“ከኦነግ ጀርባ የኦሮሞ ሕዝብ አለ!” ሊሸሽጉት ያልተቻለ እዉነታ!

Aside

ጂቱ ለሚ April 06, 2015

Barreessaa dhugaa baasa!ሰዉዬዉ ቁጭ ብለው ሌሊት-ሌሊት ያሰባሰቧቸዉን የፈጣን ሎተሪ ቲኬታቸዉን እየቀያየሩ ሲፍቁ፣ ሲያስፍቁና ከሎተሪ መዉጫዉ ጋር ሲያመሳክሩ ያድሩ ነበር አሉ። እናማ አንደኛዉን ሲሞክሩት ውጤቱ ሌላ ነዉ። በሌላኛዉ ቢመኩም የባሰበት ሆነ! ሌላም ቢተካ ተስፋ ዬለውም። ላይተዉት ነገር የቤቱ ምሰሶና ማገሩ ‘በፈጣን ሎተሪዎቹ’ ተስፋ ላይ የተዋቀሩ ናቸዉ። አንዱ ሲጣል በሌላዉ ሲተካ ዉጤቱ እየራቀ ተስፈዉም እየመነመነ ቤቱ አልጸና ብሏቸዉ ላይ-ታቹን ሲኳትኑ በእልህ የመጨረሻ ዕድል ለመሞከር ባሕር ማዶ ድረስ ተሻግረዉ ታላቁን ‘ቶምቦላ’ በዉድ ዋጋ ይጋዛሉ። ዕድሉ ቀንቶኣቸው እነዚያን ‘ፈጣንና ፈጣጣ’ ሎተሪዎችን ለአንዴና ለመጨረሻ አራግፈዉ ለመገላገል ተመኙ። ግን ክፉ ዕድል ሆኖ ብዙ የደከሙለትን  ‘ቶምቦላ’ መጨረሻዉን ለማየት ሳይታደሉ የመሄጃ ጊዜያቸዉ ደረሰና የያዙትን ሁሉ ለዘመድ አዝማዶቻቸዉ በዉርስ ሰጥተዉ ይሰናበታሉ።

የሰዉዬዉ ወራሾችም የነገሩን አያያዝ አልቻሉበትምና አንዱን ሲይዙ ሌላዉ እየሸሸ ገና ከጅምሩ በሰዶ- ማሳደድ ጨዋታ ልባቸዉ ዉልቅ ይላል። “ልፋ ያለዉ በህልሙ ዳዉላ ይሸከማል” ይባል የል! ዉድ ዋጋ የተከፈለበትና እጅግ የተደከመበት ታላቁ ሎተሪም ገና ተፍቆ ሳይፈተሽ ዉጤቱ ከወዲሁ ባለማማሩ ከመጠቅለያዉ እንኳ በወጉ ሳይገለጥ እንደተሸፋፈነ ወደመጣበት መልሰዉታል። ፈጣኖቹም ቢሆኑ ኣንድ በኣንድ እየተመዘዙ ሲፋቁና ሲጣሉ የተቀሩት ደግሞ አንዳችም ተስፋ የሚጣልባቸዉ ባለመሆናቸው የሰዉዬዉ ቤት ግድግዳዉ ተንዶ ጣራዉ ሊፈራርስ የቀናት ዕድሜ ቀርተዉታል።

ጎበዝ! በዚህ ወቅት ብርቱ ጉዳዮች ኣሉብን። ለሕዝባቸዉ ነጻነትና ክብር የወደቁ ጀግኖቻችንን እናስባለን። የተያያዝነዉን ትግል ለማፋጠን ደግሞ ራሳችንን የበለጠ እናዘጋጃለን። ስለኦሮሞ ሕዝብ ነጻነት ሲሰሙ  የሚያምማቸዉን ደግሞ ጠንካራ ዉጋት እየለቀቅን የባሳ እናቃዣቸዋለን። ስለዚህም በፍጥነት ወደ  ጉዳዬ ልዝለቅ!

