Ebla 22,2015 Mootummaan Wayyaanee EPRDF raafama guddaa keessa galuun daandii Konkolaataa Finfinnee irra gara Jimmaa geessuu magaalaa Walqixxee hanga Jimmaatti bakkota hedduutti konkolaataa dhaabee sakkatta’uun uummata dararaa jira.
Mootummaan Wayyaanee EPRDF haala raafama siyaasaa, dhabamuu dimookiraasii fi abbaa irruummaa gaafa baaseen waan qabee gadhiisuun dhabuun magaalaa Jimmaa fi daandii Finfinnee gara Jimmaa geessuu irratti sakkatta’insa hamaa halkanii guyyaa gaggeessa jira. Keessaattuu Magaalaa Jimmaa keessatti humnoota poolisii federaalaa isaa bobbaasuun nama daandii irraa adeemu kamuu dhaabuun waraqaa eenyummaa kan gaafatanii fi sakkatta’insa guddaa irratti gaggeessuun kan dabarsan ta’uu irraa uummata gooluu eegale jira. Sakkatta’insa Wayyaanotaa kun mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa galma mooraa Yuunivarsiitichaa irrattiis haalaan jabaatee itti fufuun gadi ba’uu fi oldeebi’uun hojjeettootaa fi barattootaa sakkatta’insaan erga muddamuu eegalaanii torbee tokkoo ol ta’uun ibsamera, kana malees Mooraan Yuunivarsiitii Jimmaa humnoota tikaa fi waraanaan eegamaa jirti.
Mootummaan Wayyaannee yeroo amma kanaa FDG uummaataa fi goototaa dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoon hudhamee kufuuf raafamaa jiruu waan qabee gadhiisuu wallaaluun Yuunivarsiitii Walqixxee irratti immoo Doormii barattootaa seenuun sakkatta’insa addaa ta’ee gaggeessuun ofumaan barraagee barattoota jeeqaa jiraachuun ibsame. Mootummaan Wayyaanee aantummaa uummataa hin qabane rakkoo uummata biyyatti fi addaatti immoo uummata Oromoo irraatti biyyaa keessatti fudhachaa jiruu fi ajjeechaa suukaneessaa lammiilee biyyaatti irraatti gaggeessaa jiruuf mootummaan Wayyaanee gaafatama gahaa fudhachuu akka qabu uummanni iyyaa jira.
Ummatni biyyatti hundinuu bu’aa mootummaan Wayyaanee buusaafi jiruu hidhaa, ajjeechaa fi dabarfamanii harka halagaa hambaa garaa lafina tokko hin qabneen ajjeefamuun wal qabatee guyyaa kaleessaa uummatni biyyaatti magaalaa Finfinnee keessa jiraatu mormii guddaa Wayyaaneen qabuun FDG guddaa wayyaanee irratti dhoosee jira kanaan walqabateen Wayyaaneen rifatee raafama guddaa keessa galuun tarkaanfii hadhawaa uummata irratti fudhachaa jiraachuun ibsame.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk