SBO Caamsaa 27,2015. Oduu, Filannoo kijibaa wayyaaneen walqabatee FDG Oromiyaa keessatti deemaa jiru irratti gabaasa bal’aa, akkasumas dhimmuma kanaan walqabatee gaaffii fi deebii dargaggoo Dachaasaa Lammii waliin akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Barattoota Oromoo Yuniversitii Walqixxee Filannoo Kijibaa Hin Filatiin Hafan,FDGs Yuuniversitiilee Biroo Keessatti Itti Fufe!‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 26,2015
Wayita ammaa kana dhaabbilee barnootaa yuuniversitii Oromiyaa keessa jiraanii fi naanno biraattis argamu keessatti FDGbarattoota
sabboontota Oromootin finiinaa jiraachuun waan beekamee uummata, hojjetoota mootummaas itti hirmaachisuudhaan mirga uummata Oromoo kabachiisuuf itti fufee jiruudha, filannoo kijibaatiin kubbuun namaa osoo darbuu jaallan hedduun mana hidhaatti waraana wayyaaneen qabamanii utuu guuramanii akkamiin nama callisiisa jechuudhaan akkasuma diddaa utuu dhukaasni irratti dhuka’uu barattootni
yuuniversitii Bulee Horaa keessatti kaasan rasaasa dura dhaabbatanii falmii gageessuu fi tarkaanfii konkolaataa wayyaanee 4 irratti
fudhatuu deeman uummata kan boonsee hanga har’aatti mooraan Yuuniversitii Bulee Horaa dirree qabsoo fakkaattee kan jirtuu, haaluma
kanaan yuuniversitii Walqixxee keessatti barattootni naannoo Oromiyaa irraa dhufan filannoo irratti guutummaan guututti hin hirmaanne nuti filanno dhugaa fi diimokiraasi jennee yeroo keenya hin balleessinu jechuudhaan filannoon naannoo oromiyaatti barattoota oromoo moorichaan hin gaggeeffamin hafuu Qeerroon har’a gabaase,yuuniversitiilee kanneen akka Haromayyaa, Hawaasaa, Asellaa,Walloo, Dirre Dawaa fi Mattuu keessatti waraqaa filannoo irratti barattootni akkuma jirutti Haayilamariyamin gaggeessuudhaaf kunoo Hihadegin filleerra,
OPDOn ergamtuudha, hattuudha, abba garaati Uummatatti taphachuun haa dhaabbatu, kan hidhaman haa bahan, sagaleen
keenya haa dhagahamu,
Filannoon amma gaggeeffamuu isaatii diimokiraasiidhaan? Kan filannu hin barre, Mootummaan kun ammas yeelloo malee aangoo isaatti fufuufii? Ofii keessani of filtanii filannoo jettuu nuti miseensa ABOti, Mootummaa naggaadee waliin tapha hin deemnu bosonatti galla malee
Kan jedhu waraqoota filannoo irratti barreessuun gabaasni nu gahe addeessa. Akkuma yeroodhaa yerootti gabaasni ibsu ammas mootummaan Wayyaanee FDG aangoo irraa nu buusa jedhee shakkuu irraan barattoota yuuniversitii fi manneen barnootaa keessaa fi alatti humna waraana isaa qubachiisee jiraachuu Qeerroon gabaasaa jira.

Sabboonaa Oromoo Obboo Giddiisaa Camadaa Caamsaa 24/2015 Loltoota Wayyaaneen Ajjeefame,Uummata Miidaa Qanyii FDG Jabaaf Kaase.