አንድ ሕዝብ ነጻነት ከሌለዉ ህሊዉናዉ አደጋ ላይ ይወድቃል። ይህ መሰል ኣደጋ የተጋረጠበት ሕዝብ ራሱን ከመከላከል የቀደመ አሳሳቢ ጉዳይ አይኖረዉም። ለዚህም ነዉ የዚህ ዓይነቱን አደጋ መከላከል ዉዴታ ብቻ ሳይሆን ግዴታም ጭምር የሚሆነዉ። ለዚህ ዓይነቱ ግዴታ ሕዝቡ የጋራ ኃላፊነት ይኖረዋል። ይህን ሃላፊነት ለመወጣት መሪዎችንና አመራሮችን በየደራጃዉ ይሰይማል። የፖለቲካ ፕሮግራሞችን ይነድፋል። ኣዋጭ የሆኑ የትግል ስልቶችን ይቀይሳል። አሳታፊና ዉጤታማ የትግል መዋቅሮችን ይዘረጋል። ኃይሉንና ጉልበቱን ያቀናጃል። ነጻነት ያለመስዋዕትነት በነጻ ኣይገኝምና ትግሉ የሚጠይቀዉን መስዋዕት ሁሉ ያቀርባል። ይህ በሕዝቡ ፍላጎትና ዉሳኔ ብቻ የሚሆን እንጂ ከየትኛዉም ኃይል ፍላጎትና ተጽዕኖ አንጻር የሚመዘንና የሚመጠን አይደለም። እንደዚያ ሊሆንም አይችልም። ጂቱ ለሚ

Guyyaa Har’aa Naannowaan Mooraa Yuuniversitii Finfinnee Humna Waraana Wayyaaneen Marfamee Jira

Aside

Ebla 25,2015 Gabaasa Qeerroo Finfinnee.

01

Yuuniversitii Finfiinnee Ebla 25,2015

Torbeewwan kana mootummaan wayyaanee haala isa mudatee jiru keessatti sodaachuu irraan daandiiwwan irratti konkolaataa dhaabee sakattaaisuu gabaasuun kenya ni yaadatama,haaluma kanaan har’ammoo mooraan barnootaa olaanoo Yuuniversitiilee keessaa fi ala humna waraana isaa qubachiisee kan jiru suuraan Qeerroon gabaasa isaa dhiyeessuun kan ibsuudha.Halkan edaa mooraa yuuniversitii kiiloo 6 fi kiiloo 4 keessa barattootni sabbontotni oromoo waraqaa balaliituu dabaa fi dhumiinsa ilmaan oromoo biyya keessaa fi biyya ollaatti raawwatamaa jiruuf itti gaafatamni mootummaa wayyaanee tahuu qaba kan jedhuun barruun darbamee mul’atee ture tikaa fi qaama dhokataa mooraa keessaa qabuun halkanuma funaanamuu Qeerroon gabaasee jira, haaluma kanaan har’a ganama irraa kaasee daandiin konkolaataa naannoowaa Yuuniversitii Kiiloo 4,5 fi Kiiloo 6 waraana Wayyaaneen qabamee jiraachuu Qeerroon gabaase.

Haalli kun Yuuniversitii Madda Walaabuu,Bulee Horaa fi Haromayyaattis halkan edaa Ebla 24,2015 Qeerroon waraqoota barattoota dammaqsuu fi mootummaan Wayyaanee gocha suukkanneessaa ilmaan Oromoo irra gahaa jiruuf iti gaafatamaa fi seeratti dhiyaachuu akka qabu maxxanfamee akka bule Qeerroon gabaasee jira, yeroo ammaa humni waraanaa naannowan dhaabbilee barnootaa olaanoo sodaatu qubachiisee akka jiru gabaasni Qeerroo addeessaa jira.

Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo fi Yuuniversitii ABO Keessatti,Gootota Oromoo Ebla 2014 Keessa Wareegamaniif Yaadannoon Ta’uu Qeerroon Gabaase.

Aside


Dargaggoo BiilaaEbla 25,2015 Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo,
Yuunivarsiitii Amboo fi naannoo Ambootti yaadannoon gootota Oromoo bara darbee Ebla 25,2014 Keessaa ilmaan Oromoo wareegama qaalii kaffaluun qabsoo bilisummaa uummata Oromoo finiinsan waggaan 1ffaan isaa bifa adda ta’ee fi sochii warraaqsaa FDG of keessaa qabuun kabajamuu itti fufe.

