Mooraan Yuunivarsiitii Jimmaa humna Waraanaa Poolisoota Fedaraalaa Wayyaaneen Marfame. Humnootni Tikaa TPLF Heddumina Qabu Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa fi Koolleejjii Barasiisota Jimmatti Ramadamuu Qeerroon Gabaase

Aside

Gabaasa Qeerroo Jimmaa Ebla 18,2015

Ebla 17/2015 Mooraan Yuunibarsiitii Jimmaa humna Waraanaa Poolisoota Fedaraalaa Wayyaaneen Marfame. Humnootni Tikaa TPLF Heddumina Qabu Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa fi Koolleejjii Barasiisota Jimmatti Ramadamuu Qeerroon Gabaase Guyyaa har’aa kabajni Guyyaa Gootota Oromoo Ebli 15 fiYaadannoon wareegamtoota uummata Oromoo fi gootota dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo Ebla 2014 FDG irratti wareegamanii Waggaa tokkooffaan isaa guyyaa har’dhaa bifa ho’aa ta’ee fi hedduu ajaa’ibsiisa ta’een gootota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi Koollejjii barsiisota Jimmaan kabajamuun wal qabatee mootummaan Wayyaanee raafama ulfaata keessa seenuun humna waraanaa , basaastoota fi dabballoota isaa dhabbilee barnootaa mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa, koolleejjii Barasiisota Jimmaa fi magaalaa Jimmaa irratti bobbaasuun uummataa magaalaa illee doorsisaa olee jira. Goototni Qeerroon barattootni Oromoo guyyaa kaleessaa Ebla 16/2015 galgalaa irraa eegaluun barruulee warraaqsaa gootoota Oromoo kan faarsuu fi gaaffii mirga abbaa Biyyummaa uummata Oromoo kan of irraa qabu Mooraa Yuunivarsiitii keessatti barattootaa fi jiraattoota fi hojjettoota hundaaf bittinneessuun Magaalaa Jimmaa keessatti maaxansaa buluun guyyaa har’aa Ebla 17/2015 immoo gana sa’aa 12:00 egaluun uuffata gaddaa uffachuun nyaataa fi barnoota dhaabuun ifatti haala ho’aa ta’een kanajachuun mootummaa Wayyaanee raafama ulfaataaf saaxilan.

Haluma kana irraa ka’uun abbaan irree mootummaan Shororkeessa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n sodaa ulfaataa keessa seenuun dhiphatee waan qabee gadhiisuu dhabaa jiruu mooraa yuunibarsiitii Jimmaa arfan Main campus, mooraa Economics and Business, mooraa Agriculture fi Mooraa saayinsii fi teeknoloojii galma irra poolisoota isaa dhaabuun barattoota fi hojjettootaa hunda irratti sakkatta’insa guddaa gaggeessa oole. Magaalaan Jimmaas raafama guddaa keessa jirti. goototni qeerroon barattootni Oromoo immoo sodaa tokko malee wareegama kamuu baasnee mirga keenyaaf ni falmanna, mirga bilisummaa uummata keenyaa fi walabuummaa biyyaa keenyaa hanga gonfannutti duubatti hin deebinu sochiin warraaqsaa FDG itti fufa wareegama kamuu baasuuf qophii ta’uu ibsachaa jiru.

ቄሮ:የኦሮሞ:ወጣቶች:ለነፃነት:ንቅናቄ:ድምፅ:የሳምንቱ:ዜና:: April 17, 2015

Aside

Goototni Barattootni Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 fi Waggaa Tokkooffaa FDG Ebla 2014 Irratti Ummata Oromoo Wareegamanii Bifa Adda Ta’een Kabajatan

Aside

Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Jimmaa Ebla 17,2015

Photo0038 Photo0039Goototni  Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa  Ebla 15,2015 irraa eegalanii GGO bifa addaan kan kabajatan yeroo ta’u, addatti ammo  guyyaa har’aa Ebla 17,2015 ganama barii lafaa irraa eegaluun haala aja’iba ta’een GGO fi waggaa tokkoffaa guyyaa wareegamtoota uummata  Oromoo bara darbee Ebla 2014 irraa eegaluun qabsoo FDG haala ajaa’ibsiisa ta’een qabsiisuun mootummaa wayyaanee hamma funyaanitti qawwee hidhatee dura dhaabbachuun mirga abbaa biyyuummaa uummata Oromoo kabachiisuuf wareegama qaalii baasaaniif yaadannoo waggaa 1ffaa haala adda ta’een kabajachuu eegalan, kanas uuffata gurraachaa uffata gaddaa uffachuun, nyaata lagachuu fi barnoota dhaabuun itti fufan.