Aside

Caamsaa 26,2015 Goototni Uummatni Oromoo AANAA MIDAA QANYII guyyaa har’aa gana irraa eegaluun reeffa sabboonaa Oromoo obboo Giddiisaa Camadaa dheengaddaaCaamsaa 24,2015 loltoota Wayyaaneetiin rukutamee Hospitaalaa dhufaa jiruu daandii cufuun eegaa jiru Godina Lixa Shaggar AANAA MIDAA QANYII tti Waarraqsaa FDG uummatni Oromoo fi Dargaggootni Qeerroon Oromoo filannoo kijibaa Wayyaanee irratti gaggeessan irratti Waranni wayyaanee dhukaasee sabboonaa Oromoo Obboo Giddisaa Camadaa Ajjeesee, uummatnni Guyyaa har’aa Uummatni Oromoo AANAA MIDAA QANYII Reeffa Obboo Giddisaa Camadaa daandii cufee egaagaa jiraachuun ibsame jira. Waranni wayyaanees uummata daandii Cufee sabboona ilma Oromoo Obboo Giddisaa Camadaa eegaa jiruu bittinneessuuf hanga baay’ina uummata olta’uu ramadamee uummatarratti bobbafamuun ibsame jira, Haaluma Wal fakkaatuun Aanaa Calliyaa geedoo irrattis uummatni daandiitti ba’ee Reeffa sabboonaa Oromoo Obboo Giddisaa Camadaa Finfinnee hospitaalaatti sakkatta’amee deebi’aa jiruu eegaa jiraachuun wal qabatee FDG guddaan ka’uuf akka jiruufi mootummaan Wayyaanees waraana guddaa bobbaasa jiraachuun ibsame.
Yeroo amma Kanatti maanneen barnoota AANAA MIDAA QANYII keessatti argamaan sadarkaa 1ffaa hanga sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaatti jiran Cufamanii jiraachuun ibsame jira. hojjettootni mootummaa fi daldaltootnis hojii isaanii dhaabuun sabboonaa Oromoo Obboo Giddiisaa Camadaa Eegaa jiraachuun ibsame jira.

Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Keessaatti Barattooti Oromoo fi Sabaa fi Sab-Lammii Filatnoo Wayyaaneen Mormuun Korojoo Dhorkatan.

Aside

Yes We Can!!Caamsaa 26/2015 Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaatti Filannoon fakkeessii mootummaa Wayyaanee Qooda fudhannaa barattoota Oromoo fi
Barattoota ilmaan sabaa fi Sablammoota biyyatti malee hafuun fashaala’e. Kaardii filannoo Wayyaanes bakka tokkotti walitti qabuun
dhorkatan.
Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa filannoon gaggeeffamaa jiru, haqa dhabeessa fi kijiba afaan qawwee fi humna
waraanaan gaggeeffama jiruu waan ta’eef hin filannu jechuun murtii fudhatan. Mootummaan Wayyaanee barattoota dirqisiisee filachiisuuf
yaalii guddaa gochuun humna waraanaa fi tikaa hedduminaan Mooraa Yuunibarsiitii Jimmatti olgalchuun barattoota doorsisuuf waraana
irratti bobbaasullee goototni barattootni Oromoo filmaata Wayyaanee irra tasuma qooda kan hin fudhannee ta’uu baaksisuun mormii guddaa
sirna wayyaaneef akka qaban ibsachuun kaardii filannoo wayyaanee walitti qabuun guban, filaamaticha irra qooda fudhachuun gatii kan hin
qabne ta’uu ibsan. Mootummaan wayyaanee barattootni Oromoo filmatichatti hirmaachuu waan didaniif guyyaa har’aa Yeroo 3ffaaf
barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa bahaa nu filadhaa jechuun beeksisa maxxansan. Goototni barattootni Oromoo filmaata jechaa humna waraanaa fi pooliisii federaalaan nu doorsisuun dhaabbachuu qaba,
Mootummaan WAyyaanee biyya goolessaa waan jiruuf yakka uummata biyyattii fi keessattuu Uummata Oromoo irratti raawwachaa jiruuf
seeratti dhiyaachuu qaba jechuun dhaamsa dabarsan. Sabboontootni barsiisotni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa filannoon Mootummaan EPRDF/TPLF maqaa dimookiraasiin dahatee gaggeessa jiru filannoo utuu hin ta’ii shororkeessummaadha, keessattu abbaan irrummaa fi jibbinsii guddaan Mootummaan kun Uummata Oromoof qabu ifatti kan ittin muldhatee fi mootummaa gara laafina tokko malee bara darbee irraa eegaluun ilmaan Oromoo gara jabeenyaan ajjeessaa, hidhaa fi barnoota irraa arii’achaa jiran waan ta’eef yakka ulfaataa uummata Oromoo irratti irra deddeebi’ee rawwatamaa jiruuf itti gaafatamaan mootummaa EPRDF/TPLF fi Mootummaa naannoo Oromiyaan bulcha jechaa jiru OPDO ta’uu gadi jabeessuun dhaamsa dabarasan.
Yeroo amma kanatti goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa maqaa FDG narratti kaasuuf jedhuun yaaddoo hamaan qabamee humna waraanaa fi poolisii federaalaan Yuunibarsiitii Jimmaa eegaa jiraachuun ibsame.

Godina Lixaa Shaggar AANAA MIDAA QANYII Dargaggoonni Oromoo Uummata Waliin Wal Tahuun Korojoo Filatnoo Buufata Adda Addaa Wayyaanee Dhorkatan.

