Mooraan Yuunivarsiitii Jimmaa humna Waraanaa Poolisoota Fedaraalaa Wayyaaneen Marfame. Humnootni Tikaa TPLF Heddumina Qabu Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa fi Koolleejjii Barasiisota Jimmatti Ramadamuu Qeerroon Gabaase

Aside

Gabaasa Qeerroo Jimmaa Ebla 18,2015

Ebla 17/2015 Mooraan Yuunibarsiitii Jimmaa humna Waraanaa Poolisoota Fedaraalaa Wayyaaneen Marfame. Humnootni Tikaa TPLF Heddumina Qabu Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa fi Koolleejjii Barasiisota Jimmatti Ramadamuu Qeerroon Gabaase Guyyaa har’aa kabajni Guyyaa Gootota Oromoo Ebli 15 fiYaadannoon wareegamtoota uummata Oromoo fi gootota dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo Ebla 2014 FDG irratti wareegamanii Waggaa tokkooffaan isaa guyyaa har’dhaa bifa ho’aa ta’ee fi hedduu ajaa’ibsiisa ta’een gootota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi Koollejjii barsiisota Jimmaan kabajamuun wal qabatee mootummaan Wayyaanee raafama ulfaata keessa seenuun humna waraanaa , basaastoota fi dabballoota isaa dhabbilee barnootaa mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa, koolleejjii Barasiisota Jimmaa fi magaalaa Jimmaa irratti bobbaasuun uummataa magaalaa illee doorsisaa olee jira. Goototni Qeerroon barattootni Oromoo guyyaa kaleessaa Ebla 16/2015 galgalaa irraa eegaluun barruulee warraaqsaa gootoota Oromoo kan faarsuu fi gaaffii mirga abbaa Biyyummaa uummata Oromoo kan of irraa qabu Mooraa Yuunivarsiitii keessatti barattootaa fi jiraattoota fi hojjettoota hundaaf bittinneessuun Magaalaa Jimmaa keessatti maaxansaa buluun guyyaa har’aa Ebla 17/2015 immoo gana sa’aa 12:00 egaluun uuffata gaddaa uffachuun nyaataa fi barnoota dhaabuun ifatti haala ho’aa ta’een kanajachuun mootummaa Wayyaanee raafama ulfaataaf saaxilan.

Haluma kana irraa ka’uun abbaan irree mootummaan Shororkeessa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n sodaa ulfaataa keessa seenuun dhiphatee waan qabee gadhiisuu dhabaa jiruu mooraa yuunibarsiitii Jimmaa arfan Main campus, mooraa Economics and Business, mooraa Agriculture fi Mooraa saayinsii fi teeknoloojii galma irra poolisoota isaa dhaabuun barattoota fi hojjettootaa hunda irratti sakkatta’insa guddaa gaggeessa oole. Magaalaan Jimmaas raafama guddaa keessa jirti. goototni qeerroon barattootni Oromoo immoo sodaa tokko malee wareegama kamuu baasnee mirga keenyaaf ni falmanna, mirga bilisummaa uummata keenyaa fi walabuummaa biyyaa keenyaa hanga gonfannutti duubatti hin deebinu sochiin warraaqsaa FDG itti fufa wareegama kamuu baasuuf qophii ta’uu ibsachaa jiru.

ቄሮ:የኦሮሞ:ወጣቶች:ለነፃነት:ንቅናቄ:ድምፅ:የሳምንቱ:ዜና:: April 17, 2015

Aside

Goototni Barattootni Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 fi Waggaa Tokkooffaa FDG Ebla 2014 Irratti Ummata Oromoo Wareegamanii Bifa Adda Ta’een Kabajatan

Aside

Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Jimmaa Ebla 17,2015

Photo0038 Photo0039Goototni  Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa  Ebla 15,2015 irraa eegalanii GGO bifa addaan kan kabajatan yeroo ta’u, addatti ammo  guyyaa har’aa Ebla 17,2015 ganama barii lafaa irraa eegaluun haala aja’iba ta’een GGO fi waggaa tokkoffaa guyyaa wareegamtoota uummata  Oromoo bara darbee Ebla 2014 irraa eegaluun qabsoo FDG haala ajaa’ibsiisa ta’een qabsiisuun mootummaa wayyaanee hamma funyaanitti qawwee hidhatee dura dhaabbachuun mirga abbaa biyyuummaa uummata Oromoo kabachiisuuf wareegama qaalii baasaaniif yaadannoo waggaa 1ffaa haala adda ta’een kabajachuu eegalan, kanas uuffata gurraachaa uffata gaddaa uffachuun, nyaata lagachuu fi barnoota dhaabuun itti fufan.