Ebla 15-16,2015 Sadarkaa Maadhee fi Miseensota Qeerroo gootota sabboontota Oromootiin walitti dhufuun haala ajjaa’iba ta’een qabsoo bilisummaa Oromoo irratti marii baldhaa gochuun, kaayyoo gootota keenyaa galmaan ga’uuf FDG egallee wareegama qaalii kanfalaa jirru tokkummaa uummata keenyaa jabeessuun uummata keenyaa waliin taanee falmannee falmachiisuuf kutannoo fi murannoodhaan kan qabsoofnu ta’aa,jechuun murtii isaani ibsatan.

Duutii hidhaan duubatti nu deebisuu hin danda’uu, qabsoon bilisummaa Oromoos duubatti deebi’uu hin danda’u diinnis uummatni keenyas kana hubachuu qaba,  Saba ofiif wareegamuun gootummaa gootummaa caaluudha, erga duuti hin ollee du’a gootaa du’uu qabna, gootni gaafa du’uus lammaffaa dhalate, maqaan isaa bara baraan dhahama jechuun seenaa gootota Oromoo sirriitti wal barsiisuu fi haala qabsoon bilisummaa Oromoo amma irraa jiruu fi haala rakkoo siyaasa biyyatti hudhee qabee jiru irratti marii baldhaa gochuun, mootummaa abbaa irree dhabamsiisuun uummata keenyaa bilisoomsuuf kaayyoo gootota keenyaa fiixaan baasuun dirqama dhaloota qubee ta’uu goototni Qeerroon barattootni Oromoo yuunibarsiitii Jimma wal hubachiisuun waadaa isaanii haromsachuun guyyaa Ebla15 GGO.gootota Oromoo Ebla 15 fi guyyaa wareegamtoota uummata Oromoo fi gootota dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo bara darbee Ebla 11/2014 irraa eegaluun qabsoo bilisummaa finiinsuun  warregama qaalii kanfalan yaadachuun kaayyoo isanii galmaan ga’uuf FDG gama hundaan itti fufsiisuuf, barruulee warraaqsaa gootota barattoota oromoo faarsuu fi kan gaaffii mirga abbaa biyyuummaa fi gaaffii waa’ee master pilaanii Finfinnee qabatee magaalaa Jimmaa, Aggaroo, fi mooraalee Yuunibarsiitii Jimmaa Main campus, Mooraa Saayinsii Fi Teeknoloojii  fi mooraa Economics anda Business, fi mooraa Agriiculture keessatti Ebla 17/2015 halkan guutuu maxxasaa fi bittinneessa  buluun   Guyyaa har’aa ebla 17/2015 haala ajaa’iba ta’een goototni dargaggootni Qeerroon  barattootni  Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa ganama sa’aa 12 irraa eegaluun uuffata gaddaa uffachuun, nyaataa lagachuu fi barnoota dhaabuun guuyyaa gootota Oromoo ebla 15 fi guyyaa wareegamtoota gootota Oromoo bara darbee qabsoo FDG finiinsuun baatii Ebla 2014 gara jalqabaa irraa egaluun warrgama qaalii kan falan waggaa 1ffaa isaa haala ajaa’insiisa ta’een kabajatan. Uummatni sabboontotni Oromoo Magaalaa Jimma dargaggoota Qeerroo barattoota oromoo irraa dhaamsa darbeef fudhachuun uffata gaddaa uffachuu fi guyyaa har’aa kana hojii isaanii dhaabuun hojii seena qabeessa qeerroon bilisummaa Oromoo gaggeessuu kana irraa qooda guddaa fudhachuu jiraachuun ibsame.

GGO Ebla 15 JimmaHaaluma walfakkaatuun GGO fi guyyaan Wareegamtoota uummata Oromoo fi dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo Ebla 2014 FDG finiinsuun wareegama qaalii baasan Sirni Yaadannoo dungoo diimaa Magariisaa qabsiisuun  godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti haalaan itti fufe jira, FKn Godina Iluu Abbaa Booraa, Yuunibarsiitii Mattuu, Magaalaa Mattuu, Magaalaa Baddallee : Lixa Shaggar Magaalaa Amboo, Yuunibarsiitii Amboo, Magaalaa Gudar, Xiquur Incinnii, Geedoo, Midaa Qanyii Ballammii, Jalduu, Gindabarat,Godina Kibba Lixa Shaggar Magaalaa walisoo, Yuunibarsiitii Walisoo, Yuunibarsiitii Walqixxee,  Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Finca’aa, Shaambuu, Haratoo, fi godina Bahaa wallaggaa Magaalaa Neqemtee fi Aanawwaan godinichaa keessatti,  Yuunibarsiitii Wallaggaa, Godina Lixa Wallaggaa, Gimbii, Asoosaa, Mandii, Dambii Doolloo keessatti uummatani sabboontotni Oromoo fi goototni dargaggootni barattootni Oromoo haala ajaa’iba ta’een kabajachaa jiraachuu madden keenya gabaasa jiru.

Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 Ilaalchisee Faarsuu Haaraa

Aside

Yuniversitiilee 11 fi Manneen Barnootaa Sadarkaa Addaa Keessatti Guyyaan Gootota Oromoo Ebla 15,Bifa Walfakkaataan Kabajamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

  • Yuuniversitii Jimmaa:-

    image-ad93a1d22ca25460e8b690ee92e9105a3d46fd56cb34ee2011b0e57de0438531-VJiraattota uummata magaala Jimmaa kan hirmaachise barattoota yuuniversitii waliin tahuudhaan ganama sa’a 1:00-7:30tti barumsa dhaabuun,hojjetaan mootummaa hojii lagachuun, poolisoonni fi barsiisonni yuuniversitii Jimmaa fi koollejjii barsiisotaas walitti dhufuun GG kanaaf yaadanno taasisan, Imaanaa wareegamtootni dhaloota kanatti kennes galiin gahuudhaaf deggersa barbaachisu seenuun buusii fi waan qabsoof oolus godhan, waadaa qabsoof seenuun hojjetoota mootummaa irraas dhagayame.

  • Yuuniversitii Asoosaa:

    Qeerroon yuuniversitii Asoosaa kaleessa irraa kaasuun jala bultii GG barattoota oromoo yuuniversitichaa guutummatti hirmaachisuudhaaf akkasuma guyyaa kabajamaa yaaddannoo gootota wareegaman kanaaf bakka laachuun barumsi dhaabbachuu, barataan kamuu nyaata lagachuu, hucuu gaddaa uffachuun guyyaa kana ayyaanota jiran irra addaan kabajuu qabna jechuun waraqoota moora keessa maxxansuu waamicha taasisaniin barattootni oromoo moorichaa guutummaatti guyyaa kana haaluma jedhame kanaan kabajatan, ilmaan habashootaa mooricha keessatti argaman sochii Qeerroon dhhimma kanaaf taasiseen waraqoota bittimfaman saniif barumsa dhaabuun akka waan fincilli ka’uu mooraa gadhiisuun guyyaa kana mooraa ala turuu fi akka walii galaatti mooraa guutuutti barumsi hin baratamne, kaaffeen cufaatti oole,manni kitaabaas akkasuma tajaajila hin kenning hafuun Qeerroon gabaasee jira. kunis kan taheef barattootni habashaa mooricha keessa jiran barattootni oromoo dubbii kaasuuf kan jedhuu sodaadhaan mooraadha baqatan barattootni oromoo GG kanaaf barumsa dhaabuun waamichis taasifameera kanumaan walii galaan barumsi dhaabbachuu gabasichi addeessa.

  • Guutummaan Gabaasa Qeerroo:-  Gabaasa Kabajaa GGO Oromiyaa Keessaa, Ebla 15 2015 pdf

Raadiyoo Oromoo fi Sagalee Simbirtuu Qophii Ebla 15,2015

Aside

Yuuniversitii Wallaggaa Keessa Guyyaan Gootota Oromoo Ebla 15 Kabajamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Yuuniversitii Wallaggaa: barattootni mooraa Yuuniversitii Wallaggaa hucuu gaddaa uffachuudhaan, barumsa dhaabuun, nyaata lagachuudhaan kan kabajatan tahuu odeeffanaan isaa addeessa.  Humni waraana mootummaa Wayyaanee kanaan duras sodaa barattootni Oromoo Yuuniversitii kanaa gaaffii mirgaa kaasuun yeroodhaa yerootti falama dhugaa ifatti baasaniif qubatee tureef har’as guyyaa kana sodaa irraan gara mooraatti humni waraana cgeessuun buufatee oole, Barattootnis moorama keessaa osoo hin bahin guyyaa kana bifa qindaaween kabajuun gabaasni Qeerroo hubachiisee jira.