Aside

Geedoo fi tokkee kuttaayyee

Caamsaa 26,2015 Godina Lixaa Shaggar AANAA MIDAA QANYII Qeerroon dargaggootni Oromoo Uummata Oromoo waliin ta’uun FDG finiinsuunFalannoo fakkeessii wayyaanee fashaleessuun korojoo filatnoo buufata gara garaa irraa dhorkatan
Caamsaa 24,2015 guyyaa filannoo Wayyaanee AANAA’n MIDAA QANYII gara dirree waraanatti jijjiramte. Warraqsii FDGs haalan jabaatee itti fufuun Uummanni fi Qeerroowwan dargaggootni Oromoo wal ta’uun korojoo filannoo wayyaanee sagalee sobaan guutame ibiddaan barbadeesse, Waraannii wayyaanee fi poolisiin federaalaa wayyaanee gandoota baadiyaa aanichaa irra qubsiifamee, Uummatni Oromoo fi Qeerroon dargaggootni Oromoo Waraana wayyaanee irratti gaaffii mirga Abbaa biyyummaa finiinsan, Guyyaa har’aa Caamsaa 25/2015 FDG haalaan jabachuun kan itti fufe yoo ta’uu Uummatni fi Qeerroon dargaggootni Oromoo halkan daandiiwwaan konkolaataa gara gandoota baadiyyaatti geessuu bakkota hedduutti cufuun waraana Wayyaanee sochii dhorkatan. Waraanni Wayyaanees Uummata sodaachisuuf sagalee meeshaa gurguguddaa dhageesisuun kan itti fufe gaaffii uummataa karaa nagaan uummatni dheeffachaa jiruuf deebii waraana gochuun amala mootummaan abbaa irree qabuu fi jibbinsa sanyii Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF uummata Oromoof qabu ta’uun ibsame jira. Sochiin Warraaqsaa FDG haalaan jabaachuun walqabatee Uummatni Oromoo qotee bulaa, Qeerroon dargaggootni ,barattootni daldaltootni, barsiiftonni hojjettootni wajjiraalee garaagaraa keessa dalagan hojii dhaabuun gara FDGtti kan dabalamanii fi qooda gudduu warraaqsaa FDG irraa fudhachaa jiraachuun ibsame jira.

Mootummaan wayyaanee haalaan raafamee kufuuf jiruu FDG kana dura dhaabachuuf humna waraanaa guddaa AANAA MIDAA QANYII irraa keessattuu gandoota baadiyaa irra qabsiise jirachuu madden Qeerroo Bilisummaa Oromoo Baallaammii irraa gabaasan. Tarkaanfii diinummaa Waraannii wayyaanee kun uummata nagaan mirga isaaf falmatu irratti fudhateenis ilmaan Oromoo madaa’anii hospitalaa kan galani, fi ilmaan Oromoo 60 olitti lakka’aman humna waraanaan qabamuun hidhatti kan darbataman ta’uu maddii keenya ibsa jira.

Shaggar Kaabaa Keessatti Gaaffiin Mirgaa Itti Fufee Uummanni Karaa Cufuun Diddaa Jabeessaa Jira.

Aside

Caamsaa 26,2015 Gabaasa Qeerroo Fiichee

diddaa9Godina Shaggar Kaabaa magaalota Fiichee, Caancoo,Sulultaa irraan daandiin kutu uummataan cufamee jira, Gabroomnee jiraachuudhaaf
gabroonfataan humnaan nu bituuf qawwee qajeelfatee ka’e wayyaaneen uummata keenya fixuudhaaf wayita karoorfatee ka’etti callisuun
waanjoo gabrummaa of irratti dheeressuudha jechuun filannooos deemne jijjiiramni jiru diina nurratti aangomse jechun FDG shaggar kaabaatti itti fufee jira, uummanni qe’ee isaa qabeenyaa isaa beela osoo hin jedhin erga filannoon kijibaa wayyaanee raawwatee asitti mootummaa Wayyaanee ofirraa fonqolchuu, bilisummaa gonfachuu abdii wal godhatee deggersa Qeerroo Bilisummaatiin Fincilli ka’ee itti fufee jira,
Magaala keessa jirutti uummanni daandiitti bahee iyyaa fi waamicha dabarsaa jiraachuu amma Qeerroon magaala Sulultaa irraa gabaasa.

Warraaqsi Bilisummaa Qeerroon Oromoo Godina Lixa Shaggar Aanaawwaa Godinichaa Garaagaraa Keessatti Jabaatee Itti Fufe.

