jiru akka firii filannootti nuuf haa galu jechuudhaan leenjii kennaa jiraachuun ifatti saaxilame. Taajjabdootni KFO illee yeroo ammaa kanatti mana hidhaatti guurramaa jiraachuunis ibsame. Sababa kanaan walqabatee ummatni mootummaan wayyaanee shira hamaa nurratti xaxaa waan jiruu fi sagalee keenya humnaan saamuuf waan qophaa’eef fincila amma eegalle irraa duuba hin deebinu, kan sodaatanis du’a, sodaannees mana ofiitti du’aa jirra, mootummaan afaan qawweetiin sagalee keenya hin saamu jechuudhaan FDG finiinee gara fuulduraatti tarkaanfachiisuuf murannoon kan ka’anii fi duubatti kan hin deebine ta’uu ifatti ibsataniiru!

FDG Filannoo Wayyaanee Fesheleessuu Irratti‏.

Aside

Berliin 2Mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa filannoo guyyaa tokko hafe milkeessuudhaaf humna qabu mara biyya keessa dhangaalaasee jira.
Miidiyaalee of harkaa qabuunis guyyaa filannoo sanatti buufata irraa fageenya tahe namni fagaachuu akka qabu dubbataa, buufatni filannoos eegumsa guddaadhaan akka eegamu mootummaan wayyaanee humna qabuu fi caasaa isaa jabeeffataa kan jiruudha. Karoora Qeerroo guddaan filannoo mootummaa buufataalee jiran hunda jeequu fi fesheleessuudha kunis Yeroo ammaa dhaabbilee barnootaa yuuniversitiilee keessatti FDG eegale filannoon akka hin adeemamneef taasifamuu eegale, FDG dura dhaabbachuufis humni mootummaa wayyaanee meeshaa barattoota nagaa irratti dhukaasuu fi boombii darbataa jiraachuu gabaasa Qeerroo garagaraa ni hubatama. Akka walii galaatti guyyaa boruu irraa eegalee Finfinnee yuuniversitii, manneen barnootaa sadarkaa garagaraa fi koollejjiwwan keessatti itti fufa. Torbee keessa jirru kana keessa
Yuuniversitiilee hunda keessatti barattootni barumsa hin barannu, bilisumma booda baranna jechuudhaan barumsa dhaabanii kan jiran Yuuniversitii Wallagga, Amboo,Finfinnee, Adaamaa, Bulee Horaa,Madda Walaabuu,Jimmaa fi Mattuu, akkasuma mana barumsaa sadarkaa garagaraatti barumsi kennamaa hin jiru.
Filanoodhaan Bilisummaa akka hin dhufne uummanni oromoo hunduu kan beekuudha. Paartileen mormitootaa yeroo ammaa Filannoodhaan injifanna, filannoodhaan uummata Oromoo bilisa baasna jedhanii lafa dhiitan shira mootummaan wayyaanee bara isaanii guutuu irratti xaxaa bahe xiinxilanii baruu dadhabuun filannoodhaan akka injifannoon dhufuutti lafti nun gahin jedhu, caasaan paartiwwan kanneen akka OFC keessa
jiran gara FDGtti luucca’uudhaan furmaanni diddaa jabeessuun tahuu hubatanii Filannoo wayyaanee jeequu irratti bobbahaa jiru, keessattuu dargaggooni guyyaa filannoo sanatti buufataalee jiran hunda jeequu, fincila kaasuun filannoon akka hin gaggeeffamne irratti qophayanii jiru.
Buufata Filannoo hunda jeequu fi fincila kaasuun furmaata ta’uu irraa kan hafe filanoodhaan mootummaan wayyaanee aangoo gadhiisuu akka hindandeenye hubatamee amma FDG eegale kun itti fufaa jira. Sodaa kanaan uummata sabboontota oromoo hedduu mana hidhaatti guuruu eegaltee jirti kun furmaata hin tahu, uummanni oromoos hidhamuun ajeefamuunis qabsoo keenyarra boodatti nun deebisu jedhee diddaa jabeessee jira.

Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee Sodaaa Qeerroo Bilisummaa Jecha Filatnoo Danquuf Duula Banaa Jira.

