Faaruu Alaabaa Oromoo(ABO) Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Oromoon,Caamsaa 21, 2015

Aside

Wayyaanee/TPLF Filannoon Booda Maqaa OPDO Qulqulleessuu Jedhuun Sabboontota Oromoo OPDO keessa jiran Irratti Duuluuf Murtii Irra Gahee Jira.

Aside

Wayyaanee/TPLF ilmaan Oromoo OPDO keessa jiran kanneen sabboonummaa qaban irratti duuluun tarkaanfii hidhaa fi ariisaa fudhachuuf murtii irra gahee jira.

Akka oduu kanaatti OPDO keessatti ilmaan Oromoo sabboonummaa qaban mumul’achuun akeeka ganama OPDOn ittiin ijaaramte, kan akeekaa fi kaayyoo wayyaanee Tigraayi tarkaanfachiisuu jedhu didamaa dhufuu irraa, kun wayyaanee haalaan rifachiisee jira.

OPDO bakka duraatti deebisuun ajajaa fi qajeelfama bifa fedheetuu itti kennamu fudhatee akka hojii irra oolchuuf kan dandeessisu tarkaanfilee adda addaa fudhachuuf murtii irra kan gahan wayyaanotni, ilmaan Oromoo OPDO keessaa sabboonummaa qaban, warra mirga Oromoof haguma xiqqoollee sagalee dhageessisan hidhaa fi ariisaan rukutuun garee Muktaar Kadir warra ajaja itti laatamu qofa fudhatanii wayyaaneef gugguufanii bulanii fi mirga ummata Oromoof falmuuf warra dantaa hin qabne  kana jabeessuuf murtii irra gahanii jiraachuu hubatamee jira.

Bakka sabboontota Oromoo OPDO keessaa ari’amuuf jiranii kana kan qabatu ykn bakka isaanii kan buufamu ammoo Amaarotaa fi Tigroota Afaan Oromoo dubbatan ta’uu oduun kun ni hubachiisa. Kunis murtii Wayyaanee ammaan duraa kan OPDO keessatti abbaan fedhe itti miseensomuu fi hogganuu danda’a jedhu kan haaromsuu fi gadi jabeessu akka ta’es barameera.

 

Dargaggoonni Oromoo Godina Lixa Sahggar Aanaa Daawwoo Keessaa Seeraan Ala Hidhamaa Jiru.

Aside

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 21,2015

Anaa shaggarMootumman Abbaa Irree Wayyaanee hidhaa fi dararaa ilmaan Oromoo irratti kan daraan itti fufe yoo ta’uu gaafa Caamsaa 01,2015 dargaggoo Tamasgeen Asheetee Godina lixa Shaggar Aanaa Daawoo magaala Buusaa keessatti police ergaa ukkamfamee daraara waajjira police aanaa Daawoo ti kan irraa gaha ture yoo ta’uu guyyaa kaleessa Caamsaa 20,2015  manni murtii aanichaa yakka irraa bilisa jedhu illee Seeruma ofii baasan iyyuu kan hin kabajnee abbaan irree mootumma wayyaanee dargaggoo kana baasuu diduun bakka hin beekkamnetti akka geessan oduun nu gahee jira.

Sagalee Simbirtuu Qophii Caamsaa 21,2015

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 20 May 2015

Aside