Aside

Caamsaa 26,2015 Amboo

33Godina Lixa Shaggar Aanaawwaa Godinichaa Garaagaraa Keessatti FDG Qeerroo Dargaggoota Oromoo ttiin jabaachuun Itti fufe, hoomaan waraana Wayyaanee gandoota baadiyaa keessa qubsiifame . AANAA MIDAA QANYII tti FDG dargaggoota Qeerroo barattoota
Oromoo fi Uummata Oromoon filannoo fakkeessii wayyaanee fashaleessuuf qabsiifame daran jabaachuun itti fufe Aanawwaan GOdinichaa humnda keessatti warraaqsii FDG jabachuun finiinaa jira. AANAA ILUU GALAAN IJAAJJII irrattis haaluma walfakkaatuun uummatni Oromoo fi Qeerroon dargaggootni Oromoo Warraaqsa FDG jabeessuun mootummaa abbaa irree filmaata fakkeessii fi kijibaan dhaadatu dura dhaabbatan, Mootummaan Abbaa irree Wayyaanees humna guddaa of harkaa qabu uummatarratti bobbaasuun rasaasaa Uummata meeshaa tokkoolee of harka hin qabnetti dhukaasuun ajjeesaa ,fi madeessaa jiraachuun ifa ta’ee jira.

Haala kanaan AANAA ILUU GALAAN ganda Xiixaa Gibee jedhamu irraa dargaggoon Oromoo tokko ajjeefamuun gabaafame jira.
1, Dargaggoon Tashoomee kan jedhamuu gandaa qotee bulaa Xiixaa Gibee irratti kan ajjeesan ta’uun ibsame jira. FDG qonnaan bultootaa fi
qargaggootni Oromoo qabsiisaniin bulchinsa gandaa to’achuun kanaan booda Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee nu hin bulchitu jechuun
dhaadannoon uummata jabaate itti fufe, Mootummaan Wayyaanees kanatti rifatuu keessa seenuun ilmaan Oromoo dhukaasee ajjeessaa jira.
Warraaqsii FDG daran jabaachuun AANAA MEETTAA ROOBII ttis itti fufuun Qeerroon daragaggootni Oromoo fi Uummatni Oromoo AANAA MEETTAA ROOBII tokkummaadhaan Mootummaan wayyaanee akkuma amala isaa kanaan dura baretti waggaa shan shaniin baratti maqaa filannoo dharaatiin uummata keenyaa gowwomsuun dhaabbachuu qaba jechuun filmaataa waliin dhahaa wayyaanee balaaleffachuun FDG irraatti kaachisuu madden Qeerroo bilisummaa Oromoo gabaasan. Haaluma Kanaan sochii kana dhaabsisuuf MEETTAA ROOBII gandootaa fi magaaloota adda adaatti poolisiin federaalaa humnaa ol ramadamuun uummatni reebama jira. Keessattuu magaaloota kanneen akka Eelaa, Minaaree, Gooroo, Laga Roobii, Shinoo fi gandoota baadiyyaa keessatti uummatni waraana fi poolisii federaalaan wal dura dhaabbacha jira. Aanaawwaan Lixa Shaggar kanneen Akka Jalduu, Giincii, Gindabarat, Ejeree, keessattis haala walfakkaatuun mormiin uummata Wayyaanee irratti jabaachuun uummatni hanga mootummaa mataa keenyaa hundeeffannutti mootummaa abbaa irree jalatti hin bulluu jechuun murtii walitti dabarfachaa jiraachuun madden keenya gabaasan.

Godina Horroo Guduruu Wallaaggaatti Magaalaan Shaambuu Humna Waraana Poolisii Federaalaan Marfamte.

Aside

Caamsaa 25,2015  Shaambuu

dsc02316

Mootummaan abbaa irree Afaan qawween uummata bulchaa jiraachuu isaa ibsachuuf uummata karaa nagaa gaaffii mirgaa fi dimookiraatawaa ta’ee dhiyyeeffachuun mirga isaaf falmachaa jiru irra humna waraanaa qubsiisaa jira. Mootummaan Wayyaanee filannnoo waliin dhaa isaa irratti uummatni Waan dammaqeef, waan qabuu gadhiisuu fi waan ittin uummata gowwomsuu waan harkatti dhumeef FDG uummatni Oromoo irratti gaggeessa jiru irratti humna waraanaa bobbaasanii Uummata darara jira.
Maalaa Shaambuu, Aanaa Jimmaa Gannatii magaalaa Haratoo, Jaartee Jaardagaa magaalaa Aliiboo, Hamuruu, Jimmaa Raaree fi Fincaa’aa irra humni poolisii Federaalaa fi Agaaziin uummata irra qubsiifamee uummata goolaa jirachuun gabaafamera, AANAA JIMMAA GANNATI’ tti ilmaan Oromoo hidhamuun daraaraan ulfaata irra ga’aa jiru keessa :
1. Dargaggoo Nugusaa Biraanuu fi
2. Dargaggoo Tolaasaa Abbaa Garoo, kan kaassaatti argamaan ilmaan
Oromoo 10 wajjiraa Poolisii magaalaa haratootti hidhamanii dararamaa jiraachuun ibsame jira.

