“Siin Eega Jaala Koo, Kan Hidhaa Jirtuu” Wallee Haaraa Gaaddoo Shamsaddiin,Caamsaa 29,2015

Aside

Naannawa Shaggar Aanaa Sulultaa Ganda Dubar Keessatti Mootummaa Abbaa Irree Wayyaaneen Uummata Nagaa Goolaa Jira.

Aside

Caamsaa 30,2015 Sulultaa

Filmaata WayyaaneeNaannawa Shaggar Aanaa Sulultaa Ganda Dubar Keessatti mootummaa abbaa irree Wayyaanee diddaa uummataa dhaamsuuf uummata gooluu itti fufe. Mootummaa abbaa irree Wayyaanee TPLF filannoo dharaa fi fakkeessii yeroo darbe gaggeessuuf yaale irratti uummata isa deeggaru dhabuun sagalee uummataa haatuun isaa ni beekama. Sagalee uummataa hatuu irraan kan ka’e uummanni Oromoo Qeerroo waliin ta’uun FDG finiinsaa kan jiru yoo ta’u, mootummaan TPLF akkuma amala isaa diddaa uummataa dhaamsuuf guyyaa har’aa AanaaSulultaa ganda Dubar keessatti karaa dabballoota kaadiree fi tikoota isaan uummata mana manatti irra naaanna’uun dargaggoota keessan dhoowwadhaa, mootummaa irratti fincila kaasaa jiru waan ta’eef guyyaa har’aa irraa eegalee dargaggoo karaatti bahee falmu irratti mootummaan tarkaanfii fudhata jechuun doorsisaa oolan.

Qeerroo Oromoo Aanichaa fi gandicha keessatti argamu FDG daran jabeessee kan itti fufu tahuu dhaamsa qaban waliif dabarsaa uummanni Oromoo naannoolee Oromiyaa hunda irraa Qeerroo Bilisummaa waliin tahuun FDG daran finiinsuu akka qaban dargaggoonni aanichaa waamicha lammummaa dabarsu.

Qophii Sagalee Seife Nebelbal Caamsaa 29,2015

Aside

Sagalee Simbirtuu Qophii Caamsaa 28,2015

Aside

Caamsaa 28/2015 Godina Lixa Shaggar AANAA MEETTAA ROOBII Keessattis Fincilli Ummataa Daran Jabaachaa Dhufe.

Aside

DiddaaGodina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobii keessatti holola mootummaan Wayyaanee maqaa filannoo dharaatiin afarsuun walqabatee fincilli ummataa Magaalota akka Gooroo, Eelaa, Minaaree, Laga Roobii, Shinoo fi gandoota baadiyyaa kanneen akka Suubbaa Gaajoo, Dhalataa, Qaxqaxoo, Kuyyuu Gicii cimee Kan itti fufe tahuun ibsameera.

Addaatti immoo Uummatni Oromoo Meettaa Roobii ganda ‘’Kuyyuu Gicii’’ jedhamtuu ganda gootichi Oromoo Jaal Laggasaa Wagii itti dhalatee yoo taatu yeroo amma kana FDG finiinsuun qamni mootummaa Wayyaanee sadarkaa Aanaa irraa hanga Sadarkaa Federaalaatti jiru kamuu akka nutti hin seennee jechuun of irraa kan ittisan ta’uun ibsame jira. Yeroo Ammaa kanatti Gadindi dhalootaa Gooticha Oromoo Laggasaa Wagii qama bulchiinsa Aanaa illee of irraa ittisuun, diina dura dhaabbatan milishootni  gandaa illee gara uummataa hiriiruun qaamni mootummaa kamuu hidhatees, ergama addaas qabaatee akka ganda Kuyyuu Giciitti hin seenne dhorkatan, hanga bilisummaan keenya gonfanutti halagaaf garboomnee hin bulluu jechuun uummatni murtoo fudhachaa jira.

Akka Waliigala guutummaa AANAA MEETTAA ROOBIItti  Ummatni sagalee keenya diinaaf hin laatnu jechuun,filmaata sobaa keessatti hirmaachuun fafa jechuun uummatni karaan keenyaa tookichaa kanaan booda falmannee falmachiisuuf murtii fudhannee jirra jechuun FDG jabeessuun kan itti fufan yoo ta’uu , Caamsaa 26/2015 gandoota baadiyyaa keessatti korojoon filannoo wayyaanee utuu gara Aanaa Geessuuf adeemanii uummatni itti iyyuun koree boordii irraa fudhachuun ibiddaan barbadeessuun gabaafame, Waraanni wayyaanee uummata sodaachisuuf sagalee dhukaasaa meeshaa gurguddaa dhageesisaa jiraachuun ibsame jira.

Mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo shororkeessee jiraachuu akkuma bare sababa kanaan walqabatee guyyaa har’aa dargaggoo Taaddasaa Shifarraa magaalaa Gooroo keessatti loltoota mootummaa wayyaatiin rukutamee Hospitaala Phaawuloos Finfinnee galuun dhagahame. Haaluma walfakkatuun dargaggootni Oromoo fi qonnaan bultootni lakkoofsaan 40 ol tahan yeroo ammaa naannuma kanaa mana hidhaatti darbamanii dararamaa jiraachuunis barame. Uummatni Oromoo AANAA MEETTAA ROOBII Waan manaa baaneef mana argannutti manatti hin deebinu, Kan manaa baaneef Bilisummaa fiduufi malee rasaasa diinaan reebamnee galuu miti jechuun Ibsa ijjannoo baafatan ummatni naannichaas. Qabsoon daran finiinee itti fufee jira.

Qeerroo/ Wallee Haaraa Shimelis Abbabuu Dabalee

Aside