Goototni barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Amboo gumaa gootota wareegamanii gootota lubbuun jiranitu baasa, barruu warraaqsaa jedhu qopheeffachuun mooraa Yuunivarsiitii Amboo keessa fi uummaata Oromoo magaalaa Amboo fi naannoo isheef raabsuun uuffata gaddaa uffachuu, barnoota dhaabuu fi nyaata lagachuun ganamaa ganama barii lafaa irraa eegaluun hanga galgalaatti illee haala hedduu addaa ta’een
guyyaa yaadannoo gootota Oromoo kabajachuu itti fufan. Gaaffiin gootota keenya waliin taanee kaafne gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa dhiyaateef Mootummaan garboonfataa wayyaanee deebii humna waraanaa guddaa loltoota Agaazii jedhamuun beekaman nurratti bobbaasuun yakka duguugginsa sanyii (genocide) uummata Oromoo irratti rawwate. Yakka kanaaf Mootummaan Wayyaanee gaafatama seeraa fi seenaajala galee kan jiruu utuu ta’uu yeroo ammaan kana immoo maqaa filannoo fakkeessii fi kijibaa isaatiin uummata keenyaa dirqamsiisaa waan jiruuf jabeessinee balaaleffanna.

Gaaffiin karaa nagaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruu hanga deebii sirnaa argatuu fi yakka ol aanaa uummata keenya irratti rawwachaa jiruuf Mootummaan EPRDFn hanga itti hin gaafatamnetti filannoon gaggeeffamu hin jiruu dhaamsa jedhuu gootootni barattootni Oromoo uummataaf dhaamsa dabarsan.

Ebla 15/2015 Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 irraa eegaluun Mootummaan Wayyaanee Uummaata Oromoo magaalaa Amboo fi naannoo ishee irraa tajaajiloota kanneen akka bishaan dhugaatii, humna ibsaa, network fi tajaajiloota hawwaasummaa garaagaraa irraa dhaabuun uummataa daraara jiraachuun ibsame. Haalli kun wayyaaneen abdii kutannoo isa dhumaa fi guyyaan kufaatii wayyaanee baay’ee gabaabbachaa jiraachuu kan ibsu ta’uu uummatni Oromoo jiraattootni magaalaa Amboo dubbatan. Walumaa galattii yeroo ammaa kanaa sochii goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo jabeessa jiraniin wal qabatee mootummaan wayyaanee guyyaa kaleessaa humna waraanaa isaa hedduummina qaban magaalaa Amboo irraa qubsiisuun magaalaan Amboo eegumsa waraanaa jala kan jirtu ta’uun hubatamera. Mooraan Yuunibarsiitii amboos poolisii federaalaa Wayyaaneetiin guutame jira. Sochiin FDG jabaachuun hanga wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n aangoo gadhiiftutti jabaatee kan itti fufu fi gumaa Gootota wareegamanii gootota jiranitu baasa, kaayyoo gootota wareegamaniis gootota jiranitu galmaan ga’aa jechuun barruulee warraaqsaa bittinneessuun goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo sochii isaanii jabeeffachuun yakka wayyaaneen bara darbee Oromoo irraatti rawwateef gaddaa guddaa qaban ibsachuu itti fufan.

ቄሮ:የኦሮሞ:ወጣቶች:ለነፃነት:ንቅናቄ:ድምፅ:: April 24, 2015

Aside

Mootummaan Wayyaanee Kallattiiwwan Shanan Finfinnee Irraa Bahanii Galan Irratti Konkolaataa Dhaabsisuudhaan Sakatta’a Eegale‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Ebla 24,2015
q-news3aaAkkuma beekamu baatii baatiin Ebla uummata Oromoo biratti dagatamu miti, waggaa darbe wayita kana Oromiyaa keessatti FDG baarageen barattootni oromoo,da’immanii fi maanguddoon lubbuudhaan wareegamuun kan dagatamu miti, baatiin kun bara baraan uummata Oromoo biratti kan yaadatamu ta’ee akka itti fufu dhiiga obboloota keenya baatii Ebla 2014 keessa dhangala’etu barabaraan nu yaadachiisa hafa. Haatahu malee
mootummaan Wayyaanees baatiin kun isaaf sodaa guddaa itti tahuu irra darbee torbee kana keessa sochiin uummata biyyattii kan isa dhiphiseen humna waraana isaa bakka isa sochoosisee uummata dhaanuu fi hidhuu irratti kan xiyyeeffatee ka’ee jiruudha. Gadda uummanni asuma dhiyoolubbuun namoota mootummaa Wayyaanee baqatanii fi jireenya ofii fooyyessuudhaaf biyyaa bahanii harka diina fakkaataa mootummaa Wayyaaneetti kennamaniin ummanni hiriira baheen namootni nagaan humna waraana Wayyaaneen dhaanamuudhaan miidhamanii yeroo amma Hospitaala keessatti argaman lakkoofsa kan hin qabnee fi mana hidhaatti kan guuramanis lakkaawun kana jechuun kan hin danda’amneedha.