Wallagga Lixaa Aanaa Haaruu Magaala Jiituu/Guyii Keessatti Sagaleen Uummataa Filatame Nama Lamaan Gurgurame,Fincillis Ka’e

Aside

Caamsaa 25,2015 Gabaasa Qeerroo Haaruu

Filannoo Dhugaa Seenee Filanne Garuu Sagaleen Keenya Ni Gurgurame Jedhu Uummanni Wallaggaa Lixaa, Aanaa Haaruu Magaala Jiituu/Guyii. Gabaasa Qeerroo Magaala Guyii Irraa,Caamsaa 25/2015 Mootummaan abbaa biyyaa bulchu erga lafa jalee warra bilisummaa uummata oromoo dura dhaabbatan, maqaa Oromoo baatanii Oromoo irratti kan dhaabbatan aanjefatee booda filannoon baranaa filannoo diimokiraasii, mirga paartii barbaadu filatuu sagalee isaa mirkaneessuu, fi filannoo nagaan gaggeeffamuudha jedhee miidiyaadhaan gurra uummataa coolligsaa bahe, erga filannoon gahe nutis dhuguma filannoo diimokiraasiin keessatti dagaage seenee kaardii filannoo fudhannee filuuf hiriirre kunoo paartii haatahu jennee sagalee keenya laanne NI GURGURAME wallaggaa lixaa aanaa Haaruu magaala Guyii keessatti namoota lamaan:

  1. Zarihun Tamasgeen Tarfaasaa fi
  2. Abboomaa Magarsaatiin

Sagaleen keenya mootummaa wayyaaneetti gurgurame jechuudhaan uummanni fincila kaasee jira. namootni kun duris sabboonummaa Oromoo dura dhaabbatu, mirgi namaa isaan biratti akka yakkaatti ilaalamee mootii isaaniif gabaasa godhu, daaimmaan keenya oromummaa isaanii qabatanii guddatan diinaaf saaxiluuf kennuu irratti duulanii osoo hojjetanii
amma ammoo mootummaan filannoon kun kan diimokiraasii jedhee odeessinaan filatne garuu sagalee keenya nuuf taha jennee filannee turre wayyaaneetti gurgutan, itti bahi keenya kana akka hin taane ni beekna, filannoodhaan milkaahuun hafu Bilisummaan keenya FDGn kan milkii geessu hin hankaaktu jechuudhan uummanni jiraattotni aanaa Haruu keessatti fincila irra jira, namootni gurguddoon maanguddooliin poolisii mootumma wayyaaneen utuu doorsifamanii saa ammaa kana diddaa qabsiisanii jiru. Dhuguma FDGtu uummata oromoof bilisummaa fida!

Shaggar Kaabaa,Kuyyuu Irratti Maqaa Filannootiin Saamichi Mootummaadhan Gaggeeffame

Aside

Godina Shaggar kaabaa ona kuyyuu ganda darroo birbirsaatti qarshiin kuma soddomii shaniifi midhaan kumtaalli kudha jaha ummatarraa walitti qabame as buuteen isaa dhabame.Wayyaaneen guyyaa filannoo ummataaf affeerraan godhama jettee maallaqaa fi midhaan sassaabaa turte dhimma filannoo isheef oolfatte.Ummannis waadaa galameef gaafa dhabu wayyaanee irratti finciluun raafama keessa buusuun addeeffame.

Ummanni filannoon keessan soba hojiin keessan hunduu soba jechuun mormiiisaa dhageessifachuun Wayyaanee baarragsan. Maallaqakeenya midhaan keenyas nuuf deebisaa nuti isin hin barbaadnu jechuun Wayyaanee kokkee qabaa oolan. Ummanni nuti nyaata fi dhugaatii osoo hin taane bilisummaa barbaanna kanaafuu lammin nu dhaqqabaa jechaa jiru.