Aside

q-news3aaCaamsa 23/2015 Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee EPRDF soda guddaaFDG Qeerroon Bilisummaa Oromoo narratti kaasuuf jira jedhuu fiFilannoo fakkeessii fi waldha’insaa isaa irratti uummatni dammaquun Yaaddoo hamtuu keessa seenuun yeroo amaa kanatti Kutaalee Oromiyaa gara garaa irratti humna waraanaa guddaa daangaa biyyaa eegan gara Oromiyaatti deebisuun Uummata Oromoo dura dhaabbachaa jira. Godina Lixaa Oromiyaa Magaalaa Amboo, Gudar, Giincii, Geedoo, Baakkoo,Shaambuu,Fincaa’aa, Neqemtee, Najjoo, Gimbii, Danbii Doolloo, fi godina Kibba Dhihaa Oromiyaa Walisoo, Jimmaa, Baddallee fi Mattuu irra caamsaa 20/2015 irraa eegaluun hoomaan Waraana Wayyaanee
dabalataan qubsiifame,Waraanni wayyaanee kun baay’inni isaa guddaa kan ta’ee kanneen afaan Oromoo dubbachuu hin dandeenyee fi walii walii
isaanitti illee Afaan dubbachuu hin dandeenye, heddumminaan kan keessatti argamu immoo Gumuuzii ,Anyuwak, fi Gambeellaa,Tigiree,
Amharaa fi Ilmaan Oromoos hammi xiqqaan kan keessatti argaman irraan kan ijaaraman bifa haaraan kan bobbaasaa jiru ta’uu madden keenya
gabaasan. Addatti immoo Magaalaan Jimmaa, Neqemtee fi Amboo dirree warannii keessatti leenjifamu kan fakkataan ta’uun ibsame jira.
Uummatni Mootummaan nu bulchaa jiru mootummaa dargii duraanii irra kan Caaluu Dargii 2ffaa kan Afaan Qawweetiin nu bulchaa jiruuf hin jilbeeffannuu , waranaa wayyaaneen nurratti bobbaase kanaaf tajajiila bishan, Nyaata, dhugaatii garaagaraa akka hin kennine jechuun dhaamsa
waliif dabarsaa jiru. Keessattuu hanga gaaffiin mirga abbaa biyyummaa fi dimookiraasii nuuf deebi’utti hanga bilisummaa keenyaa fi
walabummaan biyya keenyaa nuuf mirkanaa’utti hidhaa fi ajjeechaan duubatti kan isa hin deebifne ta’uu wal hubachiisuun, Waraana
Wayyaanee gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi dimookiraasii gaafachuuf dhaamsa waliif dabarsee jira. Dhaabbileen Barnoota olaanoo Oromiyaa kanneen akka yuunibarsiitii Amboo, Wallaggaa, Jimmaa, Mattuu, Gimbii, Adaamaa, Harammayyaa, Dirree Dawaa, Hawaasaa, Bulee horaa, Maddaa Walaabuu, Arsii,fi Walqixxee humna Waraanaan marfamanii eegama jiru. Gama biraatiin filannoon Wayyaanee guyyaa boruu gaggeeffamuuf jiruu haala waliindhahaa fi filannoo sobaa kan ta’ee kun dhaabbilee barnoota olaanoo Yuunibarsiitotaa, koolleejjootaa fi Mooraa Waraanaa biyyatti
keessatti mormitootni eegduu Sagalee uummataa (Taajjabduu) akka hin ramadannee mootummaan wayyaanee EPRDF dhorkee jira. kun amala
mootummaa abbaa irree olola maqaa dimookiraasii sobaan jiraatuu ibsa, wayyaaneen olola maqaa filanuu kanaan umrii isaa dheereffachuuf utuu
fiigaa jiruu Qeerroon barattootni Oromoo hidhaa, fi ajjeechaan dhaabuu hin dandeenye uummata Oromoo irratti dammaqfachuun olola kijibaa
wayyaanee jala dhaabbachuun lafa dimookiraasiin hin jirreetti filannoon hin jiru jechuun Mootummaa wayyaanee abdii fixachiisaasuun wayyaaneen humna waraanaa qofatti dhimma bahaa jiraachuun ibsame jira.

The Ethiopian Sham Election Serves Only The Dictatorial Government

Aside

ABOThe Tigray dictatorial ruling class was built on excessive military power. The regime indulged the country into extreme poverty. The corruption of the ruling class was one of the main machinery that put the country into the highest level of economic inequalities where the few members of the ruling class became the richest and the majority of the citizens are unable to even earn their daily bread.  This high level of inequality resulted into absolute poverty, migration and loss of lives of hundreds of thousands of people. Today hundreds of thousands of Ethiopian people are living in hunger and insecurity in their own country.  Some are cherished in Sahara desert and Mediterranean Sea while they were trying to escape from unfair and abusive government.

For the last 24 years, since the Tigray ruling class  came to power, the corruption, displacement of people and human rights abuses have increased with the tremendous speed. This misery darken the political space and eradicated people’s hope for democracy. The Ethiopian people have been denied political freedom and rights of expression of their opinions. In this current regime, it is a crime to have different political opinion rather than supporting the Tigray ruling class’s party. The Ethiopian regime recorded highest level of Human rights abuses, killings, and intimidations not only in African continent but also in the world.

The Tigray ruling class came to power with military force; it has built its dictatorial regime on military power and will continue to do so. One party dictatorship rule was the vision they had from the very beginning. They proved their vision within the last 24 years. In the future, they want to rule Ethiopia under one party dictatorship rule. The Tigray ruling class never listened to the Ethiopian people, nor willing to listen in the future. The responses to peoples’ questions were imprisonments, tortures and killings.  The Ethiopian sham election serves only the dictatorial government

Barattooti Oromoo Godina Wallagga,Giddaa Ayyaanaa Keessatti Hiriirra Mormii Sirna Wayyaanee Taasisan.

Aside

Caamsaa 22,2015 Giddaa Ayyaanaa

diddaa9Hiriirri mormii sirna Wayyaanee EPRDF mata duree biyya abbaa ofii garboomfataa Habashaa jalaa baasuuf jedhu  Giidda Ayyaanaa keessatti barattoota Oromoon gaggeeffame.

Jimaata har’aa Gidda magaalaa Ayyaanaa jedhamu keessatti warraaksa FDG Qeerroo barattoota sabboontota Oromootiin dhalate hiriirri guddaa taasifame, haala kanatti kan rifate mootummaan Wayyaanee akkuma amala isaa dheengadda barattoota Yuunivarsiitii Wallaggaa irratti haleellaa geggeessee barattoota madeessee kan ture waraanni Wayyaanee magaalaa Naqamtee irraa gara Giddaa Ayyaanaatti utuu imaluu fi fooggalaan deema utuu jedhuu malkaa macci malkaa laga angar irratti balaa konkolaataan poolisooti paatrooliin tokko guutummaatti caccabanii hospitaala Naqamteetti guuramuu fi namoonni saddeet gara malee madaawuu gabaasi nu gahe addeessa

ቄሮ :የኦሮሞ : ወጣቶች: ለነፃነት: ንቅናቄ :ድምፅ: የሳምንቱ: ዜና ::/Sagalee Qeerroo Bilisummaa

Aside