Raadiyoo Sagalee Oromoo Tamsaasa Ebla 8,2015

Aside

Ayyaanni OPDO Yuuniversitii Gambeelaatti Kabajamuuf Ture Feshele, Barattootni Oromoo Moorichaas Faarsuu Qabsoo fi Dhaadannoo Dhageessisaniin Humni Waraanaa Naannoo Yuuniversitichaa Qubate.

Aside

Gabaasa Qeerroo Mattuu,Ebla 8,2015

diddaa9Ayyaanni Dh.D.U.O Yuuniversitii Gambeelatti kabajamuuf har’a Ebla 8,2015 akeekame barattoota Oromoo Yuuniversitichaan feshelaa’e.
Gabaasa Qeerroo Godina Iluu Abbaa Booraa magaala Mattuu Irraa har’a Ebla 8/2015 nu qaqqabeen maqaa Ayyaana jedhuun oromiyaa godinootaa fi dhaabbilee barnootaa keessatti mootummaa wayyaanee waggaa 25 guutuu uummata ajeessaa, hidhaa, qabeenyaa uummata Oromoo irratti duula saamichaa gaggeessaa jiru faarsuun dirqamaan uummataa fi barataa bobbaasaa kan jiran gabaasa Qeerroo nugahaa jiru irraa kan hubatamuudha. Haaluma kana fakkaatuun ayyaanni kun barattoota Oromoo mooraa Yuuniversitii Gambeelaatti akka kabajamuuf guyyaa har’aa akeekame barattootni sirba qabsoo fi dhaadannoo dhageessisuudhaan qondaalota OPDO keessaa achitti argaman dura dhaabbachuun mooraan Yuuniversitichaa kan dura ta’ee hin beekne weelluu qabsoon guutame, tikni mootummaa Wayyaaneen fageenya irraa waamamuudhaan naannoo Yuuniversitii sana qubate.

Dhaadannoo barattoota oromoo mooraa Yuuniversitii Gambeelaan dhageessifameen walgayii fi ayyaanni OPDO feshalaa’een:
– Nuti sabboontota Oromooti,OPDO hin beeknu ABO malee!
– OPDOn uummata Oromoo bakka hin buune,bakka bu’uus hin danda’u!
– Uummata oromof kan dhaabbatee qabsoo hadhawaa gaggeessaa jiru WBOn nuuf haa dhufu!
– Yaa OPDO dhiigni ilmaan oromoo lola’e isin haa gaafatu!
– Oromoon mirga isaaf hidhame haa gadhiifamu!
– Miidiyaan sobaa nurraa haa dhaabbatu!
– Wayyaaneen gabroonfataadha nurraa haa ka’u!
Jechuudhaan sagalee dhageessisan, dhaadannoo fi weelluunis haala aarii jabaatiin barattootni oromoo mooricha wal qindeessuudhaan dhageessisan, humni waraana wayyaanee magaalaa fi bakka Tarbi Shaalakaqaa jedhamu irraa sosso’uudhaan gara mooraa yuuniversitichaa qubachuu Qeerroon magaalaa Mattuu irraa odeessa dhiyeessa.

Ebla 15,Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisee Faaruu Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa

Aside

Godina Arsii fi Bakkeewwan Birootti Qonaan Bultootni Oromoo Saaminsa Lafaa Dura Dhaabbachuudhaan Investeroota Halagaa Arii’an‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Ebla 7,2015 Asallaa

Oromian resistanceUummatni Oromoo saaminsa lafaa Mootummaan Wayyaanee fi Investerootni alagaa fudhachaa jiran dura dhaabbachaa jira. Godina Arsii aanaa Gololchaa ganda Siree Baggoo fi Furda Bal’aa jedhamee beekamu keessatti investerri mootummaa Wayyaanee waliin harka mirgaa tahee hojjetu Mohaammed Amaan jedhamu lafa qotee bultootaa fudhachuuf wayita jedhutti Uummatni qotee bultootaa dura dhaabbatanii jiran. Investera kanaaf mootummaan wayyaanee Heektaara 1000 ol kan kenniteef yoo tahu qotee bultootni gandoota kanaa nuyi qe’ee keenya irraa hin buqqaanu, Lafti kan keenyadha jechuudhaan diddaa dura dhaabbatanii lafa isaanii dhorkachuun investera kana tokkummaadhaan ka’uun arii’anii jiran. Haaluma wal fakkaatuun Godina Baalee aanaa Daalloo mannaa fi Godina Wallagga bahaa Haroo Limmuutti mootummaan wayyaanee lafa qotee bultootaa investeroota Lammii Biyya Australiadhaaf kan kennite yoommuu tahu Uummatni gamtaan ka’uudhaan lafa isaa akka falmatu Qeerroon waamicha dabarsa.