 

Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo Qophii Ebla 15,2015

Aside

Oromiyaa Keessatti Yaadannoo GGO Ebla 15, Haala Hoo’aadhaa fi Bifa Qindaayeen Walfaana Kabajame!

Aside

image-ad93a1d22ca25460e8b690ee92e9105a3d46fd56cb34ee2011b0e57de0438531-VGGO akkuma beekamu waggoota muraasa dura mooraa qabsoo qofa keessatti kan kabajamaa fi yaadatamaa turee fi namoota muraasaanis Oromiyaa keessatti kabajamaa ture har’a uummata Oromoo oromiyaa keessatti dhaloota ammaan uummata oromoo hunda kan hirmaachise yaaddannoon Gootota oromoo jijjiirama har’a jiru kanaaf lubbuu isaaniin wareegamaniin akkasuma asuma dhiyootti bifa jijjiirrate saamicha lafa oromoo fi uummata oromoo lafa isaa irraa buqqisuuf as bahe dura dhaabbachuun,akkasuma mirga uummata oromoo kabachiisuudhaaf wareegama qaalii baafamen daa’imaa hanga maanguddootti waggaa darbe Ebla 14/2015 kaasee oromiyaa keessatti wareegamaniif addatti yaadannoo taasisuudhaaf,walumaa galattis jaarraa 19ffaa irraa kaasee hanga har’aatti qabsaa’ota uummata isaa oromoo fi dachee isaa oromiyaa bilisa baasuudhaaf waraagaman yaadachuudhaan bakkeewwan garagaraatti yaadatamuun kabajamee oole,kunis odeessa Qeerroo kutaa oromiyaa keessaa fi dhaabbile barnootaa keessaa nugaheen akka kanaa gadiiti.

  1. Dhaabbilee Barnootaa Keessatti:-
    • Yuuniversitii Adaamaatti—
  • Barattootni Oromoo ganama irraa nyaata lagachuudhaan huccuu gaddaa uffachuun dabarsan,
  • Barumsa irratti hirmaannaa dhaabuun ykn barumsa cufachuudhaan,
  • Gama mootummaa wayyaaneen mooraa keessa poolisoota mooraa fi security isaa tamsaasuun olii gadi kaachisaa oolan,
  • Manni kitaabaa sadii ol sodaa jiruun akka cufaatti ooluisaatuu gabaafama.
    • Yuuniversitii Finfinnee:-
  • Aka walootti barattootni moora yuuniversitii kiiloo 4,5 fi kiiloo 6 irraa walitti dhufanii barumsas dhaabuudhaan kabajanii jiru,
  • Akkasuma dame yuuniversitii Finfinnee magaala keessa jiranis bakkuma jiraniitti kan kabajan yoo tahu jala bultii irraa kaasanii sochii barattootni oromoo taasisan gurra diinaa waan bu’eef ganama irraa kaasanii hordoffii jabaan mooraa keessatti akka geggaffametu gabaasni dhiyaata.
  • Maqaa GAOn kan dhaabbate keessattis barattootni taasisuudhaan GGO kana yaadannoo taasisaanii jiru,
  • GGO sababeessuudhaan ilmaan oromoo waggaa darbe 2014 keessa wareegaman maatii isaaniif gargaarsa taasisuudhaaf buusii qarshii taasisan,
    • Yuuniversitii Amboo:-
  • Yuuniversitii Ambootti torban kana jalqaba irraa kaasanii GGO kana kan baranaa adda taasisuudhaan yuuniversitii fi koollejjii ogummaa fi teknikii barattootni barumsa dhaabanii jiru,
  • Mooraa keessaa bahuudhaan magaala keessas kan jiru barataas tahe uummanni miilla qullaa isaa fi hucuu gurraacha uffatuun guyyaa oole,
  • Maatii warra jaallan waggaa darbe wareegamanii dubbisuudhaan gargaarsaa fi waliin gadda yaadanno sa’a muraasaa taasisan,
  • Hojjetaan mootummaa magaala Amboo fi aanaaleen garagaraa irraa hojii dhaabuun guyyaa kabajamaa kana yaadatan.

SBO Ebla 15 Bara 2015: Oduu, Dhaamsa ABO Ebla 15, guyyaa goototaa ilaalchisee fi qophiilee garaagaraa.

Aside