Mootummaan Wayyaanee uummata isaa qaba jedhuun jjibbamuu mirkaneeffatee jiraachuun abdii kutatee waraana uummata nagaatti bobbaasee kan jiruu fi amma ammoo magaalaan Finfinnee keessi ganda gandaan humna qabu ramadchiisee kan jiru tahuun beekamee akkasuma guyyaa har’aa addatti kan eegale Karra Shanan Finfinnee irraa bahan,
1. Karra Qirxii/ daandii Finfinnee irraa gara Kaabaa geessu,
2. Karra Qoree/daandii Finfinnee irraa gara Jimmaatti geessu,
3. Karra Alloo/daandii Finfinnee irraa gara Walloo ykn Dasseetti geessu,
4. Karra Qaallitti/daandii Finfinneerraa gara Bishooftuutti geessuu fi
5. Karra Gafarsaa/daandii Finfinneerraa gara dhiyaatti geessu.

Finfinnee irraa kan bahuu fi kan seenu konkolaataan dhaabbatee sakatta’amuu eegalee jira, humnootni addaa daandiiwwan kana cina bosonaa keessa dhangala’ee buufatee kan jiruu fi humni daanditti bahee mul’atus sakatta’iinsa jabaa konkolaataa gaggeessuu eegale, mootummaan Wayyaanee nageenyaa isaaf sodaa keessa seenuu kan mul’isuu fi wayita ammaa kanas diddaan barattootaa akka darbe sun ka’uu of sodaachuu humnuma waraana isaa keessaan odeessi loo’ee Qeerroo qaqqabaa jira. Dhaabbilee barnootaa kanneen akka Yuuniversitii keessattis xiyyeeffatamee kan jiru barataan akka waan meeshaadhaan of qopheessuu barataa kaayyoof bahe sakatta’uun karoorfamuun kan dhagayamaa jiruu fi Qeerroon(Dargaggootni oromoo ) dhugaaf dhaabbatee harka isaa qullaa diina nama nyaataan falammii gaggeessuuf of qopheessee jiraachuu Qeerroon mooraa yuuniversitiilee garagaraa irraa gabaasee jira.

Mallattoon sodaa yeroo ammaa mootummaa Wayyaanee irraa mul’atus mallattoo kufaatii isaa tahuun waan nama hin shakkisiisneedha, kanumaan mootummaan wayyaanee daandiiwwan konkolaataa irraa humna isaan sakatta’iinsa konkolaataa uummata sakatta’uu irratti xiyyeeffatee akka jiru Qeerroon gabaasee jira.

Sagalee Qeerroo,Simbirtuu Ebla 23,2015 fi Raadiyoo Oromoo Qophii Ebla 22,2015

Aside

Sagalee QEERROO ” Haala Ammaa Irratti Qophii Addaa” Ebla 22, 2015

Aside

Loltooti Wayyaanee Daandii Magaalaa Walqixxee Hamma Jimmaa Jidduutti Konkolaataa Dhaabanii Sakataa’uu fi Saamuu Eegalan. Yuniverstii Jimmaa fi Walqixxees Saka’ata’insi Seeraan Alaa Itti Fufe.

Aside

Barattoota OromooEbla 22,2015 Mootummaan Wayyaanee EPRDF raafama guddaa keessa galuun daandii Konkolaataa Finfinnee irra gara Jimmaa geessuu magaalaa Walqixxee hanga Jimmaatti bakkota hedduutti konkolaataa dhaabee sakkatta’uun uummata dararaa jira.

Mootummaan Wayyaanee  EPRDF haala raafama siyaasaa, dhabamuu dimookiraasii fi abbaa irruummaa gaafa baaseen waan qabee gadhiisuun dhabuun magaalaa Jimmaa fi daandii Finfinnee gara Jimmaa geessuu irratti sakkatta’insa hamaa halkanii guyyaa gaggeessa jira. Keessaattuu Magaalaa Jimmaa keessatti  humnoota poolisii federaalaa isaa bobbaasuun nama daandii irraa adeemu kamuu dhaabuun waraqaa eenyummaa kan gaafatanii fi sakkatta’insa guddaa irratti gaggeessuun kan dabarsan ta’uu irraa uummata gooluu eegale jira. Sakkatta’insa Wayyaanotaa kun mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa galma mooraa Yuunivarsiitichaa irrattiis haalaan jabaatee itti fufuun gadi ba’uu fi oldeebi’uun hojjeettootaa fi barattootaa sakkatta’insaan erga muddamuu eegalaanii torbee tokkoo ol ta’uun ibsamera, kana malees Mooraan Yuunivarsiitii Jimmaa humnoota tikaa fi waraanaan eegamaa jirti.