SBO Ebla 08 Bara 2015.

Aside

Oduu, Ibsa Ejjennoo Kora Miseensota ABO Kutaa Kanadaa fi Koricha ilaalchisee gaaffii fi deebii geggeeffame akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo Qophii Ebla 6, Bara 2015

Aside

Shirri Filmaata Sobaa Wayyaaneen Deema Jiru,Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobii Keessatti FDG Kaase,Manneen Barnootaa CufamaniiOromoonni Hedduunis Hidhaman.

Aside

Gabaasa Qeerroo Lixa Shaggar Ebla 07,2015

diddaa9Gaafa Ebla 5,2015 Godina Lixa Shaggar keessa itti shira filmaata sobaa Wayyaaneen wal qabatee adeema jiru ,Aanaa Meettaa Roobiitti FDG uummataa fi dargaggootaa barattoota Oromoon jabatee itti fufuun manneen barnoota cufaman,duulli hidhaas uummata Oromoo irratti jabaatee itti fufuu Qeerroon naannicha irraa gabaasa.

Mootummaan Wayyaanee torbaan darbe keessa Godina Shaggar Lixaa Aanaa Meettaa Roobiitti ummatni dirqamaan waggaa 25ffaa Dh.D.U.O akka kabajuuf mana mana irra deemee karaa dabballoota isaan uummata  doorsisaa ture. Ummatni kabaja ayyaana kanaa guutummaatti lagannaan konkolaataan ummata geejjibu tajaajila ummata dhaabee milishoota isaa akka geejjibuuf dirqisiisaa ture. Ummatnis tajaajila geejjibaa dhabuu hin qabnu jechuun mirga isaaniif yommuu mormatan konkolaataan kamuu Aanaa Meettaa Roobii keessaa gara biraatti akka hin baane dhoowwaa turan. Dhumarratti dabballootni mootummaa Wayyaanee walga’ii  taa’uun namni tokko sa’aa 12:00n booda karaa irratti argamnaa rasaasaan akka rukatamu dhaamsa ajaja dabarsanii turan.

Kuni kanumaan osoo jiruu gaafa Ebla 4,2015 Aanuma kana Magaalaa Eelaa jedhamtu keessatti  diddaa sirna mootummaa Itiyophiyaa (Wayyaanee) gaggeessuuf uumata gurmeessitaniitti jechuun hidhaatti nama guuraa jiru.  Namoota yeroo ammaa Waajjira Poolisii Magaalaa Eelaatti argaman keessaa muraasni;

1.Hirkoo Magarsaa

2.Hirkoo Giree

3.Baatiruu Giree

4.Abraham Bantii

5.Addisuu Hayilee

6.Damshuu Ajabii

7.Addunyaa Ajabii

8Addunyaa Badhaadhaa

9.Taaddasaa Hayiluu

10.Bokii Caalaa

11.Dajanee Baatuu

12.Margaa Naga’oo

13.Isiyaaq Damee fi kanneen biroo yommuu ta’an Namoota ja’a immoo gara biraatti dabarfaman keessaa muraasni;

1.Taaddasaa Daadhii

2.Tasfaayee Urgaa’aa

3.Gizaachoo Iddeessaa

4.Dirribaa Tsaggaayee fi warra maqaan hin qaqqabin biroo turan. Haala kanaan Barattootni Mana Barnootaa Eelaa Amuumaa Sad.1ffaa fi Mana Barnootaa Meettaa Sad.2ffaa achuma Magaalaa Eelaa keessatti argaman, barattootni hidhaman hanga gadi nuuf dhiifamanitti gaaffii mirgaa gaafachuu itti fufna jechuun barnoota dhaabaniiru. Haaluma kanaan ummata nagaan mana isaa jiraatu ABO manatti olkeessanii sooraa jirtu jechuun manneen namootaallee akka sakatta’aman taasisaa jiru.

“Gabrummaan nu Gaya,Ka’i Yaa Ilamaan Oromiyaa” Wallee Haaraa Sabboonticha Artist Aliyyii Saabit

Aside

Taamsaasa Raadiyoo Sagalee Oromoo Qophii Ebla 6,2015

Aside

Empowring Macha Tulama

Aside

Maccaa fi Tuulama

Objective

  • To empower Macha Tulama Cooperative & Development Association (MTA) so that the organization can achieve its mission.

Mission

  • The mission of MTA is to advocate for sustainable cultural and socioeconomic development in Oromo society with a focus on rebuilding indigenous national institutions based on Oromo democratic tradition and values such as the Gadaa system.

. The specific activities MTA has outlined to achieve its mission are on the website that we have developed for this plan: http://machatulama.org/#/aboutMTA

Empowring Macha Tulama