Ebla 15-16,2015 Sadarkaa Maadhee fi Miseensota Qeerroo gootota sabboontota Oromootiin walitti dhufuun haala ajjaa’iba ta’een qabsoo bilisummaa Oromoo irratti marii baldhaa gochuun, kaayyoo gootota keenyaa galmaan ga’uuf FDG egallee wareegama qaalii kanfalaa jirru tokkummaa uummata keenyaa jabeessuun uummata keenyaa waliin taanee falmannee falmachiisuuf kutannoo fi murannoodhaan kan qabsoofnu ta’aa,jechuun murtii isaani ibsatan.

Duutii hidhaan duubatti nu deebisuu hin danda’uu, qabsoon bilisummaa Oromoos duubatti deebi’uu hin danda’u diinnis uummatni keenyas kana hubachuu qaba,  Saba ofiif wareegamuun gootummaa gootummaa caaluudha, erga duuti hin ollee du’a gootaa du’uu qabna, gootni gaafa du’uus lammaffaa dhalate, maqaan isaa bara baraan dhahama jechuun seenaa gootota Oromoo sirriitti wal barsiisuu fi haala qabsoon bilisummaa Oromoo amma irraa jiruu fi haala rakkoo siyaasa biyyatti hudhee qabee jiru irratti marii baldhaa gochuun, mootummaa abbaa irree dhabamsiisuun uummata keenyaa bilisoomsuuf kaayyoo gootota keenyaa fiixaan baasuun dirqama dhaloota qubee ta’uu goototni Qeerroon barattootni Oromoo yuunibarsiitii Jimma wal hubachiisuun waadaa isaanii haromsachuun guyyaa Ebla15 GGO.gootota Oromoo Ebla 15 fi guyyaa wareegamtoota uummata Oromoo fi gootota dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo bara darbee Ebla 11/2014 irraa eegaluun qabsoo bilisummaa finiinsuun  warregama qaalii kanfalan yaadachuun kaayyoo isanii galmaan ga’uuf FDG gama hundaan itti fufsiisuuf, barruulee warraaqsaa gootota barattoota oromoo faarsuu fi kan gaaffii mirga abbaa biyyuummaa fi gaaffii waa’ee master pilaanii Finfinnee qabatee magaalaa Jimmaa, Aggaroo, fi mooraalee Yuunibarsiitii Jimmaa Main campus, Mooraa Saayinsii Fi Teeknoloojii  fi mooraa Economics anda Business, fi mooraa Agriiculture keessatti Ebla 17/2015 halkan guutuu maxxasaa fi bittinneessa  buluun   Guyyaa har’aa ebla 17/2015 haala ajaa’iba ta’een goototni dargaggootni Qeerroon  barattootni  Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa ganama sa’aa 12 irraa eegaluun uuffata gaddaa uffachuun, nyaataa lagachuu fi barnoota dhaabuun guuyyaa gootota Oromoo ebla 15 fi guyyaa wareegamtoota gootota Oromoo bara darbee qabsoo FDG finiinsuun baatii Ebla 2014 gara jalqabaa irraa egaluun warrgama qaalii kan falan waggaa 1ffaa isaa haala ajaa’insiisa ta’een kabajatan. Uummatni sabboontotni Oromoo Magaalaa Jimma dargaggoota Qeerroo barattoota oromoo irraa dhaamsa darbeef fudhachuun uffata gaddaa uffachuu fi guyyaa har’aa kana hojii isaanii dhaabuun hojii seena qabeessa qeerroon bilisummaa Oromoo gaggeessuu kana irraa qooda guddaa fudhachuu jiraachuun ibsame.

GGO Ebla 15 JimmaHaaluma walfakkaatuun GGO fi guyyaan Wareegamtoota uummata Oromoo fi dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo Ebla 2014 FDG finiinsuun wareegama qaalii baasan Sirni Yaadannoo dungoo diimaa Magariisaa qabsiisuun  godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti haalaan itti fufe jira, FKn Godina Iluu Abbaa Booraa, Yuunibarsiitii Mattuu, Magaalaa Mattuu, Magaalaa Baddallee : Lixa Shaggar Magaalaa Amboo, Yuunibarsiitii Amboo, Magaalaa Gudar, Xiquur Incinnii, Geedoo, Midaa Qanyii Ballammii, Jalduu, Gindabarat,Godina Kibba Lixa Shaggar Magaalaa walisoo, Yuunibarsiitii Walisoo, Yuunibarsiitii Walqixxee,  Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Finca’aa, Shaambuu, Haratoo, fi godina Bahaa wallaggaa Magaalaa Neqemtee fi Aanawwaan godinichaa keessatti,  Yuunibarsiitii Wallaggaa, Godina Lixa Wallaggaa, Gimbii, Asoosaa, Mandii, Dambii Doolloo keessatti uummatani sabboontotni Oromoo fi goototni dargaggootni barattootni Oromoo haala ajaa’iba ta’een kabajachaa jiraachuu madden keenya gabaasa jiru.