Mootummaan Wayyaannee yeroo amma kanaa FDG uummaataa fi goototaa dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoon hudhamee kufuuf raafamaa jiruu waan qabee gadhiisuu wallaaluun Yuunivarsiitii Walqixxee irratti immoo Doormii barattootaa seenuun sakkatta’insa addaa ta’ee gaggeessuun ofumaan barraagee barattoota jeeqaa jiraachuun ibsame. Mootummaan Wayyaanee aantummaa uummataa hin qabane rakkoo uummata biyyatti fi addaatti immoo uummata Oromoo irraatti biyyaa keessatti fudhachaa jiruu fi ajjeechaa suukaneessaa lammiilee biyyaatti irraatti  gaggeessaa jiruuf mootummaan Wayyaanee gaafatama gahaa fudhachuu akka qabu uummanni iyyaa jira.

Ummatni biyyatti hundinuu bu’aa mootummaan Wayyaanee buusaafi jiruu hidhaa, ajjeechaa fi dabarfamanii harka halagaa hambaa garaa lafina tokko hin qabneen ajjeefamuun wal qabatee guyyaa kaleessaa uummatni biyyaatti magaalaa Finfinnee keessa jiraatu mormii guddaa Wayyaaneen qabuun FDG guddaa wayyaanee irratti dhoosee jira kanaan walqabateen Wayyaaneen rifatee raafama guddaa keessa galuun tarkaanfii hadhawaa uummata irratti fudhachaa jiraachuun ibsame.

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Gocha Sukkanneessaa Lammiiwwan Oromoo fi Itiyophiyaa Baqattummaan Biyya Ambaa Jiraatan Irratti Raawwatamaa Jiruuf Mootummaan Wayyaanee Itti Gaafatamuu Qaba. 

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo 

Uummatni Impaayera Itoophiyaa keessaa addatti dargaggootni biyyattii dhiibbaa mootummaan faashistii Wayyaanee gaggeessaa jiruu fi tureen dirqamuun baqattooti lakkoofsa guddaan gara biyyoottan ollaa fi baha fagootti godaanuuf dirqaman. Carraan dargaggootaa Impaayera Itoophiyaa keessatti hidhaa, ajjeechaa, doorsifamaa fi hojii dhablee tahuu dha. Dargaggootni Bulchinsa Impaayera Itoophiyaa keessaa abbaa biyyummaa mulqaman, Hojii dhabdummaan cinqatanii fi hidhaan itti hammaatte gammoojjii sahaaraa fi garba akkasumas galaana keessatti qorraa fi dheebuu dandamachaa kaan ajjeefamaa biyyoottan garaa garaatti baqachuuf dirqamu.

Dargaggootaa fi lammiilee gara biyyoottan garaa garaatti baqatan irratti miidhaan dhala namaaf hin malle waggaa 24 guutuu bulchinsa sirna Wayyaanee keessatti gaggeeffamaa asiin gahe. Mootummaan Wayyaanee garuu lammiiwwan abbaa biyyummaa isaanii mulqamanii godaansa filatan ‘’ baqatttoota, shororkeessitoota… itti maxxansuudhaan biyya ambaa deeman keessatti illee nagaa fi tasgabbii akka hin arganne taasisaa asiin gahe. Daandii godaansaa fi biyyoota ambaa keessatti dhangala’insa dhiigaa fi lubbuu godhamaa tureefis akka quba hin qabneettii usee irra tarkaanfachaa asiin gahe.

Miidiyaaleen Addunyaa garaa garaa lammiiwwan Itoophiyaa galaanaan, Gammoojjii fi harka dhala namaa garaa jabina raawwataniin ajjeefaman wayita gabaasu mootummaan Itoophiyaa garuu haaluu irraan darbee yakkamtoota gochaa ture. Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ebla 2015

Hiriira Finfinnee Guyyaa Har’aa

Aside

IMG_20150422_084516 IMG_20150422_085900